(Oromedia, 12 Bitootessa 2014) Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa lixaa keessa socho’u hidhatootaa fi basaastota Mootummaa Itoophiyaa ummata rakkisaa jiran irratti tarkaanfii fudhatu jabeessee itti fufuu beeksise.

WBOn ibsa tarkaanfii waraanaa kaleessa baase keessatti akka ibsetti, kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame waraanaa,  poolisootaa fi humnoota tikaa yeroo addaddaa diniina kennameef fudhachuu didanii ummata hiraarsaa turan.

Humni addaa WBO Oromiyaa Lixaa godina Wallagga Bahaa keessa socho’u torkaanfii waraanaa baaseen jalqaba baatii kana keessa hidhattoota mootummaa itoophiyaa ummata Oromoo rakkisan ittiin jedhe irratti tarkaanfii fudhataa jira.

Akka ibsa kanaatti tarkaanfiin Bitootessa 3, 2014 fudhatame loltoota Itoophiyaa sakkatta’insaaf bobba’an irratti ture.

Tarkaanfii haleellaa Ona Diiggaa Saasiggaa bakka Guttoo jedhamutti   fudhatameen  loltootni mootummaa Itoophiyaa sadii ajjeefamaniiru. Loltooti kunneenis

1.    Loltuu Kiroos Belay
2.    Loltuu Fallaqee Xilaahuun fi
3.    Siyyum Aksum  jedham ta’uu ibsi kun dabalee beeksiseera.

Bakk tarkaanfiin kun itti fudhatame naqamtee irraa fageenya km 24 irratti argama

Humni addaa WBO kana malees tarkaanfii humna poolisaa  magaalaa Giddaa keessa qubatee jiru irratti Bitootessa 5, 2014 fudhateen kudha tokko(11) madeessuu beeksiseera.

Tarkaanfii kananais ajajaan humna poolisaa Daani’eel Asaffaa jedhamu kanneen madaa’an  keessatti kan argamu tahuu ibsi ajaja WBO Godinaa Wallagga Bahaa hubachiisee jira.

WBO dabalee akka ibsetti, kanneen ummata fayyaaleyyii rakkisan irratti tarkaanfiin fakkaataa akak fudhatamu illee akeekkachiisee jira.

Advertisements