(Oromedia, 18 Onkoloolessa 2013) Hawaasti Oromoo biyya Ugaandaa keessa jiraatan ayyaana Irreechaa haala hoo’aa fi miidhagaan kabajachuun isaanii beekame.

uganda1Akka gabaasan turee nu gahe addeessutti, ayyaanni baranaa kun kan waggoota shanaan darban caalaa bifa owwaan kabajamee ooleera. Hawaaasi Oromoo biyyaa Yugaandaa ayyaana Irreechaa gaafa Onkoloolessa 6, 2013 hora handhuura Magalaa guddatti Kampaala keessatti argamuu hora Lubirii jedhamutti ture.

Horri Lubirii kun hora warra moototaa saba Bagandaa “Lake waa Kabaka” jedhamee beekama. Hora kana irratti akka irreeffatnuuf mootiin warra saba kanaa beekee kan nuuf hayyamee fi mootummaan biyyiichaas hayyama kan nuuf kenne ta’uun hubatamuu qaba.

uganda2Haala kanaan hawaasi Oromoo biyyaa kana keessa jiru bara baranaa kana keessatti kan yeroo darbaan caalaa bay’inaan bahuu fi akkasumas keessummooti hedduun bakka argamanitti kan kabajame ta’uu isaa ti. Keessummoota argaman keessaa waajjira Muummicha Ministeeraatti dame baqataatti dhimma nageenyaatti gaafatamtuu kan taate Addee Patience, dhaaba Interaid Jedhamu irraa dame Bulchiinsaa keessa kan hojjetu Obboo Sabaagalaa fi Hawaasa Burindii fi hawaasa Somalee irraa keessummooti hedduun argamaniiru.

ugand3Hundaa caalaa ammoo Televishiniin biyyatti beekamaa fi jaalatamaa ta’e ‘Nation TV’ jedhamu bakka kanatti argamee sagantaa kabaja Ayyaana Irreechaa kana jalaqaba irraa kaase haga dhumaatti hordofuun akka oduu gudaatti gabaasaa bal’aa irratti dhiheesee jira. Sagantaa television haala Irreechaa fi haala sabaa Oromoo ibse irraa kan ka’e namooti hedduun biyyattii keessa haala Oromoo irratti hubannaa wayyaa akka argatan yaada namoota irraa hubatameera.

Sagantaan irreeffannaa ergaa hora Lubirii tti raawatee booda qophiin barnootaa fi bashananaa galmaa wajjira Interaid irraa nuuf kennameetti darbee. Bakka kanatti qophiin affeeraa Nyaataa fi dhugaatii fi akkasumas qophiin bashananaa kan raawate ta’uun hubatameera. Kabajaa irrreechaa guyyaa kana irratti barnooti haala irreechaa ibsaan jaarroolee Oromoon kennamaniiru.

Barnooti kennaman kun keessummooti fi jaallatooti aadaa Oromo guyyaa kana argaman akka haala irreechaa fi walumagala aadaa Oromoo fi saba Oromoo irratti akka hubanna argataniif afaan ingiliffaan hiikamaa kan turee fi namoota hedduu kan gammachiise ture. Sanatti dabaluun barruun haala Irreechaa irratti hubannaa kennaan afaan Oromoo fi Afaan Ingliffaan qophahee namootaaf rapsamee ture.

Ittii dabalees agarsiisi nyaata aadaa Oromoo kan geggeffame yoo ta’u , nyaati aadaa kun maal irraa akka qopheeffamanii fi maaliif akka qopheefaman waliin ibsi bal’aan namoota ayyanicha irratti hirmaataniif kennameera. Gosooti nyaataa aadaa Oromoo kanneen akka (Micciirraa, akkawii-Qorii (Dhodhobboo), Caccabsaa, Cumboo, faffataa. Affeelama, Buna-qalaa, Marqaa, Faffatoo, Dabboo fi kkf dhihaatanii dhaawwatamaniiru.

Nyaati aadaa Oromoo akkamiin akka qophahuu fi osoo hin hammattiin kan yeroo dheeraa turu ta’uun isaa kan nama ajjaaibsiisu ta’uu isaa fi akkan kan miidhahu ta’uu hirmaattoti kan ibsan yeroo ta’u, namooti keessummooti argaman hedduun garafuulduraatti nyaata aadaa Oromoo kana barachuuf shamarran Oromoo kan waadaa seensifatan hedduu turan. Sanatti dabalee dhichisii fi sirbi aadaa Oromoo kan turee fi namooti kan guddoo gammachisa ture ta’uun hubatameera.

Akka seenaa Oromoo irraa hubatamutti, ayyaanni Irreechaa kan ummata Oromoo biratti ayyaana guddaa fi kabajamaa ta’ee, sadarkaa biyyoolessatti kabajamuun irrra ture, kun dhiibbaa mra dandamatee yeroo ammaa kana kan ittiin Oromoon addunyaatti beekamuu fi meeshaa guddaa ittiin haala Oromoo bifa waliigalaan addunyaatti ibsan ta’eera.

Aadaan guddaa fi jaalatamaan kun baroota dheeraaf akka ukkamamuu ta’ee haaturu iyyuu malee, dhiiga ilmaan Oromoo qaqqaliin itti gabbaramee har’a ayyaannii kun sadarkaa addunyaatti beekamee jira. Hawaasi Oromoos bakka jiru hundaatti ayyaana kana jaalalaa fi tokkummaan kabajachaa akka jiru gabaasaaleen biyyoota addaddaa keessaa nu dhaqqaban ni addeessu.

Advertisements