(Oromedia, 8 Adoolessa 2014) Jaal Amsaaluun abbaa isaa Obboo Qannoo Itichaa fi haadha isaa aaddee Kitilee Dheeressaa irraa bara 1970 tti Oromiyaa, Godina Wallaggaa, aanaa Horroo ganda Gitiloo jedhamutti dhalate.  Umriin isaa barmusaaf yeroo gahu  mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gitiloo bakkuma dhalotaa isanitti barate. Barumsaa isaa sadarrkaa tokkoffaa fi gidduu galeessa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa  Salaam    jedhamutti  xumurachuun qabxii ol’aanaa galmeessuun sadarkaa itti aanutti darbe. Barnoota isaa sadarkaa  lammaffaas Mana barumsaa  Shamboo  sadarkaa  2ffaa tti barate. Manuma barumsaa kanatti qormaata biyyoolessaa bara 1985 tti fudhachuun qabxii olaanaa (3.6) galmeessuun seenaa mana barumsichaa keessatti beekame.
Qabxii olaanaa qormaata biyyoolessaa galmeesseen bara 1986 tti Yuunvarsiitii Finfinnee seenuun  barnoota isaa ciminaan barataa ture. Akka kanaan degree isaa tokkooffaa Hogbarruun (literature) kabajaa guddaan (first class honor)  eebbifameera. Yeroo sana keessatti sochiin eenyummaa bartoota Oromoo dhabbata barnoota ol’aanaa (Yuunvarsiitoota fi kolleejjota) keessatti deemaa ture keessatti hirmaannaa guddaa qabataa ture. Keessattuu bara 1989 keessa harkaa lafa jalaan ABO jalatti maadheen ijaaramuun dirqamaa isatti kennamu bahaa  kan ture ta’uu hiriyyoota isaa fi qabsiisa seenaa isaa irraa odeeffannoon argame ni hima.
Bara mootummaa cehumsaa (1991-92) ammoo barnoota siyaasaa ABOn kennuu baratee dirqama ummata ijaaruu adda durummaan hojjechaa ture. Yeroo ABOn biyyaa keessaa dhiibamee gara dirreetti bahees WBO waliin dirree bahaa seenee dirqama qabsoo bahaa fi hadhaa qabsoon qabdu nama dhamdhamaa turee dha.  Booda ammoo dirree irraa dirqama fudhachuun gara handhuura biyyaatti deebi’ee hojii dhaabaa hojjechaa tureera. Akka kanaan ogummaa qabuun gazzeexaa ‘‘Coqorsaa‘ fi ‘Urjii‘ keessatti qopheessaa fi dirqama garagaraa irratti hojjechaa  tureera. Yeroo sana keessatti gazzexaaleen kun dheebuu odeefannoo dhugaa argachuuf Oromoon qabu kan dheebuu baasaan turuun Oromoon yeroo sana keessa haala jiru hubatuu hunduu beekuu dha.
 
Sana booda ammoo diinni arisaa fi hordoffiin isa irratti godhu irraa hojii isaa jijjiree gara Oromiyaa Lixaa deemuun Mana barumsaa sadarkaa lammaaffaa Beetel (Bethel Evangelical Secondary School (BESS) Dambi Doollootti argamu keessatti qacaramee bartoota Oromoo  dhugaan barsisuu fi qaruun hojii isaa ture. Kunis diina hin gammachiifne. Diinnii booda shira shiree Meeshaa WBOf walitti kusee kahee  fi mana isaa keessatti qabannee jechuun ukkamsuuf yaalii osoo godhanii irratti dammaquun jalaa miliqee bahe. Akka kanaan hordoffii fi sakkatta’a diinaa jala miliquun bara 1997 tti gara biyyaa ollaa Kenyatti baafate.
Jaal Amsaluun biyyaa baqatummaa keessattis, callisee hin teenye. Falasamni Jaal Amsaluun hordofuu fi irratti nama jajjabeessuus “dhalli Oromoo kamuu yoo baratee mataa isaafis ta’e saba isaaf furmaata fiduu dandaha,” kan jedhu ture. Amantaa kana waan qabuuf Jaal Amsaluun akka Keeniyaa seeneen carraa itti barnoota barachuu dandahu soquu ture. Ittis milkahee baalchummaa (sponsorship) argachuun Grace Yunveristy jedhamu seenee ‘ religious studies’ barnoota jedhamuun eebbifame. Ammas itti fufuun Degree isaa Lammaffaan (MA in theology) Daystar University irraa bara 2005tti eebbifame.
 
Barnoota kana osoo barachaa jirus ilmaan Oromoo baqattummaan biyyaa kana keessa jiran gargaruu fi tajaajiluu irraa uf hin qusanne. Baqattoota Oromoof IOM, fi bakkoota gargaraatti afaan hiikuun tajaajila lammummaa kennaa ture. Sana qofaa osoo hin taane rakkoo tajaajila hawaasaa baqataan Oromoo biyyaa Keniyaa fi bakkoota garagaraatti argataa turan gahaa akka hin taane waan hubateef bifa buqqaasaa ta’een furuuf tattafateera. Kanumaafis dhaaba RISO (Refugee Initiative Service Organization )jedhu dhaabuun tajaajila fayyaa baqattoota Oromoo biyyaa keeniyaa turaniif bara 2003-2005 kennaa tureera. Hojiin eebbifamaa akkasii Oromoon argachuun diina waan hin gammachifneef shirooti adda addaa qindeeffamanii akka RISOn hojii isaa sirnaan hin raawatne taasifame. Booda ammoo jireenyi isaa iyyuu balaa jala seentee bahee galuun rakkisa ta’e. Waan kana ta’eef Jaal Amsaaluun bara 2006 keessa Nairobi dhiisuun gara biyyaa Yugandaatti lubbuu baafachuuf dirqame.
Ergaa biyyaa Yungaandaa seenees Jaal Amsaaluun barnoota isaa itti fufuun Yunvarsitii Bugeemaatti degree lammaaffaa (MA Development Studies) kan jedhuu hordofaa ture. Sana qofaas osoo hin taane fedhii  baqataa Oromoo tajaajiluuf qabuu fi Nairobiitti milkha’uu dhabe, bifa biraan deebisee eegaluuf tattaaffii guddaa irra ture. Akka kanaan “Xirroo welfare Association” jaarmiyaa jedhu dhaabuun bara 2009  seeraa Yugandaa jalatti galmahuun hayyama mootummaa irraa argatee tureen haga gaafa lubbuun isaa darbeetti waan kana milkeessuufi fandii (funds) argachuuf takka hojiin isaa akka adda hin kutne galmee fi qabsiisi yaadannoo isaa ragaa dha. Sana qofaa osoo hin taane Jaal Amsaaluun hawaasa Oromoo biyyaa Yugandaa keessatti miseensummaa irraa kaasee sadarkaa dirqama adda addaa fudhachuun guddina isaaf guddoo tattafataa kan ture ta’uu miseensotii fi bu’uuressitooti waldichaa ni dubbatu.
 
Hojiin Jaal Amsaaluun hojjete kan lakkawamee  dhumatu ta’uu baatus, Jaal Amsaluun kitaabota fi barrulee hedduu kan barreesse keessaa haga tokko yaadachiisuun dirqama ta’a. Akka fakkenyaatti yoroo biyyaa keessa jiraataa ture, mata duree “Sheekkoo fi oduu durii” jedhuun kan maxansiise Oromoo biratti kan guddaa jaalatamuu fi beekamuu dha. Kanatti dabalees Jaal Amsaaluun  mana barumsaa argaa dhageetti  Gadaa Oromoo seenuun  barnoota aadaa Oromoo barsiisaa Abbaa Liiban Dabbasaa Guyyoo irraa kan baratee dha. Barnoota bakka kana irraa baratee irraas barruu ( artcle) “Waaqeffannaa fi the Oromoo world view” jedhu kan barreessee ture ta’u barruun inni bareessee irraa kan hubatamuu dha. Sanatti dabalees barruu qorannoo gargaraa barreessee walgahii dhaabata Qorannoo Oromoof (OSA) ergaa fi dhiheessaa kan ture ta’uun Galmee fi barruu qorannaa inni barreessee irraa waan hubaamuu dha. Dhihootti ammoo kitaaba mata dureen isaa “Urjii Dhahaa” jedhu Afaan Oromoon barreessee maxxansuufi Oromoo biraan gahuuf qophii isaa fixatee ture. Kitaaba kana afaan Inglifaanis hiikee Afaan Oromoo waliin yeroo tokkotti maxxansuuf hojiitti ture.
Hundaa caalaa ammoo Jaal Amsaaluun nama kaayyoo isaaf amanamaa fi cichaa, bu’aan kamuu kan isaa hin jijjirre ta’uu yeroo addaa addaatttti dadarkaa dhaaba ABO keessatti uumamee illee kutannoon kan dhabatee kaayyoo ittise ture ta’uu jaallaan isaa waliin turan ni himu.  Haga gaafa lubbuun isaa darbitee hafuura dhumaa baafatuttis, dhaamsi inni dhaamataa ture kan yoomiyyuu hin dagatamneedha.
“Sabboonummaan  dhimma sabaaf quuqamuu qofaa miti; namni sabboonaa ta’e kan  kaayyoo isaaf amanamaa ta’ee wareega barbaachisu baasuuf of-qopheessee ta’uu qaba; galfata jaallaan qabsoof wareegaman itti dhiisanii darban galmaan gahuufis kan of-kenninsaan jabaatee hojjatuu dha.”
Jaal Amsaaluun abbaa maatii fi abbaa ijoollee shanii ture. Egaa Jaal Amsaaluun hojii akkasii irra osoo jiruiu gaafa Waxabajjii 24, 2014 dhukuba akka tasaan qambamee osoo hospitaalatti yaalamaa jiruu  guyyuma kana galgala naannoo sa’a 7:00tti du’aan addunyaa kana irraa boqote. Waaqni Maatii, firoottan isanii fi akkasumas hiriyyoota isaii hundaaf jajjabina haa kennu!
Ekeraan isaanii daadhii hadhugdu! 
Advertisements