(Oromedia, 15 Onkoloolessa 2013) Haadha Warraa Hayyu-duree ABO, Jaal Daawud Ibsaa, kan ta’an Aadde Obsee Margoo dhukkuba akka tasaatiin addunyaa kana irraa darbuun  gabaasame.

J/Obsee Margoo
J/Obsee Margoo (1976-2013)

Maddeen keenya Norwey, Bergen, irraa akka ibsanitti, haati warraa Jaal Daawud Ibsaa dhukkuba akka tasaa  mudate akka wal’aanamtuuf gaafa 08/10/2013 galgala gara mana yaalaa “Haukeland sykehus” biyya Norway magaalaa Bergen itti argamutti geeffamte.

Oromiyaa keessatti gaafa 29/11/1976 kan dhalatte Jaal Obseen, mana yaalaa geeffamte keessatti wal’aansa fayyaa otuu fudhachaa jirtuu gaafa 11/10/2013 addunyaa kana irraa du’aan boqotuun ishii beekamee jira.

Hawaasa Oromoo biratti hedduu jaalatamtuu fi kabajamtuu kan turte Jaal Obsee Margoo, bakka deemte maratti eenyummaa fi Oromummaa mul’isuudhaan akka mararfannoo guddaa qabaachaa turte kanneen dhiyeenyatti beekan ragaa bahu.

Miseensotii fi deeggartooti qabsoo bilisummaa Oromoo, akkasumas sabboontoti Oromoo bakka jiran mara irraa boqonnaa jaal Obsee ilaalchisuun ibsa gaddaa fi dhaamsa jajjabinaa dabarsaa jiru.

Miseensoti ABO konyaa Victoria ibsa gaddaa Oromediaf ergan keessatti Jaal Obseen haadha qabsoo, haadha jaalalaa fi haadha Oromoo dhugaa akak turte eeruun, du’a akka tasaa kanatti hedduu gadduu fi rifachuu isaanii addeessanii jiru.

Kana malees, Jaal Daawud Ibsaaf, maatii fi firoottan isaanii maraaf jajjabina hawwuun, Waaqni lubbuu Jaal Obsee akka qananiisu illee kadhannaa isaanii waliin dhaamanii jiru.

jobseeMiseensoti ABO Konyaa Stavanger gama isaaniitiin dhaamsa dabarfatan keessatti Jaal Obseen haadha qabsoo Oromoo, jaalatamtuu fi kabajamtuu akkasumas sabboontuu jabduu ta’uu eeruun, du’a hin oolle ta’ee malee goota akkanaa dhaabuun hedduu laalessaa akka ta’e ibsaniiru.

Miseesnoti ABO Stavanger, itti dabaluunis,”Gadda guddaa nutti dhagayame ibsachaa, Waqaayyo lubbuu J/Obsee haamaaru; J/Daawud, Maatii fi firoottan J/Obsee hundaaf immoo Waaqayyo jajjabina isaaniif haa kennu,” jedhanii jiru.

Kana malees, “Kabajaa fi jaalala jaallummaaf awwaalcha Jaalle keenya irratti argamuun gaggeessa isa dhumaa ni goona,” jechuun kutannoo jaalummaa irra deebi’anii mirkaneessanii jiru.

Miseesnoti ABO marti dhaamsa gaddaa dabarsan keessatti Jaal Obseen qabsooftuu jabduu, kutattuu fi jaalatamtuu akka turte ibsuun, ekereen ishihii akka qanani’uuf, Jaal Daawud fi firoottan ishiif immoo jajjabinni akka kennamu akkuma amantii isaaniitti kadhannaa gochaa akka jiran beekameera.

Miseensi ABO maqaan isaa akka himamu hin feene tokkos karaa marsaa hawaas-qunnamtii akka nuuf ibsetti, J. Obsee Margaa akka nam tokkeettis tahe akka miseensa dhaabaatti bakka turte hundatti nama qooda kennaa tureedha.