Daandii Ragabaatiin

Yeroo ammaa kana akka argaa jirrutti, namooti hedduu dhimma qabsoo Oromoo irratti ilaalchaa fi hubannaa adda addaa dhiyeessa jiran. Warra kaaniif, yeroon kun yeroo qabsoon bilisummaa Oromoo sadarkaa olaanaatti tarkaanfachaa jiruudha. Kaaniif immoo, qabsoon Oromoo  didhaalee walxaxaa keessa seenee yeroo itti danqamee jiruudha. Haata’uutii, qabsoon Oromoo seenaa qabsoo bilisummaa saboota biroo irraa adda ta’uu akk hin dandeenye immoo namuu kan waliif galuu dha. Qabsoon Oromoo akkuma qabsoo saboota birootti milkii fi gufuu ni qabaata. Qabsoon Oromoo akkuma qabsoo kaanii, dirmannaa fi hirmaannaa qabsaa’otaas ni fedha.

Seena qabsoo Oromoo darbe irraa kaanee yoo xiinxalle, garuu, yeroo ammaa kanatti qabsoon Oromoo waan fardiitti fedhuu  ni qaba. Tokkoffaa, dhimma guddaa, ammaan ammatti, ammaaf hojjatamuu qabuu dha. Lammaffa, dhimma guddaa, ammaan ammatti, egereef hojjatamuu maluudha. Kanaaf, akeeka barruu kanaa  keessa tokkoffaan waan ammaan ammatti nu eeggatu irratti akka sabaatti maal gochuu akka qabnu wal yaadachiisuu ta’a. Gama biraan, dhimmooti fardii egeree keenyaaf barbaachisoo maal fa’aa akka ta’an wal  hubachiisuudha. Dubbiin kun immoo Oromoota mara kan ilaallatu ta’us, keessaayyuu Oromooti biyya alaa keessa jiraatan qabsoo bilisummaa Oromoof maal gumaachuu akka qaban kan akeekuudha.

Dhimma guddaa sabni Oromoo yeroo ammaa kanatti qabuu keessaa tokko qabsoo bilisummaa ti. Qabsoon bilisummaa Oromoo yeroo ammaa sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira. Kana jechuun garuu  qabsoon eegalame yoo birmannaa caalu hin qabaanne bakka yaadamee fi abdatame gaha jechuu miti. Qabsoon Oromoo kan galii isaa gahu itti fufiinsaan yoo hojjatameedha; nuffii fi mufii tokko malee akka fuulduratti tarkaanfatu yoo godhameedha.

Keessaayyuu, yeroo ammaa kana akka hubatamaa jirutti, diinni Oromoo karaa maraan of-dhiphisee akka qabsoon Oromoo galii isaa hin geenye halkanii guyyaa irratti hojjachaa jira. Haallen biyyoota ollaa Oromiyaa keessatti mul’ataa turaanii fi amma illee jiran kanaaf raga dha. Wayyaaneen har’a sabboontota Oromoo biyyoota akka Jubutii, Somaalii Laandi, Keenyaa, fi Sudaan keessaa humnaan buttee gara biyya keessaatti kan deebisaa jirtu, qabsoon Oromoo akka duubbee fi gaachana hin horanne taasisuuf. Biyya keessattis, wayyaaneen karaa caasaalee tikaa maraan faana Oromoo bu’uun, akka qabsoon Oromoo mataa ol hin qabannee gochaa jirti. Haala kana Oromoon sirriittii hubatee yoo akka jijjiiramu hin goone, injifannoolleen haga ammaatti argaman callaan milkii egereef abdachiisaa hin ta’an. Diinni haguma jabaachaa adeemu, ilmaan Oromoo wal jabeessuu fi qabsoo diina isaanii irratti godhan karaa maraan akka tinnisu gochuu qaban. Dhalli Oromoo marti yeroo ammaa kanatti kan yaaduu qabu hedduu ta’uu mala. Garuu, kan hunda caala dhimma guddaa ta’uu qabu, akkamiin diina Oromoo akka jilbeeffachiisan irratti hojjachuu dha.

Hojiin qabsoo obsaa fi murannnoo akka gaafatu Oromoo caala eenyu iyyuu ragaa bahuu hin danada’u. Namooti tokko tokko qabsoon duula guyyaa tokkoo itti fakkaachuu malti. Garuu, qabsoon hojii fufuunsaan guyyuu of jabeessanii hojjatanii dha. Qabsoon hojii guyyaa tokkoon goolabamu waan hin taaneef immoo, obsaa fi murannoon tarkaanfachuu nama gaafata. Hojiin qabsoo bu’aa bahii hedduu waan qabuufis, fageenyatti yaadanii karoorfatanii hojjachuu nama gaafata. Imalli qabsoo fagoo, gallin isaa immoo kan hin oolleedha. Kanaaf, qabsoo keessatti waan mara fageessanii tilmaamuu fi hojjachuun dhimma bira hin darbamnee dha.

Akka Oromootti yeroo ammaa waantoti hojjachuu mallu hedduudha. Diinni Oromoo saalfii tokko malee lafa Oromoo gurguruutti jira. Oromoon qe’ee handhuurti isaa itti handhuuramte irraa buqqa’ee jireenya gadadoo yeroo jiraachaa jirutti immoo diinni alaalaa Oromoottti dhufe abbaa biyyaa ta’ee jireenya qananii jiraachaa jira. Oromoon lafa abbaa isaa keessatti hidhamaa ta’ee yeroo gidirfamutti, alaagaan fagoo irraa itti dhufe immoo bilisummaan keessa biddiiqaa jira. Haalli kun immoo akkanatti itti fufnaan egereen Oromoo yaaddessaa dha. Haallen  kunneenis akkanumatti kan jijjiiraman miti. Haallen kenneen akka jijjiiramniif, namuu xiiqeffatee hojjachuu qaba; namuu bakka jirutti kutannoo fi murannoon yoo hojjate dallaan garbummaa kun Oromiyaa keessaa waan hin diigamneef hin jiru. Hojiin dallaa garbummaa diiguu kun ulfataafi walxaxaa fakkaatus, birmannaafi hirmaannaa qabsaa’ota bilisummaan gara milkiitti fulla’uu danda’a. Namuu waan danda’u yoo gumaache, dhimma qabsoos xiyyeeffannoo duraa godhatee yoo  irratti hojjate galiin bilisummaa Oromoo fagootti abdatamu dhiyeenyatti bira gahumuu akka danda’u hin shakkisiisu. Dhaamsi yeroo ammaas, hojii qabsoo jabeessuu fi qooda ofii gahummaan bahatuu irratti kan hidhatuu fi ejjatu ta’a.

Dhimma lammaffaa irratti immoo waanti hojjachuu mallu kan jaatanii egeree ti. Nuti, Oromooti waan egere argachuuf jirru, Bilisummaa keenyaaf, maal qopheeffachuu akka qabnu yoo ammatti yaadnee hin kaayyeffanne, egere hojiin nuttii baay’achuun mirkana. Seenaa biyyoota guddatanii irraa kan hubatamus, kanneen dursanii waan isaan eeggatu irratti of qopheessan muddaa fi sardaa tokko malee waan isaanitti dhufe ofirraa deebisan; dambalii egere isaan irra gatuu malu irraatis dandamachuu danda’an. Biyyi keenya, Oromiyaan, har’a garbummaa jala haa jiraatu iyyuu malee walabummaa argaachuun waan hin oolleedha. Kanaaf, saba keenya bilisummaan itti dhufuuf jiruuf maal qopheessuu akka qabnu kan fageessinee ilaallu egaa, yeroo kana keessatti ta’uu qaba.

Dhalooti keenya ammaa biyya egere ijaaruuf adeemnuuf waan qopheessuu qaban keessaa tokko waan biyyi keenya ammatti hin qabne, garuu immoo qabaachuu qabdu dha. Kanas, biyya keessa jirru irraa barree akka biyya keenyaaf ta’utti aanjeffannee qopheeffachuutti ko’oommachuu qabna. Carraan har’a qabnu kun dhaloota keenyaaf bu’aa hedduu kan qabaatu yoo har’umaa kaanee bakka jirrutti waan dandeenyu hojjanneedha. Biyyi keenya fakkeenyaaf, damee barnootaa jabaa akka qabaattu feena yoo ta’e, ammumaa kaanee damee kanaaf waan barbaachisu qopheeffachuun nurraa eegama. Gaafa bilisoomne caasaa barnootaa akkamii akka qabaachuu qabnu qorannee qopheeffachuun hojii keenya har’aa ta’uu qabna. Hayyuun damee fayyaaa keessa hojjachaa jirus, beekumsaa fi ogummaa, akkasumas muuxannoo fi dandeettii yeroo kanatti argachaa jiru otuu hin tuffatiin Oromiyaa egereef qopheessuun dhaloota egereef kaayyoo kaa’uu qaba.

Yeroo ammaa kanatti Oromooti biyyoota ambaa keessa jiran kan irratti hojjachuu malan, “otuu Oromiyaan bilisoomtee maalan qabadhee lammii kootti gala?” jedhanii of gaafachuu irraa argachuu malan. Namni biyya fagoo irraa warra isaa gaafachuu dhaqu, waan qabatee galu qaba. Kanaaf, “Egere maalan qabadhee biyya kootti gala?” jennee of gaafachuu qabna. Gaaffiin kun qorannoo bal’aatiin kan deebi’u ta’uu mala. Garuu, ka’umsaaf kan ta’u waan keessa jiranii fi naannoo jiran keessaa argachuun ni danda’ama. Oromiyaan gaafa walaboomte, dhaloota biyya san keessaa gara alaatti ergattee barsiifachuuf akka deemtu waan mamsiisuu miti. Sun immoo kan yeroo fi dandeettii guddaa gaafatuudha. Ammatti, garuu, yoo bakka jirru irraa waan saba keenyaaf ta’uu malu qorannee qopheeffanne, yeroo sanatti akka haala, yeroo fi bara, isaa waliin deemutti aanjeffannee dhimma itti bahuu waanti nu dhorku hin jiraatu.

Dubbiin keenya har’aa kun waan adda addaa irratti kan xiyyeeffate ta’u iyyuu galii tokko kan qabuu dha. Qabsoo bilisummaa Oromoof waan barbaachisu hojjachuun dhimma hin bulfatamne ta’uu yaadachiisa. Akka sabaatti Oromoon, diina isaatiin kan miidhame waan mirga isaa beekee gaafateef ta’uun ifaadha. Yeroo akkanaatti Oromoon waan fedheyyuu haa ta’uu, dhibdee keessaatiin qabamee maraammartoo murnummaan walbubuusaa adeemuu hin qabu. Dhibdee keessaatiin wal bubuusuun diinaaf malee Oromoof waan tokko illee hin fayyadu. Oromoon yoo diina isaa kuffisee aangoo harkatti deebifachuu danda’e qofaa bilisummaa isaa goonfachuu danda’a. Kana waan ta’eef, Oromoon humna qabu maraan diina kaayyoo fi innikaa  irratti xiyyeeffatee hojjatuu qaba. Dhimmi Oromoo garbummaa keessaa baasus bifa kamiinuu qunxuraa aangoo garboonfataa irraa argamuun ta’uu hin danda’u. Oromoo garbummaa keessaa kan baasu garbummaa hundeetti buqqisuu dha. Kun immoo aangoo qabaachuu irratti akeekkatanii hojjachuu nama gaafata. Aangoo kan jedhamus, waan akka sabaatti gamtaan qaban malee waan akka dhuunfaatti qabanii miti.

Oromoon akka sabaatti abbaa biyyaa ta’uu akka danda’u seenaan ragaa baha. Har’as garbummaa jaltti haa gidirfamu iyyuu malee, Oromoon gidraa fi cunqursaa hadhooftuu kana jalaa akka hin bilisoomne waanti  dhorku tokko illee hin jiru. Oromoon har’a qabsoo diddaa garbummaatti  jiru kun, egere abbaa biyyaa akka ta’u ifaan ifaatti beekamaadha. Dhalli Oromoo kanaaf bakka jiru irraa of qopheessuu fi wal qopheessuun dhimma guddaa godhatee warraaquu qaba. Dhimmi guddoo kunis hojiilee manaa har’atti dalagamuu qaban, garuu egereef fayyadaniidha. Oromoon yeroo isaa kamiyyuu akka laayyootti balleessuu hin qabu. Warri yeroo isaanii hojii diina buqqisuu irratti oolchanis bara garbummaa gabaabsuu keessatti qooda isaanii kanneen bahan waan ta’aniif seenaa keessatti yoomiyyuu hin dagataman.

Seenaa irraa akka hubannuttis akeeka qabsoo ofii qajeelfatee kan tolfatu saba garboomeedha. Haata’uutii, adeemsaa fi imala qabsoo kan murteessu saba garbummaatti harka kennatee miti. Sabni garbummaatti harka kennate, bara garbuummaa walirratti dheeressan malee guyyaa bilisummaa hin dhiyeessan. Kanneen guyyaa bilisummaa dhiyeessan kanneen waan ammatti isaan eeggatu karoorfatanii hojjataniidha; kanneen imala diddaa garbummaa gabaabsanii galii bilisummaa dhiyeessaniidha. Sabni dhaloota akkasii qabu immoo kanneen haalaa fi yeroo deemaa jiruuf of qopheessan waan qabuuf garbummaan wal dhuunfatee hin jiraatu. Haallen akkanaa keessatti kanneen qooda hin fudhanne garuu hidhamtoota bilisummaa lagatanii garbummaatti harka kennataniidha. Kun immoo saba dammaqe irraa kan eegamuu miti. Sabni dammaqe waan waloo irratti dursanii waliif galan; waan irratti waliif hin galle immoo egereef bulfatan. Kanaaf, dhimma guddaa qabsoo Oromoo ilaalchisee, waanti wayyu, ka’anii harka ofiitiin guyyaa garbummaa gabaabsuudha.

Haa qabsoofnu; ni bilisoomna!!

Advertisements