Booranni bara hamaa fi tolaalleetti Gadaa jabeeffatee ganna dhibba hedduu oofee asiin gahe jira. Gadaa dhaloota dhalootatti diroo darbaa dhufe kana sirna jiruu fi jireenya dhaloota har’aa fi egeree gochuu irratti maaltu hojjatamaa jira? Maaltu immoo hojjatamuu qaba?

Gabaasaa Qaraa: Soraa Halakee (VOA, Afaan Oromo)

Qindeessaan Dr Salbaan Boruu (Oromedia, Dhakaa Araaraa)

Akka hayyuun seenaa Dr.Mohaammad Hassan amananitti Oromoon waan Gadaan buluuf jabeenna guddaa argatee ture. Haata’uutii, jabeenni Oromoo kun mootummaa Oromoo humna qabu itichee jiraachisuuf hin milkaa’iin hafe. Dhimma kana irratti gariin Gadaan waan balbala cufatee, hariiroo jabaa horachuu hanqateef akka cabetti waliigalu. Gariin, immoo jabeenni sirna Gadaa waan diinota Oromoo yaaddesseef, diinoti oromoo dursanii alagaatti hidhachuun akka Gadaan cabu irratti akka hojjatanitti hubatu.

Dhugaan, bakka iyyuu jiraachuu mala. Har’a bakka maratti waanti irratti waliif galamu, Gadaan jabaa ture; gaachan biyyaa fi sabaas ture. Gadaan cabuunis mirkana. Gadaa kana dhabuun waan qajeelloo akka hin taanes dhoolti irratti waliif galan hedduu dha. Ammoo, Gadaa Oromoo  deebisanii sirneessuuf amma illee jaataniin hojjatamuu malu hedduu dha.

Gabaasaan gidduu kana karaa VOA, qophii Afaan Oromoo dhiyaates waanuma Gadaan keessa jiru nama yaadachiisa. Akka Gabaasaa kanaatti, Booranni eegii Gadaan buluu jalqabee deemuma deemee ammaa abbaa 70-eessoo keessa jira.  Abbaan Gadaa Booranaa ka ammaa Guyyoo Gobbaa, yeroo ammaa godaanee Liiban jira. Godaansi kunis Seeruma Gadaa guutuuf kan gara  Ardaa Jilaa itti deemanii dha.

Booranatti amma Gadaammojjiitti mataa buufate. maanguddootti dhaloota itti aanuu baallii kennee jechuu, dabballee, kuusaa fi raabii sadarkaa itti aanutti dabaruutti jira. Namii tokko ganna 50 kaana ammoo haga tokko ammoo 80-90tti bara Gadaammojjii isaa gaha.

Akka abbootii Gadaa Booranaatti, Booranni Gadaa irraa jiruu fi jireenna argate,diqqaan guddifate, guddaan bulfatee, seera diqqaa fi guddaatiin baafatee giddaahee adoo hin tahin jaalatee bara dhibbaa hedduu dhiphuu fi bali’nallee gula yaahaa bahe. Adoo Gadaa qabaachuu baate silaa akkuma siyaasaa addunyaa kana dhaanee,hadhee wal balleessa

Amma Booranatti Gadaammojjii mataa buufata, Gadaammojjiin aanaa Booranaa 16tti mataa buufachuutti jirti. Aabba Waaqoo Guyyoo, gorsaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii aanaa Yaballooti.

“Wannii guddoon Booranii haga bara kana ijoollee isaa dhiiraa fi dubralleen barsiifate takkaayyuu hin barsiifanne,namii ijoolleen isaa adoo tokko taatee hin baranne hin jiru.”

Ta dhibiin ammoo “Gadaammojjiin mataa buufatte jechuun abbaan waan durii gosaa hojjate,warraa hojjate, lafaa fi biyyaa hojjatee dhaamatee,eebbisee hujii itti aantu dhaloota itti aanuu dabarsu,ufi ammoo jaarsa qahee ka gorsaa tahee jiraata.”

Boorannii damee lamaa qaba; saboo fi goona, lamaanuu dameelee ufi jalaa qaba, Sabbo, Goona fuudhaa,Goona ammoo Sabboo fuudha, kun ammoo akka gochii tun soddaa fi dhala walii taatee haga duriillee caala wal ulfeessitu tolcha.Bulchiinsii Gadaa Booranaa ka ganna 8-8tti  wal irraa fuudhan Gogeessa jedhama,Booranii Gogeessaa shan qaba. Bulchiinsii Gogeessa Booranaa ganna 40-40tti mare dhufa. Tanaafuu gogeessii tokko yoo marra tokko biyya bulche bulche ganna 40 eegataa jechuu.Gadaan Booranaa adoo akkana deemtuu deemuma deemtee ganna dhibbaa 600tti dhiyaatte.

Gadaan tun akka jecha aabba Waaqoo Guyyootti bara dhiphuu fi bal’innaallee takkaayyuu gara gara hin cinne.”Aaadaan hanquu jibba malee babbaddaa hin jibbu jettee” jedhanii “yoo barii hammaatellee akkuma tolchan tolchanii aadaa jabeeffatan malee hin hambisan. ”TaNaafuu bara rakkoo ka akkanaa horii nama irraa dhumate kanalleetti seera gadaan itti gutanii itti ganamanii guutanan jedha.

Dr.Mohaammad Hassan University Georgia State Universityitti barsiisaa seenaa ti. “Waan ufii qabaahuun biyya tokkoof, saba tokkoof jabeenna; jabeenni Gadaa Oromoo Gadaa isaa keessa jira. Kana qabaachuu baannaan namii nu tuffata.” Kun immoo aadaa Oromoon callaa hordofuu qabuu miti. Aadaan biyya kamuu, dallaa ittiin tifkamu ni qabaata. Har’a egaa, akka Dr.Hassaniitti manneen barumsa Oromiyaatti Gadaa barsiisuu dhabuun ceeraa fi fokkoo guddoo.”Biyya ani jiru tanatti ijoollee aadaa isaanii barsiisan,yoo baratan achumaan nafa tolfatanii waliin jiraatan.”

Kutaa 1

kutaa 2

Advertisements