By Bariisaa  web31

Guddina ‘Addis Ababaaf’ Oromoon buqqa’ee baduu hin qabu!
“Obsi cunqurfamootaa roorroo warra isaan cunqursuu gabbisa!!”

Sagantaa motumman Itopphiyaa Oromoon lafa isaa irraa buqqisuuf qopheefate iggituuf, Oromoon “diinni kana na godhe; sana na godhe” jedhee ofii gadduu dhiisee, yoomiyyuu caalaa of irraa loluu jalqabuu qaba; of irraa loluu hanqachuun, diinni sodaa tokko malee tufiin cunqursa isaa akka itti fufu ghodha. Haalli har’a Finfinne keessatti ta’aa jiru isa kana. Biyya lafaatti ykn addunyaatti iyyachuun, kanneen nu saamuu fi nu salphiisuu nurraa dhowwuu hin danda’au. Caalaa nu salphisa malee! Akka jedhamutti, seera uumaa keessaa inni duraa of dandamachiisuu (“self-preservation”) dha. Dhiitama mirga keenyaa kana iggituuf of aarsa (sacrifice) feesisu kafaluu, ykn afaan keenya qabatnee akka sabaa lafa irraa haxaawamnee baduu dha.

Sirna gabruummaa dhabamsiisuuf qabsaawaa kan ture, Fredrick Douglas kan jedhamu namni biyya Ameerikaa tokko dubbii bara 1857 godhe keessatti waan arman gadi jiru kan jedhee ture:

“… Warri bilisummaaf dhabbatnna jedhan, garuu sochii sabaa irraa fagaatani ta’ani ilaalan, akka nama osoo qotee hin facaasin midhaan haammachuu fedhuu ti. Isaan kun, warra bokkaa bakakkaa fi balaqqeessa hin qabne hawwan. … Qabsoon sabaa qabsoo sammuu ta’uu danda’a; ykn qabsoo irree ta’uu danda’a; ha ta’u malee qabsaa’uu feesisa. Warri aangoo qaban mirga tokkollee qabsoo malee kennnani hin beekkani.Kennuufillee hin deemani. Saba cunqursaa ofra hinfacifnee yoomiyyu cunqurfamni ittuma fe’ama. “

Jechii Fredrick Douglas haala amma keessa jirru ilaalchisee waan hedduu nu barsiisa. Baay’een keenya yeroo hunda waa’ee bilisummaa fi birmadummaa haasofna. Garuu, bilisummaa fi birmadummaa fiduuf homaallee gochaa hin jirru. Nuti, warra “osoo qotnee hin facaasin midhaan haammachuu hawwinu dha.” Hawwin Oromoo bilisa hinbaasu. Yoo hoojitti gedarame malee!

Wa’ee Finfinnee dha kutaa sadiitti hirree ilaalu dandenya. Hata’u malee waan kutaan sadeen armaa gaditti keessatti ibsinu seenaa Finfinne qofaa osoo hin taane, seena Oromootis.

Kutaa I: Bara 1843 (ykn waggaa 160 duraa) 

Akkuma hedduun keessan beektani, hawaasin warra Amaara Manz jalqaba jaarraa 18ffaa tti babal’achuu jalqabee, bara Sahle Sellassie, jechuun akaakayyu Menelik mootummaa dhaabbate. Sahle Sillaseen Motomaa Manzee ykn Shawaa dha bara 1813 amma 1847tti waggaa 34 bitee. Waggaa-waggaatti si’a lama ykn sadii Oromoota ollaa isaa turan weeraraa kan ture Sahle Sellaaseen, akkuma bare, bara 1843 keessa Finfinne weerare.

Namtichi Major W. C. Harris jedhamu, mootumaa Inglizii irra Sahlee Sillaaseetti ergamee, baatii 18fi Sahle Sillaasie wajjiin yeroo turetti weerara Sahle Sellaaseen Oromoo irratti geggeessaa ture dukaa deeme argee, hubatee, macaafa “The Highlands of Aethiopia (1844)”, jedhamu barreesse. Harris macaafasaa keessatti kutaa “Bobbaa boojii fi Saaminsaa (saamichaa)” jedhu jalatti wa’ee Finfinne gabaabaatti akka armaa gadii barreesse.

“Loon dhibbaan lakkawwaman marga lalise dheeda jiru. Tikeen saanii, balaa itti dhufaa jiru hin beekne; hidhatani hin baane; nagaan loonsaani tiksata jiru; inni kaani maasi-isaa keessaa hoji-isaa hojjetataa jira; maatiin isaanii weeddisaa mana bira dalagatu; aduu dhihuuf deemti, laafaf mukni ifaa shee gammaachuu guddaan waan calaqsani fakkaata. Garuu osoo aduun hin seenin, badii guddaan biyya kanairra dirriisuuf, warri akka bineesaa nama nyaatani kumaataman itti dhangala’a jiru.”

“Sahle Sillaaseen… … “nafis abbaattiisaatiin” yeroo gabaabaaf erga mar’atee booda, gara waraanasa isaatti galagalee, “Waaqin abbootii keenya, nu ha jabeessu!” jedhee ibidda fi meesha waraanaan akka Oromo irratti bobba’an ajaje.”

“Warranni Amaaraa, otoo Oromoon hinbekini akka galaanaa mandaroota Oromoo irra dhangala’e. Oromoota lubbusaanii baasuuf baqatan ari’aa, midhaan ga’ee ala jiru barbadeessaa, loon ala dheedaa jiru ooffachaa biyyaa Oromoo balleessuu eegalan. Ibiddi isaan mana fi qabeenya naannoo weeraran kanatti qabsiisanii fagoo dhaa mul’ata. Aarri manaaf midhaan gubatu gama-gamatti lafaaf waaqa dukaneessa jira.” Akkasittii biyaa baleessaa, waraanni Amaraa gara Finfinne dhangala’e” jedha Harris.

Kanatti fufee Harris akkana jedhee kataba:

“Sahle Sillaaseen tarkaanfii waraanni isa fudhachaa jiru ilaalee, fuulli isaa gammachuun ife. Ni boone.

Waraaan Amaraa Finfinnee … kan qonnaa midhaanitiin miidhagdee, mandaroota ho’oo kan qabdu, uumaan kan bareedina badhaasetti bahan. Dirree magarsuunshe nama dinqisiisu, burqaaleen bishaanshee calaqqisan, mukoota gaaddisa kennaniin kan guutte, yeroo dheeraaf warra Habashaan hin weeraramin turte.”

Egaa warri Finfinnee,  dinni nutti dhufa jedhani hin yaadne ture jechuu dha.

Harris dabale waa’ee kanaa akkana jedha:

“Sabin lafa sana qubate jiru, qabbenyasaa gatee lubbusaa baasuuf Inxooxxootti baqachuufilee yeroo hin argatne. … Waraana Amaaraa bosona hunda keessa baqattoota adamsaa, ijoollee fi dubartoota bakka dhokatanii harkisanii qabaa, manguddoo fi dargaggoo osoo hin jedhin, dirree fi bosona keessatti ajjeesaa, qaama-isaanii irraa muratani; biyya erga samanii booda ibidda itti qabsiisani. … Horii hunda walitti qabanii ooffatan. Oromota marsanii waraanan. Qe’ee fi bakken reeffa Oromoon guutame. Kannen baqatanii dirreetti bahan akka bineensaa adamfmanii ajjeefamani; ijoollee umuriin baraa sadi’i fi afurii, kan aayyoo fi aabboon damee muka keessa dhoksan, muka irraa buusani akka oolaa qalanini, ykn achumatti rasaasan ajjeesanini. Sa’ati lama keessatti waraanni Amaraa kun lagaa fi dirree Finfinne irra reeffa Oromoo hafee, shamarran fi ijoollee qaamin irraa murame iyyisiisaa, “faacha” reeffarraa murate qabatee Finfine keessaa bahe.”

Harris yeroo ittuma fufee katabu akana ibsa, “… Sirni warra Habashaa, ummata itti duulan dagachiisanii wareersuu, ajjeessuu fi qaluu irratti hundaa’e. Sirna waraanaa irratti waan hundeefame miti”… Erga Finfinne saamee barbadeessee booda, waraanni Sahle Sellaasee Oromoo Yakkaa samuutti dabre.

Garuu Oromoni Yakkaa dinni akka itti dhuula jiru hinbekne ture.

Harris, itti fufee, akkas jedhee

“Humni waraana Amaaraa faffaca’ee Oromo saama, biyya gubaa ture, kabaroo rukutamuun waamamee, loonni fi qabbenya saame, dubartoota fi shamarran booji’e, akkasumasi qaama kanneen ajjeese irraa murate qabatee … walitti qabame. Ajjeechaa hamma hin jedhamnetu raawwatame. Reeffii ijoollee fi maanguddoo biyya guute; ‘nafsa gadaayonni’, qaanii malee, saalfii tokko malee dhaadachaa mootiisaanii wajjiin ni sirban, ni gammadan. …”

“Yeroo gabaabaaf erga boqotanii booda biyya Ekkaa [Yakkaa] Oromoo, kan duraan barbadeessanii dabran keessa, bobbaasaanii itti fufan. … Sa’aa 14 farda fi gaangoon gara maaylii 50 erga deemanii booda waraanichi boqotuuf dachaa Yakkaa keessa buufate… Fardi fi gaangoon hiikaman midhaan ga’ee ala dhaabbatu keessa gad-dhiifaman. Loon kuma hedduun lakkaawwamu, karaa dheeraa oofamee kan dhufe …walitti qabanii erga iddoo tokkotti itisani booda … Sahle Silaaseen gammachuu guddaan halkan sanaf bakkaa bulu qabate. …”

Wa’ee lafa bulti waraana Amaraa yaggu katabu Harris akkana jedha: Sagaleen lafa bultii isaaniti halkan gutu dhaga’amu waan raajitti: Karaa tokko sagalee loon Oromoo goolamee, iyyaaf booyicha durbaa fi dubartii Oromoo booji’aan itti roorrisaa jiruu yaggu ta’u; kara gara biraa moo kanatti makamee kan gurraa nama dhuuchu, abidda marsee, fooni dheedhi hoori saame nyaachaa “fukkaraa” fi “qarartoo” waraani Amaaraa godhaa bulee dha. Sagalee kanatti dabalame hirriba kan nama dhorgu, abidda gamaaf gamatti mandaroota Oromootti gubaa jiru halkan gutuu biyya akka gucaa ibsaa bulusaati jedha.

Mee boo’icha Oromoo saamama jiruu fi sagalee Amaaraa injifannoo argatee gammadda jiru kana ijaa sammuu keessaniin ilaaluu yaalaa: Akka Harris himutti, Sahlee Sillaaseen, waggaa 40 mo’e keessatti, yeroo 84 Oromoota naannoo isaa turan weerare. Kun Finfinne qoofaa keessatti ta’e miti; Sahle Sillaasee qofaanis hin godhamne.Oromiyaa keessatti yerooo dheeraaf bakka meeqaf meeqatti Sahle Sillaasee boodallee godhamee jira.

Dabaree II: Giddu Galeessa bara 1880 titti Finfinnen Amaaraan Qabamuu 

Waggaa 40 caalaa Saahile Sillaaseen Oromoo sama turee bara 1847 keessa ni du’e. Achii booda kan ilma isaa kan Hayilee Melekot tu itti aane. Innis Oromoo hadamsee samuu itti fufe..Garuu bara dheera hin jiraanne. Bara 1855 ni du’e. Waggaa kudhan booddee ilmi isaa Minilik nugusa shawwaa ta’e. Saahile Sillaaseen deebi’e deddeebi’e Ormoo ha wareeru malee, biyya Oromoo qabachuus ta’e keessa turuu hin dandeenye. Qawwee Oromoon hinqabane haa qabatuu malee, Oromoo mo’ee of jallatti bulchuu hindandenyee. Eega kan Saahile Sillaaseen dadhabe Miniliki raawwachuu danda’e. Oromoo weraree saamuu qofaa utuu hinta’in, biyya Oromoo koloneefachuu danda’e.

Oromiyaatti mootumaa isa babaldhisaa, Minilik jalqaba bara 1881 dhufee qarree Inxooxxoo irratti teessoo ijaarate. Achi qubachuunsaa lammii Oromoo kan humna Amaraan hin cabin naannoo sana waan jiraniif loltuu isaanirraa of eeguuf ture. Hata’u malee gargaarsa ganntuu lammi kan akka Goobanaa qabatee wagga yartu booda Oromota nannoo Finfinne mo’u danda’e.

Egaa kana booda, Minilik Inxooxxoo dha gad bu’e magaalaa isaa Finfinne irratti ijaarachuu kan danda’e. Lafa Oromoo balabatoota Habashaa fi loltuu isaaf hiree, bara baraan magaalaan babal’achaa dhuffe. Ilmaan Oromoo kan kumaatamaan lakkaawaman qe’ee isaaniiti akka buqa’an godhaman. Lammiin Oromooo qe’ee isaaniitii buqa’an hedduun gara kibba deeman. Kaan gara lixaatti godaanan.

Wa’ee Finfinnen Menelikiin qabamuu, Oromoo tokko ‘Inxooxxoo dhaabatani’ jedhee kan aarii isaa geerarsaan dhageessise dhaloota dhalootatti darbee jira.

Geerarsisaa akkas jedha:

Inxooxxo dhaabatanii
Caffee gadi ilaaluun hafe
Finifinnee loon geesaani
Hora obaasuun hafe
Tulluu Daalattii irraatti
Yaaiin Gullallee hafe
Gafarsattii darbanii
Qoraan cabsachuun hafe
Hurufa Boombii irraatti
Jabbiilee yaasuun hafe
Bara jarrii dhufani
Loon keenyas indhumani
Eddaa Mashashaan dhufee
Birmadummaanis hafe!

Geerarsi kun dhaamsa hedduu of keessaa qaba. Namuu akak hubatutti, seerri Gadaa iddoo buqa’uun,  qabeenyi Oromoo samamuu fi ilmaan Oromoo birmadumma dhabuun dhufaatii alagaa waliin walitti hidta. Kun immoo akka dnsaatti geerrarsa kanaan ibsamee jira.

Koloneeffattoonni maqaa biyya Oromoo jijjiirani, Finfinne Kirstinnaa kaasanii Addis Aabebaa jedhanii maqaa baasaniif. Egaa akkuma beekamu magaalaa dafqaa fi dhiiga Oromoo ijaaran keessa ta’anii waggaa dhibba tokko oliif impaayeritti fi Oromiyaa mara unqursaa, saamaa turani.

Dabaree III: Wayyaaneen Sentee 

Barrii 1991 dabaree nafxanyoota Tigree ta’e. Nafxanyoonni haaraan kun Finfinne irra kiilo meetra 800 fi 1000 biyya fagaatan, Maqalee fi Aduwa irra dhufani, ilmaan Oromoo Finfinne ha jiraatanii, hin jiraatanii, jeedhani murteesaa jiru.

Waggaa kurnan dabran keessa bittaan Tigree beekaa fi daldaltoota Oromoo Finfinnee irra buqisaa ture. Sagalee Oromoo magaalaa keessaa fi biyyaa guutummatti ukkamsee jira. Gaazeexotni Oromoo fi waldaan aadaa Oromoo dhaa akka cufaman godhee jira. Beektota, ogeeyyi gaazeexa fi artistoota Oromoo kaan hidhee kaan immoo biyya saaniiti ariyee jira. Daldaltoota Oromoo gidra irra dhaabuu fi dinagdee saanii balleessuu maayii isaa godhateera.

Hammeenya daangaa hin qabne Mallas raawwachaa jiru kun Oromoo irratti badii guddaa fida. Oromoo qe’ee isaarra buqqisuun kuni Finfinne qofaan kan dhaabatu miti. Oromoof kun galu qaba. Addis Aababaan karaa kibbaa Bishoftuutti dabalama jira. Karaa lixaan Sabbataan darbee deemuf jira. Sandaafaattis diriiruufi. Karaa bahaa Shanootti ejechuuf jira. Karaa lixaa Holotan darbee Ambottuu ni deema. Akeekni Mallas fi gorsituun isaa qaban Addis Ababaa gudditti, kan aadaa fi afaan Oromoo irraa bilisa baatee ijaaruufi. Handhuura Oromiyaatii Oromoo dhabamsuuf. Suutuma suutan kutaa ‘Addis Abebaa guddittiin’ Federaala taati. Oromoo badiyyaa fi moggaatti dhiibanii achitti itisanii mo’uun salphaa ta’aaf. Asoosama isinitti himaa jirra miti. Kun waan amma ta’aa jiru dha. Farra diinaa kana doomisuun otoo yeroon itti hin darbiin yeroon isaa amma.

Maal godhuutu nurra jira? 

Oromoo kan goodhu qaba. warra qe’e abba saaniitii isaan buqisaa jiraniif akka abiddan tapachaa jiran guuttummatti ibsuu qaba. Jiruun isaan amma ojjetaa jiran booda akka isaan ballessu itti himuun barbaachisaa dha.

Umatni Oromoo warra mirga isaa kabajani irratti hamaa hinyaadu. Yaadees hinbeeku. Nagaan isaani wajjiin jiraachuu ni danda’a. Garuu sabni Oromoo qe’ee dha buqa’u fi salphachuu hin fudhatu, kanarra na ga’e jedhee jira. Didda ibsachuun waraqaan yookii immoo hawaasa adunyaatti iyyanoo dhiyeeffachuu qofan waan ta’u miti. Sabni adunyaa kuni itti dhaga’ame, gadeefii (dhukkubsateef) akka saba kana bira dhaabatuuf ilmaan Oromoo qabsoo dhugaa biyya abba saanii irratti godhanii agarsiisu qabu. Qabsoo dhuugaa jechaan bakka farri diinaa ojjetama jiru sanatti tarkaanifii cimaa fudhachuu jechuudha.

Tarkaanfiin kuni maali? 

Deebiin isaa hiriira qindaa’ee, mormii qindaa’ee dha. Kunimoo Finfinnee tti! Finifinnee keessatti otuu hin ta’in Washingteen, London yooki immoo Melborn tti ta’u hin qabu. Finfinnee keessa lammiin Oromoo 400,000 amma 500,000 ta’u. Kana jechuun magaalaa sana keessa mormii kan geggeessuu danda’an ilmaan Oromoo kuma dhibban lakkawamu jechuudha. Lammiin hammana baayi’atu kun rooroo wayyaneef yoo jilbeeffate salphina guddaa dha. Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waayee kana jabeessee hubachuu qabu. Dhaabbileen Oromoo haqaa magaala sana amma waan hin jirreef itti gafatama seena kan qabu Waldaa Maccaa fi Tuulamaati. Itti dabalees lammii Oromoo miliyoona hedduun lakkaawamani naanna Finfinne qubatani jiruu. Lammiin kun hiriiraa Finfinnetti ta’u kessatti qooda fudhachuun dirqama isaatti. Ilmaan Oromoo magalaawwan Oromoo adda addaa keessa jiraatan warra Finfinnen waliin dhaabbachun hiriira godhuu barbaachiisaa dha. Waan harr’a Finfinne ta’e bor Jimmatti, Naqamtetti, Asallaatii, Shaashmanee fi Awaasaatti ta’uuf deema. Saboonni cunqurfamoon kibbaas gargaarsa (dirmmannaa) akka godhan gaafatamuu qabu.

Oromoon biyya ambaa jirruu otoo of hinqusatiin gargaarsa gochuu qabna. Qabsoo Afrikaa Kibaa irra, intifaada daa’imman Filisxeemii fi socho’ina Gur’achii Amerikaa mirga lammumma gonfachuuf godhan irra barumsa fudhachuun amma yeroo keenya. Jecha Fredirick Douglas irra deebina: Farra dinni nurrarratti rawwataa jiru kana ballesuuf qabsoo siyaasaa fi qabsoo irreetti mayii bawu qabna. Soodaan habadu. Humna fi qabeenyaa keenya qabsoo bilisumaaf hawareegnu.

Finfinnee ilaalshisee waan nu guutamuu qabu kan armaa gadii dabalata:

1) Maqaan Addis Ababa jedhamu maqaan koloneeffattuu waan ta’ef haqamuu qaba. Magaalticha maqaa ganamaatti deebi’u qabu. Finfinnen Magaalaa guddoo Oromoo taatee turti.

2)Ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaawaman kan Saahile Sillaaseen fi Minilikin qalaman, hidhaan daraaraman fi garbomfataman kan ittiin yaadataman waltajjii fi siidaan akka ijaaramu.

3) Finfinnen waltajjii jarmyoota Oromoo hundaati. Afaanii fi aadan Oromoo dhiibbaa malee Finfinnetti dagaagu qaba. Oromoon miliyoona walakkaa ta’an Finfinne otoo jiraatanii afaan saanii akka fedhanitti dhima itti ba’u dadhabuun saanii wanjala guddaa dha. Aadaa fi eenyumaa Oromoo Finfinnetti ni dagaagaa.

Finfinnen handhura Oromiyaati!

 

 

 

Advertisements