(Oromedia, Finfinnee, 13 Guraandhala 2014) Miseensa kutataa fi jabaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa kan ta’an Obbo Baqqalaa Nadhii dhalatanii waggaa 80ffaa isaaniitti addunyaa kana irraa boqotan.
Ob Baqqalaa Nadhii1Gootota Oromoo yeroo hamaa fi ulfaataa keessatti kutannoo fi murannoodhaan Waldaa Maccaa Tuulamaa bu’urreesanii wareegama bu’urri waldichaa gaafate gurgurdoo kanfalan keessaa angafa kan turan Ob Baqqalaa Nadhii  Guraandhala 11/2014 addunya akana irraa darbanii jiru.
Ob Baqqalaa Nadhii yeroo ijoollummaa isaanii kaasee haga gaafa lubbuun isanii dabarteetti ejjannoo jabaa fi hin daddaaqamneen dantaa Oromoo fi eenyummaa Oromoof dhaabbaa akka turan  galmee seenaa jireenya isaanii irraa hubachuun danda’ameera.
Bara jireenya isanii keessatti hojii seena qabeessa hojjatan keessaa, Itti aanaa pirezdaantii, pirezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa ta’uun tajaajila olaanaa gootummaa cimaa gaafate kennaa turuu isaanii odeeffannoon hogganoota waldichaa irraa hargame ni ibsa.
Bara mootummaan Hayilaselaassee hogganoota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan lubbuu galaafatee pirezdaantii waldichaa Koloneel Alamuu qixxeessaa fa’aa gizoot galche Obbo Baqqalaan kutannoo dhaan dhimma waldichaa fi ogganoota issaa hordofaa turan. Bara1991 booda yaroo waldichi banametti amma Koloneel Alamuun lubbuun jiranitti itti aanaa pirezdaantii, pirezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’anii hojjachaa turan.
Obbo Baqqalaan edda Pirezdaantiin Maccaa Tuulamaa kan bara dheeraa Koloneel Alamuun boqotanii booda waggaa tokkoof waldicha pirezdaantummaan tajaajilaa turanii, sana booda fedhii isaaniitin aangicha Dr. Gammachuu Magarsaatti dabarsanii kennanuun isanii kan yaadatamuudha.
Yaroo Pirezdaantummaa Dr. Gammachuu Magarsaa waliigalteen dhibee waldichi jeeqamnaan Obbo Baqqalaan haala ture tasgabbeesuu keessatti qooda guddaa gumaachuun akka filannoon haaraan godhamu haala mijeessanii waldicha jidduutti tasgabiin akka huumamu kan godhanii dha.
Bara mootummaan amma aangoo biyyatti qabee jiru kun seerammallee waldaa kana cufee ogganoota issaas prezdaantii waldichaa Obbo Dirribii Damisee dabalatee jimlaan mana hidhaatti guure miseensota boordii kanneen hidhaa irraa hafan qindeesuun dhimma ogganoota mana hidhaatti guuramanii itti dhiyeenyaan hordofaa gama biraan waldaan seera malee cufame akka banamu yaroo dheeraa muggutanii akka banamu godhaniiru.
Yaroo waajirri waldichaa mootummichaan cufamettis dhoksaa fi ifatti bakki hojii issaanii bakka walgahii boordii waldichaa akka ta’u gochuun hojiin waldaa kanaa akka addaan hin cinne qindeessaa turuu isaaniitu beekama.
Obbo Baqqalaan ogeessa seeraa,  dhimma seera ilaaluun waldaa kanaa fi miseensota waldichaa dadhabbiif nuffii tokko malee amma gaafa guyyaan issaanii ga’ee du’aan boqotaniitti tajaajilaa akka turan seenaa issaanii wabeeffachuun Ob Tasfaayee kennaa gabaasaniiru.
Dhaabbanni issaanii magaala dheeraa  gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqii abdataa ture, Obbo Baqqalaan  dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee akka turan namuu ragaa bahaaf.
“Isaan karaa argatan hundaan waan uummata issaanif ta’u halkanii guyyaa sodaa fi nuffii malee godhaniiru,” kan jedhe barreessan gabaasa kanaa, “waan ta’eef Ob Baqqalaan jireenya issaanii keessatti waanti isaan irraa hanqate hin jiru; Guutuu dhalatanii,  guutuu jiraatan,” jedhee jira.
Dhibee onneen qabamanii ji’oota sadan darbaniif mana hakimaatti yaalamaa kan turan yaalama Ob Baqqalaan  dhibee isaan qaberraa damdamachuu dadhaabuun Guraandhala 11 bara 2014 dhalatanii waggaa saddeettammaffaati addunyaa kanarraa darbaniiru.
Akka odeessa argannetti guyyaan gaggeessaa / Awwaalcha / isaanii Guraandha 13/2014 sa’aa 12 irratt (guyyaa keessa) Finfinnee Bataksaana Saaris Aabboo jedhamutti ni raawwata.
Gulaalaan Oromedia maatii fi firoottan gooticha OROMOO Obbo Baqqalaa Nadhiif jajjabina, Ekeraa isaaniif qabbana akka kennu hawwii isaa ni dabarsa.