Dhaabasaa Waaqjiraatiin

Guyyaan Irreechaa sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajame. Sagantaan sun akka xumurameen kaa ijoollee fi maatii isaanii waliin gama qe’ee isaaniitti deebi’aan; kaan immoo gara qophii isa galgalaa, kan haga halkamaa (halkan-maayessa) fulla’uuf karoorafametti imalan. Sagantaan qophii bashannannaa kun kan qophaa’e galgala keessaa haga halkan waariitti waan ta’eef, namuu suuta gara qophiitti yaa’ee dhufe.

SONY DSCDhugaadha, jalqabaa irratti namoota muraasa callaatu mul’ata ture; san kan arge, qophiin waan hafe se’ee deebi’uu illee kan kajeele ture. Ammoo galmi bashannanaa “Footscray Bowling Club” kan magaalaa Melbourne, Victoria, Australia keessatti argamus suuta suuta jamaan guutaa dhufee, qophiinis eegalamuun ifatti himame.

“Bagan nagaan dhuftan keessummoota keenya, kabajamoo fi jaalatamoo!”ergaan jedhu yeroo darbu, namuu bakka jiru irraa gurra isaa gara waltajjiitti kennuu eegale. Kan duraan dubabchaature, bakkuma jirutti use, wana darbuuf jedhu caqasuu eegale.

1016533_627259513962606_1714999801_nQajeelchitooti waltajjii lameen, dargaggooti lama: dhalaa fi dhiirri, waljalaa qabanii akka aadaa biyyaatti, tokko Afaan Oromoon, tokko Afaan English dhaan sagantaa himuu fi beeksisuu itti fufan. Warra afaan lamaan beekaniif lachuu wanauma tokko bifa addaddaatiin dubbatan. Eehee, qophiin kun qophii bashannanaa, kan guyyaa Irreechaa sababeeffachuun qophaa’e, qophii bashannana addaaa ti.

“Waa Malli Nu Dhibe”

1375868_627008700654354_2091930739_nQophiin akkuma eegaleen, akeekni isaa himame. Akka waltajjii irraa himametti, qophiin kun artistoota Oromoo yeroo fi bakka addaddaatti sirnoota mootummaa Itoophiyaatiin wareegaman yaadachuuf kan qophaa’ee dha.

Sagantaa yaadannoo daqiiqaa muraasaa gochuun dura maqaaa artistoota Oromoo wareegaman tarreessuun kan eegale Artisti Tasfaayee Dhimmaa akka ibsetti, artistooti Oromoo aadaa fi afaan Oromoo guddisuuf wareega ulfaataa baasaa jiran lakkoofsaan hedduu dha.

“Yeroo Afaan Oroomoon dubbachuun akka boodatti hafummaatti ilaalamaa turee fi Afaan Oromoo tuffatamaa ture keessatti waltajjiitti bahuun akka aadaa fi eenyummaan Oromoo goobanee mul’atu gahee qaraa baasaa jiran,”  jedhe.

SONY DSC
Art Jawwee Booraa fi Art.Afandii Siyyoo

Artisti Tasfaayeen, itti dabaluunis, “artistooti Oromoo ijaa fi qaroo ummataa ta’an hedduun wareega qaalii waan baasaniif, har’a nuti bakka aknatti boonnee ittiin bashannanaa fi weellisaa jirra,” jechuun haala ulfaataa ummati Oromoo keessa taraa jiru yaadachiisee jira.

Kanneen mana hidhaa keessatti wareegaman, kanneen eelaa hidhaatiin ergamanii dhuman, kan akka Usmaayoo Muusaa, kanneen biyya Ambaatti wareegaman, kanneen biyya keessatti haala gara jabeenyaaatiin ajjeefaman keessaa haga tokko tarreessuun yaadannoon qalbii godhameefii jira.

Ittaansuunis, qophii kana irratti sirbi beekamaa fi jaalatamaa, “ Waa Mallii Nu Dhibee, Jenna Bitaa Mirgaa,”  jedhu akka dhiyaatu qindeessitoota waltajjiitiin beeksisame.

Walleen kun kan durii ti; seenaa fi ergaa jabaa qaba. Bara durii san keessa waan sirbameef, haala addaan yaadatama; dhibdeen bara san ture amma illee hundeen waan hin furmaneef immoo seenaa fi ilama qabsoon saba Oromoo keessatti akka ajaa’ibaattii jaalatama; leellifama.

 Mannis akkanaan gara sagantaa bohaarsaa galgalaatti ce’e.

 Agarsiisa fi Shubbisa Aadaa

SONY DSCQophiin kun yeroo eegale, dargaggootaa uffannaa aada Oromiyaatiin faayamaniin kan dhiyaate agarsiisa eenyummaa Oromoo fi Oromiyaa mul’isuun ture. Shamarran akka lookoo gamanaa gamasitti dhodhommoqan yeroo uffannaa Oromootiin bareedanii, kuullee ibsaa keessaan gad-bahan namuu siiqsuu fi ililchuun isaan simate.

Asiif achi gaggaragalanii wal-lalaa, wal-mil’ataa yeroo isaaniif kenname keessatti of-mul’isanii ofirra deebi’an. Yeroo kan duraan bahee mul’ate deebi’u, kan ittaanu immoo caalatti addoomee as bahuun waltajjiichi akka miira gammachuun guutamu godhan.

Galgalli aadaa kun shubbisa Oromiyaa keessaatiin kan dabaalame yoo ta’u, sanatti aansuunis walleen aadaa fi ammayyaa haala hedduu miidhagaa ta’een dhiyaatee jira. Gidduu gidduutti seenuun gahee artistooti keenya aadaa, seenaa, afaanii fi eenyummaa saba keeyaa guddisuu keessatti bahaa jiran kan yaadachiisaa qophii bashannanaa kan qajeelchaa oolan, Aluulaa Moosisaa fi Iftuu Qaasim, immoo ummati Oromoo bakka iyuutti artistoota isaa jajjabeessuu akka qabu illee dhaamsa jajjabaa dabarsaa turan.

SONY DSC
Aluulaa Moosisaa

“Yeroo hambi haga ummata Oromoo hin geenyee waan xiqqoo qopheessee artisottota isaa gurra guddisaa jirutti sabni keenya qophii isaaf yaadamee, dadhabii fi bu’aa bahii hedduutiin qindeeffame irraa hanqachuu hin qabu,” jedhee kan dhaame Aluulaan, dubbii xiiqessaa akkanaa illee watajjicha irratti dubbatee jira.

Namuu aadaa Oromoo bahaa, dhiyaa, kaabaa, kibbaa, giddu galaa- moggaa kan aadaa fi kan ammayyaa waloodhaan shibbisaa, mirriqsaa ture.

Kessaayyuu, Artisttoti Jawwee Booraa, yeroo sirba onnee namaa kakaasu, kan akka dammaa mi’aawu, kan oggayyuu yaadaa fi qalbii namaa keessaa hin banne, kan eebbaa fi marabbaan guutameen gara watajjiitti bahe gammchuun mana keessaa dhageessisame akka hangaasuu hagayyaa gamanaa gamasii ka dilgaasee -qillesse ture.

Muuxannoo Halkamaa

SONY DSC
Iftuu Qaasiim

Namooti sagantaa kana irratti armagamn yaada kenaniin qophiin akkanaa keessayyuu dhalooti akka deebi’ee walqunnamuu fi aadaa fi eenummaa isaa waliin jiraatuuf gahee guddaa baasa jedhan. Kana malees, waan biyya isaanii keessatti deemaa jiru karaan itti beekanii fi argatan keessaa tokko qophii bashannanaa akkanaa waan ta’eef jabaatee itti fufuu qaba jedhanii jiru.

Qophiin galgala Bashannanaa Artistoota Oromoo dararaa mootummoota Habashaa dhufaa darbaan wareegaman yaadachuuf qophaa’e kun, dhugaatti, qophii haala hedduu miidhagaa fi hoo’aatiin eegalee xumuramee dha.

Qophii akkaan miidhagaa kanaan Oromoo kanneen bohaaressan, kanneen qunnamtii hawaasummaa jabeessan, kanneen ofitti amantummaa dhalootaaf hundee ta’an, kanneen Oromoota biyya isaanii irraa fagaatanii jiran deebisanii hundee isaanii walleedhaan walitti hidhuun akka waan biyya isaanii keessa jiraniitti waaressan kanneen taasisan mara, akkuma Irreechaatti, kan galateeffachiisuu dha. Gatiin isaanii illee jabaa dha. Irreechaa Halkamaan duuba dhaamsi darbes, waan tokko kan akeekuu dha; haga tokkummaan jirutti, dhibdeen keessaa hin bahamne akak hin jirre kan ifatti mul’isee dha.

SONY DSCWaltajjiin bohaarsaa, wallee Oromoo beekamaa fi jaalatamaa, kan “Tokkummaa” jedhuun marsamee goolabame kuniss, kan dhaamee darbe, ergaa isaa akkuma kaleessatti, har’as madda moosisaa kan ta’e, gamtaa Oromoo kan iyyaafatuu; waaltina Oromoo kan kadhatuu dha. Walleen “waa malli nu dhibee jenna bitaa mirgaa,” jedhus, akkuma barayyuu sanitti, leellifamaa jira. Garuu, walleeleen dhibdee callaa kan himan ta’uu immoo hin qaban. Yoo ta’eef, walleeleen kan mul’ata himan ta’uus qaban; kan dhibdee yadaleessan callaa otuu hin taane, kan furmaata walaleessan illee ta’uu qaban.

SONY DSCDhibdee keessa seenuun wanuma jiruu dha; walleen immoo dhibdee san keessaa akkamitti miiramanii yaadaan guutamanii hojiin akka bahan kan abdachiisan, madda furmaataa fi madda moosisaa, ta’uu qaban. Kuusaan Walleeleen Oromoos, yeroo waliin waan adeemuun guutamuu qaba; gootota haaraa wallee  durii san deebisanii haaromsan, kanneen “Waa Malli Nu Dhibus,….Keessaa Baana Rakkoo!”  jedhanii sanyii Oromoo aangomsan dachaa dachaadhaan maddisiisan waamaa jira; kanneen waan kaleessaa callaa irra deebi’anii yadaleessan, qofaa otuu hin taane, kanneen waan egeree illee Halkamaa keessaa dhimbiibanii baasan  akkaan barbaadaman!

Advertisements