FOR BETTER OROMIA

‪Seenaa Guutamaa Hawaas (1945-1994)

Jaal Guutamaa Hawaas (1945-1994)

Jaal Guutamaa Hawaas magaan dhaloota isaa Jamaal Roobalee ti. Gooti Oromoo kun bara 1945 keessa abbaa isaa obbo Roobalee Daadhii fi haadha isaa aadde Gaashoo Tofoo irraa  Oromiyaa Kibba bahaa kutaa Arsii, Konyaa aa Guuguu, aanaa Gololchaa, Araddaa Ashuttee ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga’eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1 ffaa hanga 4ffaatt kan barate yoo ta’u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa (Li’ul Mokonnin jedhamutti baratee xumure. Akk barnoota isaa xumureenis waaijira “Bunnaa Boordii” jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas birkii Finfinnee fi Diillaatti aragmu keessa yeroo muraasaaf hojjete ramadamte. Wajjirra kana keessatti bulchaa aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975 hanga 1977 tti naannoo Arbaa Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa tahee hojjateera. Maayyii irratti bara 1978-1979 ti konyaa Arbaa Guuguutti gaafatamaa dhimma ummata (Hizbi Dirijjit) ta’ee hoijete. Haa ta’uyyuu malee mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba uu fi galuu isaa waan hordofuu abeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi ee hojjechuu jalgabe.

Jaal Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hujii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABC waan tureef, achuma keessa hujii dhaabaallee (ABO) lafa jalaan hojjataa ture. Kuni illee, Maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahan dabarsuu irratti hoijataa ture Miseensonni quba qabeennaa fi gajeelfama isaatiin karaa naannoo inni hoijatu keessa qaxxaamuranii gaaratti bahan keessaa akka fakkiitti yoo tudhanne ayyu Duree ABO yeroo sanii J/Bariisoo Waabee (Magarsaa Bari), Kinfa-Mikaa el Hindheessaa, Ahmad Bunaa (Goota Bobbaas), Baaroo Tumsaa, Abbaas Biyyaa Roobaa fi kan kana fakkaatantu keessatti argamu. Miseensonni gaafa san akka hiriyyaatti isaan walbeekanii fi waliin mana barumsaa irra turan, kanneen amma lubbuun jiran Obbo Ahmad Huseen, Maammee Adii, obbo Huseen Aadam fi obbo Jayluu Abobakar faa rraa seenaa duubbee isa caalatti qorachuu fi baruun ni dandayama.

Hojii qabsoo ka inni lafa jalaan hoijataa fi hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeefis maayii irratti innilleen. diina jalaa baafatee gaara seenuu fi guutuu guutuutti hojii qabsoo irratti hirmaachuun dirqama itti taye. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti dirretti bahe. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanitti eegalamee waan jiruuf, rakkina tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo ka naannoo sanitt ramadamee bobba aa jirutti makamuu dandaye Obbo Guutamaan eega jaallan saa dura gaara jiranitti makamee dirqma qabsoo ka dhalootaan Oromoo tayuu isaan irra jiruu fi gama dhaaba isaan hoji sadarkaa gara garaatti itti keennamu mara amanamummaa fi gaafatamummaa guutuun hojjataa ture. Obbo Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti gaafatama dhaabaa ka gara garaa irra ture. Gaafatamni kunillee Bara 1979 irraa kaasee haga 1984-tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanitti Godina Kibba-Bahaa ka jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo Ona(Aana) Daaroo-Labuu ka dabalatuu fi of keessaa qabu jechuu dha. Yeroo kana koree keessatti gaafatamni isaa gaafatamaa hojii hawaasummaati fi Kibba- Bara 1983 Jila miseensota ABO Godinoota Bahaa Bahaa irraa yaamamee fi hogganoota ABO ka wareegaman bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis, bakka raaree Aadam Boruu jedhamutti taa’e irratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa jidduu ABO (member of centeral committee of OLF) tayee filame.

Bara 1984 keessa baruman itti aanu walgahii Koree Jidduu 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti taa e irratti gaafa Waajjirri Siyaasaa ABO (OLF Political Bureau) jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa member of Political Bureau) tayee filame. Achumaan mataa Damee Hawaasummaa ABO tayuun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee, naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophii irra jirutti miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO tayee gaafatamummaa Itti-aanaa fi diinaggee koree kanaa fudhatuun ramadamee hojjate Kora irratti ammoo, marroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa tayee filame. Achumaan mataa Damee Diinaggee ABO tayuun ramadame. Bara 1991 yeroo mootummaa cehumsaa keessa ABOn seene, hirmaata hujii ka hoogganni dhaabaa yeroo san hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhate irratti miseensa mana marii (member of parliamen) fi gaafatamaa Godina Kibbaa tayee ramadame Bara 1992 yeroo ootummaa Cehumsaa keessaa ABOn bahetti gaafatamuma kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti deebi’ee maroo lammaffaaf gaara seene akkuma beekamus yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi Sha’abiyaa human isaani walitti qindeeffachuun waraana.

Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsi isuuf lolaa guddaa yeroo isaan itti banan ture. Eblia 12 bara 1994 ttis kultaadhuma kana aanaa Dalloo Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan Haxiballaa jedhamu irratti Waraanni Wayyaanee fi Sha’abiyaa kun lola guddaa WBC irratti bana niin lola hadhawaa guyyaa sad’iif ta’e keessatti akka gootaa lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebila l4 naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola irratti tayeen diinaan marfamee harka koo diinatti hin kennu jechuun boonbii ofitti dhoosanii jaallan isaa arfan yer waliin turan waliin wareegaman. Isaan keessaa namni ba’ee fi qabamellee hin turre.

Lafa gammoojjii kan akka malee howuu fi bishaan hin qabne keessatti lola sana jalaa Jaal Guutamaa milkisanii baasuuf araanni guddaanii fi kan karaa beekan itti bobbafamanii wareegamni guddaan itti ba’ellee madaala humnaan garuu milkaa uu hindandeenye ture. Miseensonni ABO yeroos obbo Guutamaa Hawaas wali in turan keessaa hang tokko; obbo Wayyeessaa (Qaasim Mohammad Korboo) jedlama Dhaloonni jaala kanaa kutaa naannoo Roobee, bakka Kabiira ture. Jaalli, obbo Qondaala waliin wareegame kun miseensa buleessaa fi dhaabaa ka yeroo gara garaa gaafatama ulfaataa huji siyaasaa, dinagdee, qunnamtii fi kkfra yeroo gara garaatti fudhatee hojjataa ture yoo tayu, yeroo saniif ka obbo Guutamaa biratti ramadameef. nama kara fi biyyallee qajeellotti beekuu fi jaala baraarsuu dandaya jedhamee akka itti gaafatamaatti itti dabalamee dha Qabsooftuu biroon ka Jaal Guutamaa waliin wareegamte aadde Qananii jedha Dhaloonn isii kuta Shawaati Dubartoota qabsoo Oromoo keessaa da fudhatan keessaa dubartii akkaan murannoo fi hubannoota qabsoo qabdu yoo taatu, yeroo rakkisaa ka bara 1992-4 keessa duulli ayyaanee WBO-tti hammaate keessatti gara kuteennaan sodaa fi bir aa tokko malee lafoota rakkisoo diinni marsee nu eeggatu keessatti hulluuxee garaacha diinaa seenuun WBO ta jiraachisaa turteedha. Kan sadaffaa obbo Tasfahun kan naannoo dhiha Oromia Wallaggatti dhalatee fi arfaffaan Galataa kan iedhamuu fi dhalootan Baale ta’aniidha

Miseensonni kun miseensota ni gabu keessaa. miseensota buuleyyii, jajjaboo fi qabsoo irra jiramu irratti urjii tayanii maan geegessaa turan tayuu isaanii osoo hin kaasin bira dabarru hin dandeennu. Lolli obbo Guutamaan keessatti wareegame kun, lola guddaa fi hadhaawaa hiriyyaa hin qabne ture. Guyyaan 3 guutuu waraanni miillaa ka lakkoysa guddaan itti duulce wal marroo yoo murni tokko dadhabu, kaan isaan irratti wal dabarsaa isaaniin lolaa ture, ture. Wara qilleessaa ammoo xiyyaaraan nyaataa fi bishaan, hidhaannoo fi madoo isaa guuraafii ture. Lola san keessatt milkii fi in jifannoon kan WBO ture, Miseensota akka obbo Guutamaa qaqqaaliin haga okko WBO irraa haa wareegaman malee diina irra hoong ahe guddaadha. Gama diinaatii araanni lola atti WBOn ajjeefamee fi madeeffame malce ka akkanumatti gaara keeessatti faca’ee hafee bineensaa fi allaattiin reeffa saa nyaatte, ka hidhannoo isaa ummatni Oromoo bosona keessatti irraa guurate nama 60 ol ni taya. Ka rasaasa WBOn mate lakkooysi isaa haga hin qabu. Humni guddaan isaan irratti duule Sun yeroo achii galutti birgeediin tokko ka nama 10,000 of keessaa qabu sababa kanaan guututti kan irraa diigame ture. Namni naannoo fi lola san keessa hin turin hat enna ola kanaa kanarraa hubachuu fi baru ni dandaya jechuudha.

Jaal Guutamaa Hawaas, naannoon inni yeroo duraatii qabsotti gadi bahee fi keessa hojjachaa tur naannoma ufi keessatti dhalate waan tayeef bara 1979-85 tti sababaa fi maqaa isaatiin warraa fi maatii ka keessaa dhalate dabalat ummanni Oromoo ka naannoo anii fi hiriyyoonni Isaa ee osoo hin hafin diinaan ajjeefamanii lafarmaa Amaar duguugamaa turan. Obboleessa isaa Muhaammad Roobalee Daadhii bara 1980 keessa Magalaa Abboomsa keessatti diinni ajjeese, akkasuma Obbolectti isaa Lukku Roobalee Bara 1982 ji’a Ramadaanaa keessa eddoo Dande jedhamuttu bakka looniin godaantet ganama manaa fudhanii kaampi waraanaa Haroo Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi qalbi in dararaa erga oolan booda naannawa manaa deebisuun rasaasaan tumanii biraa deeman Namoonni gaheeyyiin, maanguddoonni dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan ajjeefamaa, mana keessatti ibiddaan gubaman fi bakkoota gara garaatti ajjeefamuun awwaalallee dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaatc toora nama 500 oliiti.

Qabeenni mana keessa gubamee hori in baroota kana keessa diinaan saamame miliyoonaan lakkawama. Sanyii lafarraa duguuginsa ilma namaa ka naannoo sanitti di inni magaa J/Guutamaa fi ABOn ummata keenna irra geese barruu gabaabduu fuula tokkoo lamaatiin himaanii fixuun hin dandayamu. Gochaan kun ka yeroo fi qorannaa dheeraa barbaadu waan tayeef hayyoon Cromoo seenaa qoratanii fi barreessan dhimma kana qoratanii dhugaa jiru sabaaf akka baasanii carraa kanaan gaafanna.

Jaal Guutamaa Hawaas, haga yeroo dheeraa falmaa qabsoo bili summaa Oromoo keessa ture keessatti, hujii inni hojjataa ture, huji boonsaa fi seena qabaassa, ka namni tokkollee hammeennaa fi ir’oomina irra himuu hin dandeenne tayuu isaattu ture. Eennummaa fi amaloota mataa fi hujiif ka jaalli kun addatti qabu keessaa haga tokkollee tayu akka itti aanu kanatti ragumaaf dhiheessina. Jaal Guutamaan nama umma guddaa qabu waan tayeef, hawwiin isaan saba Oromootiif qabu tarrisanii fixuun namatti ulfaata. Ummataa fi ilmaan Oromoo ka miseensota dhaabaa tayan mara ija tokkoon ilaala, akka tokkotti yaadaafilleedha. Obbo Guutamaan nama mooyxannoo hojii yeroo dheeraaf qabu waan tayeef hujii fi gaafatama itti kenname sirnaa fi qulqulluminaan hoijeta Obbo Guutamaan, amalaa fi mooyxannoo hooggana tokko irraa eegamu guuttatee nama qabu. Nama waan ufii isaatii hin goone, miseensaa fi hooggana biraatiin godhi jedhuu miti. Sirna talifaa waan beekuuf, nama hujii fi miseensota hoogganullee sirnaan hoogganuu fi toohatee bulchuuhdha.

Jaal Guutamaan homa mara keessatti ifaadha. Nama sodaatee (zigaalee) gora, dadhabbii, akkasuma shira jiruu fi….kkfn miseensota, anootaa fi abbuma fedhe irratti yoo argu osoo jalaa hin dhoksin ifatti itti nama itti himu. Jaalli kun, nama ufii sirnaa fi seeraan bulee namni biraallee akka sirnaa fi seeraan bulu nama jaalatu. Namni sinnaa fi seeraan hin bulle isa biratti gatii fi bakka hin qabu Jaal Guutamaan, barsiisaadha. Haga dhaaba keessa turetti, ka inni ittiin beekamu barsiisummaani. Hogganoota ABO ka miseensotaa fi ummata orolmoo dhihaatanii barsiisuu fi guddisuu jaalatanii fi barsiisaa turan keessaa nama hangafaatii fi hiriyyaa hin qabne. Hojii fi barsiisuu irraa ar’a xiqqoo isii na dhukkuba” jedhee hin boqatu. Miseensonni inni barsiisee mooyxannoo hujii sadarkaa garagaraa itti hore herregayyuu hin qaban. Jaal Guutamaan qulquillummaa jaalata. Qulqullummaa qaamaa, hoji naannoo fi…kkfn mara. Yeroo hunda ka inni namootaan irratti waldhabulleen kanuma. obbo Guutamaan masluufummaa, dan ta-dhablummaa, maal of golummaa nadhibummaa ayyaan-laallattummaa walumaa galatti amaloota farra warraqsaa hin jaallatu; itti duulaa ture. Namni inni jaallatu nama amaloota warraagsaa qabu qofa.

Jaal Guutamaan murataa fi na man waan takka murteeffate inraa of duuba hin deebineedha. Umurii maanguddummaatiin osoo dhukkubsatuu wareegni inni qabsoo Oromoo irratti baasellee kanaan walqabata. “Ani umrii kanaan ammaa achi lama hin tayu, Oromiyaa fi WBO gaaratti dhiisee baqat diinaatiif jecha biyyaa hin bahu asummattin wareegama osoo jedhuu wareegamee kufe. Yeroo mootummaa Cehumsaa keessaa bahamutti akkuma jaallan hogganoota ABO ka hafani osoo hiree alatti bahuu qabuu fi dandayanii dhiisuun marroo lammataatiif gaaratti deebi an Jaal Guutamaan, sobaa fi kijiba hin beeku: nama sobullee hin jaallatu. Namni kijibuu jaala isaatii miti. Haga feete had hooytuu fi jibbamtullee dhugama dubbachuu jaallata. Jaal Guutamaan goota; bakka laalee rraa jechaa fi gochaanillee sodaaf jecha of duubatti irraa hin deebi’u.

Jaal Guutamaan bashaasha. ama booharee nama booharsuudha. Yeroo akkas miseensa isaan addaan filatan hin jiru. Miseensota dhaabaa guddaa fi xiqqaa mara akka abbaa, obboleessaa, ilmaa fi hiriyyaatti taphata. Namni inni irraa qoorrifatu hin jiru. yeroo fi bakka hojiitti ammoo taphaa fi cooraan hin beeku. Isa biratti wanti martuu bakkuma isaa qaba.

Jaal Guutamaan hoggana qofaa osoo hin taane, ilmaan Oromoo ka qabsoo keessatti hirmaatan maraaf akka abbaa fi hadhatti yaaduu fiin kunuunsaa ture. Ilmaan Oromoo mataa qaqqabee kada are daara baasuu, ka xuraawe nafa irraa. dhiqunu fi rifeensa irraa haaduu ykn filuufii, ka beelye nyaachisee obaasuun akka abbaa fi haadhatti tajaajiluu ture Dirreen qabsoo, dirree gammachuuti malee dirree gaddaatii mitii maalif of gadi qabdan? Gammadaa taphadhaa” hamilee isaanii ol kaasuun jajjabeessaa ture. Ummata Oromoo, ummata ormoolee haaluma kanaan horataa ture. Yeroo mara dhimma mataa isaatiif osoo hin taane sababa miseensotaa fi ummata kanaatiin hogganootaa fi gondaalota dhaabaa maraan wal lolaa jiraachaa ture. Haalaa fi qabaan gaariin ka inni miseensotaa fi ummata keennaaf godhaa ture, hogganoota dhaabaa ka wali in jiru mara biratti dinqisiifannaa guddaa kan uumsiseef ture. Jaal Guutamaa Hawaas abbaa intala tokkoo ture. Intalti isaanii Aadde Biiftuu Guutamaa jedhamti. Aadde Biiftuun yeroo ammaa kana biyya Awustraliyaa keessa jiraatti.
Qabsa’aan ni kufa, qabsoon itti fufa!
Madda:  kitaaba Goota Oromiyaa

Advertisements
%d bloggers like this: