(Oromedia, 07 Amajjii 2013) Korri Gamtaa Miseensota ABO Kutaa Australia fi Kutaa New Zealand magaalaa Melbourne keessatti guyyaa sadiif adeemsisame milkiin xumurame; dhimmoota qabsoo Bilisummaa fi fardii ta’an irrattis maryachuun ibsa ejjannoo baafatan keessatti qabsoo Bilisummaa Oromoo daran jabeessuuf akka hojjatan murteeffatanii jiru.

SONY DSCSONY DSCAkka Maddi Oduu ABO, MOAn, Melbourne keessa gabaasetti, miseensoti ABO Paasifik-Kibbaa keessatti argaman kunneen kora gamtaa yeroo duraatiis waliin godhatan kana keessatti dhimmoota qabsoo Bilisummaa Oromoo jajjaboo dhimma siyaasaa fi dipiloomaasii qabsoo bilisummaa Oromootiin walqabatan, haala ummati Oromoo fi Gaanfa Afrikaa keessatti argamuu fi dhimmoota keessoo ta’an irratti bal’inaan marii taasisanii jiru.

Korri Gamtaa kun Muddee 28 galgala haala addaan kan baname yoo ta’u, sirna baniinsaa kana irratti miseensi Gumii Sabaa ABO fi gaafatamaan Birkii Beeksisii fi Odeessii ABO, J/Gaashuu Lammeessaa, dubbii simannaa dubbatan keessatti ummati Oromoo gama hundaan waraanaa fi duuala alagaa ofirraa kaasuu irratti xiyyeefaftee hojjachaa akka jiru hubachiisan.

Keessattuu, “humna ummata Oromoo jabeessuu fi ittisa ummata Oromoo aangeessuu keessatti gaheen miseensoti ABO biyyoota addaddaa keessa qubatanii jiranii olaanaa dha,” kan jedhan J/Gaashuun, “humna alagaa karaa hundaan Oromoo fi Oromummaa irra ittisuu fi sagalee ummata oromoo ta’uu keessatti qooda miseestoti ABO gumaachaa jiran guddaa fi uklfaataa dha,” jedhan.

“Yeroo ammaa kanattis ABOn karaa hundaan ummata keenya dammaqsuu fi hidhachiisuu irratti bobba’ee jira,” kan kedhan J/Gaashuun, “akeeka ABO kana hojiitti hiikuu fi kaayyoo Oromoo dhugoomsuuf kanneen lafa dheeraa kuttanii dhimma saba keenyaa irratti maryachuuf kora kana irratti argamtan galata guddaa qabdu,” ittiin jedhanii, akeekni kora gamtaas marii fi ejjannoo walfakkaataa ittiin qabsoo sabaa Oromoo jabeessan maddisiisuu ta’uu hubashiisan.

SONY DSCKora Gamtaa miseensota ABO Australia fi New Zealand kan Muddee 29, 2012 taa’ame kana irratti Hayyu-dureen ABO, J/Daawud Ibsaa haasaa baniinsaa bilbilaan godhan keessatti qabsoon Oromoo yeroo eegale irraa kaasee gufuulee fi danqaalee hedduu keessa darbee yoona gahuu isaa yaadachiisanii, “amna dheeraa darbe keessattis humnooti addaddaa karaa hundaan hidhatanii dhaabicha, qabsoo sabaa fi ummata Oromoo dadhabsiisuuf yaaluu fi hojjachuu irraa yeroon dubbatti jedhan hin turre; egere illee nurraa hafa jennee hin yaadnu,” jechuun haala qabsoon Oromoo keessatti adeemaa jiru himan.

“Haalli kun yeroo ammaattis bifuma walfakkaatatiin itti fufee jira,” kan jedhan J/Daawud, “gara fuulduraattis akka nurraa hin dhaabbanne beeknee hidhannoo keenya gama hundaan jabeeffachuun qabsoo keenya gara galii isaatti dhiyeessuu irratti hidhannee haa hojjannu,” jedhanii jiru.

J/Lalisaa KumalaaSONY DSCKora Gamtaa kan irratti gabaasota hojii dameelee addaddaatiin raawwataman kan dhiyatan yoo ta’u, gabaasota kunneen keessattis hawaasa Oromoo ijaaruu fi loote galtoota qabsoo sabaa dadhabsiisan gama humdaan qabsaa’uu irratti dameelee hunda keessatti hojiileen hojjataman sadarkaa guddaatti jajjabeessa ta’uun eeramee jira.

Keessattuu, shiroota qabsoo Oromoo dadhabsiisuuf karaa mootummaa garboonfataa akeekaman beekaniis ta’ee otuu hin beekiin fudhatanii raawwachuu fi raawwachiisuu irratti kanneen hidhata godhatanii socho’an saaxiluu fi moggeessuu itrratti hojiileen baroota darban hojjataman seexessaa ta’uun akka fakkeenyaatti kan fudhataman yoo ta’u, gara fuulduraattis hojii sabaa, fi hojii dhaabaa jabeesuu irratti xiyyeeffatamee akka hojjatamu waliif akeekamee jira.

J/UmarSONY DSCMarii fi qeeqqannoo gabaasota irratti dhiyaateen kan hira’ate akka itti guutamu, kan hafe akka itti dabalamu, akkasumas kan laafe akka jabaatu erga godhameen booda gabaasota dhiyaatan fudhachuun sagalee tokkoon raggaasisanii jiru. Kana malees, dhimma Oromoo alagaa biratti beeksisuu fi firoottan qabsoo horachuu irartti jabinaan akka hojjatamu walhubachiisuun, Korri Gamtaa kun ibsa ejjannoo baafachuun milkiin xumuramee jira.

Ibsa Ejjannoo Kora Gamtaa Kutaa ABO Australia fi Kutaa ABO New Zealand

MOA