(Boruu Barraaqaa)
Yeroon isaa yeroo Irreechaa ti. Ayyaana kana yeroo kabajnu hundumaa dhugaa dagachuu hin qabne jabaa tokkotu jira. Irreecha ayyaana lammii Oromoo maraa taasisuu irratti hanga ammaatti hojii hangamtu hojjetame, hangamtu hoo nu hafe kan jedhu wal gaafachuu feesisa.

File: Irreechaa Melbourne 2011
File: Irreechaa Melbourne 2011

Akka hubannaa abbaa barruu kanaatti, Irreecha ayyaana lammiilee Oromoo maraa taasisuu irratti hojii danuutu nu hafa. Hayyuulee seenaa fi aadaa Oromoo, akkasuma beektota baranee (scholars) irraa qoodni hanga ammaa gumaachame xiqqaa miti tahuyyuu, quufsaa dha jechuuf nama rakkisa. Irreechaaf ilaalchi Oromoon qabu gabbataa deemee har’a ayyaana miliyoonota hirmaachisu kan tahuu danda’e hojiin gadi fagoon irratti hojjetameef miti. Dheebuu Oromummaa ilmaan Oromoo qabantu ayyaana kana dagaagsee sadarkaa kanaan gahe. Jibba Habashoonni nuuf qaban irraa ka’uun xiiqeffannee eenyummaa keenyaan boonuutu ayyaana kana guddisee irree jabaa kana itti hore. Oromoon amantii fedheyyuu haa hordofuutii Irreechi irree kiyya jedhee ayyaana kana akka mallattoo eenyummaa saba isaatti ilaaluutu jabina kana fakkaatu nutti hore.

Hunda caalaa kan nama ajaa’ibu, Irreechi gadi qabaa fi doorsisa mootummaa hamaa of irraa qolachaa didee guddatee sadarkaa kana gahuu isaa ti. Ayyaanicha sochii ABO waliin wal qabsiisanii dhawuuf yaaliin gama mootummaa irraa hin godhamin hin jiru. Sana hunda dandamatee toyannoo mootummichaa irraa ala bahe. Guddataa deemee ayyaana miiliyoonota hirmaachisu gaafa tahu ammoo mootummaan toftaa jijjiirratee sirna kabajaa ayyaanichaa harkatti galfachuuf hojjechuu filate.

Ayyaana Irreechaa yeroo kabajnu ilaalchotaa fi gochaalee farra Oromummaa ala irraas tahee keessaa nurratti aggaamaman of irratti dagachuu hin qabnu. Ayyaanni kun yeroo baay’ee dhimma amantii Oromoo isa dur durii (Waqeffannaa) waliin walitti hidhamee ibsamaa turuunii fi ammas haalli kun akkasumatti itti fufuun isaa yaaddessaa dha. Dhugaan jiru garuu, Irreechi ayyaana Waaqeffannaa osoo hin taane ayyaana Oromummaa ti. Hanga ayyaana Oromummaa tahetti ammoo ayyaana Oromoota Waaqeffataa qofa miti. Irreechi ayyaana Oromoota Musliimaa tisi. Irreechi ayyaana Oromoota Kiristiyaanaa tisi. Irreechi ayyaana Oromoota amantii fedhe kamuu hordofanii ti. Kana sirriitti ummata keenyas tahee kanneen ollaa keenyaa akkasumas addunyaa amanasiisuuf hojiin gahaatti hojjetame jira natti hin fakkaatu.

Kana wannin jedhuuf sababa malee miti. Qophii ayyaana Irreechaa irratti waggaa waggaatti warri of kenniinsaan maallaqa baasu, itti dadhabuu fi eenyuyyuu caalaa fuulduratti bahee waayee ayyaana kanaa hubatee hubachiisu obboleeyyan keenya hordoftoota amantii Waaqeffannaa ti. Kun maaliif tahe yoo jenne deebiin isaa ifaa dha. Hayyuu amantii Islaamaa yookiin Kiristiyaanaa tokko caalaa hayyuu amantii Waaqeffannaatu waa’ee Irreechaa quba qaba. Sababni isaas, amantiin Waaqeffannaa fi aadaan Oromoo (aadaa Irreechaa dabalatee), bara dheeraaf wal cinaa deemaa dhufuu fi seenaa cunqurfamummaa wal fakkaataa waliin qabani waan taheef. Sababa kana irraa ka’uun ayyaanni Irreechaa akka waan Waaqeffatootaa qofa ilaalutti fudhatanii irraa qoollifachuun matootii amantii kaanii irraa ni mul’ata. Ayyaanni kun ayyaana Oromoo maraa waan taheef Oromoon amantii fedheyyuu hordofu kamuu qophii ayyaanichaa keessaa qooda cululuqaa gumaachuutu irraa eegama ture. Fakkeenyaaf, Waldaan Waaqeffatoota Addunyaa qophii ayyaana kanaatiif baasii barbaachisu olaantummaadhaan baasuudhaaf dirqama addaa qabaachuun irra hin turre. Ayyaanichi kan hunda keenyaati eega jennee maaliif baasii barbaachisu Waldaa maqaa dhawame kana irratti dhiifna?

Waldaan Waaqeffannaa Addunyaa ayyaana Irreechaa dagaagsee sadarkaa kanaan gahuu keessatti qooda jabduu waan gumaacheef akka mataa kiyyaatti galataa fi dinqisiifannoo guddaan qabaaf. Caasaa ABO keessatti osoo hin hafin ayyaanni kun akka miilla lamaan gad dhaabbatee sadarkaa kana irra gahu milkeessuuf qooda karaa maallaqaa Waldaan kun gumaache dhiheenyattin qaba qaba waan taheef ulfaadhaa ittiin jechuun barbaada. Haa tahu malee gara fuula duraatti haalli kun jijjiiramee qaamni hundumtuu ba’aa waldaan kun kophaa isaa baachaa yoona gahe kana qooddatee baatuu qaba jedheen hawwa. Hawwii kiyya kanas warra dhimmi ilaalu natti dhihoo turaniif ibsuu irraa of qusadhee hin beeku.

Qophii ayyaana Irreechaa waldaa Waaqeffannaa qofa irratti dhiisanii ofii akka keessummaatti waamamanii irraa qooda fudhachuun dogoggora waan taheef kana booda sirraawuu qaba. Irreecha irratti Oromoon hundinuu abbaa ayyaanichaa ti malee keessummaa waamichaan dhihaatu tahuu hin qabu. Ayyaana boonsaa kana kan kooti eega jennee garaadhaan itti seennee qopheeffachuun hunda irraa eegama. Kun akka tahuuf ammoo Irreechi mallattoolee Waaqeffannaa irraa walaba tahuu qaba. Waaqeffannaan amantii dha. Irreechi garuu aadaa dha. Kana ifa godhanii saba keenya maras tahee olloota keenya hubachiisuu feesisa. Yeroo tokko tokko ayyaana Irreechaa irratti (keessumattuu Hora Harsadiitti) sirnoota amantiin Waaqeffannaa gaafatu raaw’atuun ni mul’ata. Fakkeenyaaf waan akka malkaa irratti dhiiga buusuu fa’a. Kun ammoo akka Oromoonni amantii biroo hordofan ayyaanicha ayyaana amantii tokkoo qofa godhanii hubachuudhaan irraa qoollifatan dhiiba. Kanaafuu warri ayyaana kana qopheessu dirqama ulfaataatu irraa eegama. Irreechi akka ayyaana aadaa Oromoo kan amantoota kamuu hammatuu fi sirna amantii kamuu irraa walaba tahe afaan ifaa tahee fi gochaa qabatamaadhaan addeessuu qabani.

Hirmaannaan ayyaana Irreechaa wagaa irraa gara waggaatti guddatee sadarkaa kana kan gahe dheebuu sabboonummaa Oromoo fi xiiqii Habashootaa irraa ti jenneerra. Kana jechuun maal jechuu dha? Oromoon amantii fedheyyuu hordofu akka Irreechi ayyaana Oromoo tahe qofa hubatee irraa qooda fudhata. Gariin Muslimootas tahee Kiristaanota Oromoo osoma ayyaanichi ayyaana Waaqeffataati jedhamee itti ololamuu dhaqanii irraa qooda fudhatan. Kun jabina faarfamuu qabuu dha. Haa tahu malee of kenniinsaa fi jaalala Oromummaa namoota akkasii kana ilaalanii onnachuudhaan ayyaana Irreechaatiif bifa amantii kennuuf dhiibuun geggeessitoota ayyaanichaa irraa hin eegamu. Kun diinota keenyaaf karaa banuu taha. Diinonni keenya Muslima yookiis Kiristaana fakkaatanii Oromummaa fi mallattoo Oromummaa kana fakkaatu rukutuuf akka arraba qaratan gargaaruu taha. ‘’Irreechi ayyaana amantii Waaqeffannaa waan taheef ani Muslima, kanaafuu irraa qooda fudhachuu hin qabu, ani Kiristiyaana, kanaafuu Irreechi Waaqeffatootaa ana hin laalu…..’’ ololoonni jedhan akka faca’aniif haala mijjeessuu taha.

Qaawwonni olola akkasii kun osoo babal’ataa hin deemin yeroodhaan cufuu feesisa. Olola akkasii kana qullaatti hambisanii fashalsuuf hojiin jabaan hojjetamuu kan qabu hayyuulee aadaa Oromoo warra waa’ee Irreechaa tolchee beekuuni. Akka Irreechi ayyaana aadaa Oromoo malee mallattoo amantii Waaqeffannaa hin tahin karaa dandaáme hundaan sabaaf addeessuutu irraa eegama. Sirna ayyaanichaas gochaawwan amantii Waaqeffannaatiin wal qabatan irraa walaba taasisuu feesisa. Warra beekaas tahee osoo hin beekne ayyaana kana irratti gochaalee amantiin Waaqeffannaa gaafatu raaw’atan toyachuu fi barsiisanii yookiis gorsanii sirreessuu barbaachisa.

Hundi keenyayyuu dubbii hubachuu qabnu jabaa tokkotu jira. Diinonni keenya akka ayyaanni Irreechaa har’a miliyoonota hirmaachisaa jiru kun of duuba deebi’ee akkuma kaeessaa owwaalamu fedhu. Hawwii isaanii kana dhugoomfachuuf ammoo ayyaanichaaf bifa amantummaa kennuuf dhama’u. Hawaasa Oromoo keessaa lakkoofsi akkaan guddaan amantiilee Islaamaa fi Kiristaanummaa akka hordofu ni beeku waan taheef karaa sanaan gargar nu diiguu barbaadu. Yoo ayyaanichi ayyaana amantii Waaqeffataati jedhame Oromoonni Muslimnis tahee Kiristiyaanni irraa qooda hin fudhatanu, akkasitti lakkoofsa hirmaattota ayyaanichaa gad xiqqeessuun dandaáma jedhanii amanu. Kanaafuu qindeessitoonni ayyaana kanaa yoomis tahee eessattuu olola diinaa kanaaf irree tahuu irraa of jabeessanii eeggachuu qabani. Yeroo diinni ayyaana Irreechaaf bifa amantummaa kennuu barbaadu, qindeessitoonni ayyaanichaa garuu sana sobsiisuuf hojjechuu qaban malee, akkuma hawwii diinaatti ayyaana kana mallattoo Waaqeffannaa godhanii lallabuun irraa hin eegamu.

Diinota qofas osoo hin taane seeronni amantii islaamaa fi Kirsityaanaas daangaa mata mataa isaanii akka qaban yoomuu yaadachuu feesisa. Amantiin Waaqeffannaa akkuma amanitiilee lamaaniitti Waaqa tokkichatti amanuu (monotheism) tahuyyuu, amantiileen hundumtuu qajeelfamoota mata mataa isanii qabani. Fakkenyaaf Islaamummaa fi Waaqeffannaan Oromoo haalota danuu keessatti wal fakkaata yoo tahe, wal fakkaata waan taheef qofa amantiin wal irraa hin ergifatamu. Amantiin akka ilaacha siyaasaa yookiin aadaa wayiitti kan wal irraa ergifatamu miti. Qajeelfama sii kenname irraa xiqqoo maqnaan boru guyyaa du’aan boodaa itti gaafatamta jedhamee waan lallabamuuf namuu of sodaata. Keessumattuu ummanni Oromoo dur dur osoo amantii kamiinuu wal hin barin irraa qabee hafuurumaan Waaqa beeka, Waaqa sodaata waan taheef, amma yeroo amantiilee gara garaa hordofus seera Waaqaa kan amantii san keessatti himame garaa guutuu abboomama. Kanaafuu akka namni amantii isaatiin itti dhufu hin fedhu.

Kanuma waliin, Waaqeffannaan kaleessa amantiilee amma sabni keneya bal’inaan hordofu dura (pre Christianity or pre Islam) amantii Oromoo maraa tahuyyuu, har’a eenyummaa keenya bade deebifanna jechuudhaan amantii amma qabannee jirru lakkifnee bakka kaleessatti deebina jechuun hin danda’amu. Obboleeyyan keenya Waaqeffatoon tokko tokko as irratti yeroo baay’ee yoo dogoggoran nan arga. Dhugaa dha, Oromoon aadaa isaa, afaan isaa, amantii isaa walumaa galatti eenyummaa isaa sarbamee kan alagaa akka fudhatu godhameera. Kana keessaa garuu amantii addatti baasanii ilaaluu barbaachisa. Amantiin akka aadaa miti. Amantiin akka afaanii miti. Aadaa fi afaan ofii yoo alagaan nama irraa fudhate shakkii tokko malee deebifachuun ni dandaáma. Amantiin garuu dhugeeffannaa jireenya addunyaa fi jireenya du’a-boodaa ti. Kanaafuu Muslima yookiis Kiristiyaana Oromoo tokkoon ‘’amantii alagootaa dhiisii kee ganamaatti deebi’I’’ jechuun balaa guddaa (sensitivity) waan qabuuf obboleeyyan keenya Waaqeffatoon dhiibbaa akkasii irraa of qusachuu qabani.

Akka naa galutti amantoonni amantii kamiiyyuu ‘’ámantii kee fi Oromummaa kee keessaa tokko fo’adhu’’ filannoon jettu yoo dhihaatteef deebiin isaanii rifaasisaa tahuu danda’a. Oromummaa mannaa amantii filachuu malu. Sababni isaas, amantiin jireenya du’a booda isa dabra hin qabne keessatti nama milkeessa jedhamee waan amanamuufi. Kanaafuu warri filannoo balaa baatu akkasii Oromoof dhiheessuu barbaadu yoo jiraate kana irraa dhaabbachuu qabani. Kun Oromummaa jaaruu osoo hin taane itti ejjetanii diiguudha. Beekaas tahee osoo hin beekne ergama diinaa bahachuu dha. Ayyaana Irreechaa yeroo kabajnu balaa akkasii kana of irraa fageessaa deemuu waliin haa tahuun dhaamsa kiyya. Ayyaana Gaarii!

Ofkalaa! Anas ofkalchaa!
Boruu Barraaqaa
Gulummaa75@gmail.com

Advertisements