(Oromedia, 26 Onkoloolessa 2014) Humnooti qabsoo bilisummaa Oromoo dadhabsisiuu barbaadan karaa addaddaa waraana guddaa qabsoo Oromoo irratti bananuun mirkanaa’e.

Oromedian ragaa qabatamaan kan bira gahe, qabsoon Oromoo humnoota keessaa fi alaatiin haleelamaa jira.

Qabsoon Oromoo kaayyoon isaa bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu dha.

Hunooti Itoophiyaa kanaan dura Oromoo fi Oromiyaa garbummaa jala jiraachisuuf kaayyeffatan garuu waggoota 150 oliif qabsoo Oromoo karaa hundaan hidhanii  balleessuuf yaalii godhaa jiran.

Gama kaaniin, qabsoon Oromoo haleellaa gama hundaa dandamatee ka’us, uleen diinaa keessaa fi alaan qabsoo Oromoo haleeluu irraa hin dhaabbanne.

Qabsoon Oromoo akka haaraatti bara 1960moota keessa biqile sadarkaa olaanaa irra kan gahe, bara 1990moota keessa ture.

Yeroo sanattis qabsoo Oromoo sirnaan taliiguu fi galii olaanaa akka argamsiisu taasisuu irratti hojiin hojjatame yaadannoo seenaaa keessa jira.

Garuu, haleellaa diinaa fi haleellaa keessaatiin qabsoon Oromoo akka duubatti deebi’u haallen taasisan amma illee mul’ataa jiran.

Seenaa keessa hubannutti,  bara 1990moota gara jalqabaa keessa Waraanni Bilisummaa Oromoo akka mooraa galu taasifamuun dogoggora seenaa qabsoo Oromoo keessatti hojjatamee dha. Kanuma waliin, qophii tokko mallee ABOn mootummaa ce’umsaa keessaa akka bahuu fi WBOn marfama keessa jiru deebi’ee akka mooraa bahu godhamuun immoo qabsoo Oromoo keessatti dogoggora guddaa hojajtamee qabsoo Oromoo sadarkaa duraatti  miidhee jiruudha.

Sanaan walqabatee rakkooleen yeroo irraa gara yerootti mumul’achaa jiran, waraana keessaa fi alaan qabsoo Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru keessaa kan maddee dha.

Oromedian akkaseenaa qabsoo Oromoo yeroo quncisu, irraa jalaan kan itti bahaa jiru waraana guddaa qabsoo Oromootti banamee jiru mirkane. “Duulli duraa qabsoo Oromoo keessatti afaanfaaffiin akka uumamu gochuu irraa kan madde,” kan jedhan xiinxalaan qabsoo Oromoo tokko,  “dhimma kanaaf, hoggantooti qabsichaa olaanoon gaafatamummaa guddaa qaban. Keessayyuu, kanneen akka Ob Leencoo Lataa qabsoo Oromoo sirnaan gaggeessuu irra afaanfaajjiin qabsoo Oromoo keessatti akka dagaagu gahee guddaa xabatanii jiru,” jedhan.

Iti dabaluunis, “alagaa biyya Oromoo cabsee saba Oromoo ajjeesaa jiru waliin hariiroo dhokasaa uummachuu irraa kaasee ajaja dhaabaan ala akka fedhanitti diina waliin dubbachuun hojiin qabsoo Oromooa akka danqaa keessa seenu taasisan,” jechuun miidhaan qabsoo Oromoo irra gahe ibsan.

Gama kaaniin, mooraan qabsoo Oromoo akka deebi’ee hin tasgabboonfe, karaa keessaanis ta’ee alaa duula itti banuun namooti cichoomina qaban akka qabsoo irraa fagaatan shira walirratti gaggeessuun mul’ate jira.

Haallen  kunneen  akka murnooti haaraan ABO keessaa bahan taasise.  Caalattiyyuu,  jaallan irbuu waliif  seenaanii diinatti bobba’an akka qawwee isaanii walitti deebifatan taasise.

Duulolin ddina akan yeroo hunda itti fufee jiruu dha. Kan keessaa immoo, darbee darbee kan dhalatu ta’us, miidhana isaa hedduu guddaa dha.

“Haalli kun yeroo addaddaatti ifaan mul’atee jira. Yeroo  duraatiif bara Jaarraa keessa dhalate. Yeroo lammaffaaf immoo bara Galaasaan fincile ta’e. Bara Kamaal  fincile immoo yeroo sadafffaaf dhalate,” jechuun qabsoo Oromoo keessatti waraana keessaan banameen miidhaa gahe yaadachiisan.

Akka kanaanis yeroo murni ABO qaama Ce’umsaa jedhu dhalate, WBOn bakka lamatti walqoodee walwaraane; waraanni murna Qaama Ce’umsaa jala hiriires  baqatee alagaatti harka kennate.

Akka yaadatamu, WBO yeroo duraatiif qawwee isaa kan walitti gargalche, bara Jaarraan ABO irraa bahee jaarmiyaa Adda Bilisummaa Islaamummaa Oromiyaa hundeesseedha.

Dhibdeen kun yeroo irra gara yerootti babal’achuun, bara 2008 keessa jeequmsa sadarkaa olaanaatti qabsoo Oromoo miidhe dhalche. Akka kanaanis yeroo sadaffaaf qawwee walitti gargalfate; yeroo lammaffaaf immoo waraanni bilisummaa Oromoo hogganoota waliin diinatti harka kennate.

Duulli kun akkanaanis hin dhaabbanne.

Humnooti hafan maqaa qabsoo Oromoo dhawachaa lagaa Oromoo cabsee itti geeraru jalatti kufan. Kaani immoo maqaa qabsoo oromoo fudhatanii waan saba Oromoo qaanessu hojajchuu hojii guyyuu godhatan.

Mooraa qabsoo oromoo goolaa kan turan hogagnooti gariin immoo maqaa dhaaba biraa dhaabanii qabsoo oromoo agra dabsuuf hojjachuu itti fufan.

Hoggantoota Oromoo sadarkaa duraatti qabsoo Oromoo gooluun maqaa dhawaman keessaa tokko Ob leencoo Lataa fi Ob Diimaa Nagoo ti. Jarri kun  har’a haga OPDOn biyya keessaa gaafachaa jirtu illee gaafachuu hanqatanii jiru.

Qabsoo sabaa dantaa nama tokkoon yoo jijjiiranii fi yoo dabarsanii qaanessanii fi cabsan argamaa jiran. Ob Leencoon Ob Ibsaan hidhaa baasa jedhee otuu WBOn kuma digdama ta’u hidhaa keessa jiru biyyatti gale. Ob Diimaan du’agahii dhaquuf qabsoo Oromoo dhiigdi meeqa itti dhanga’e deebisee salphise.

Humni waraana diinaa keessaa cabsatee qabsoo Oromootti dabalames, aaadaa saalfachiisaa kana saalfii fi qaanii tokko malee daran babal’ise; gochaa hamaa duraan diina waliin qabsoo Oromoo irratti raawwate caalaa waaroo qabsoo golgaa godhatee qabsoo Oromoo miidhaa jira.

“Fakkeenyaaf, Kamaal Galchuu qabsoo Oromoo keessatti hokkora kaasuu fi lubbuun qabsaa’ota hedduu akka dhabamu taasisee jira. Kamaal ammas biyya itti baqate keessaa olola kijibaatiin mooraa qabsoo Oromoo akka gooletti jira,” kan jedhe dargaggoo Amaan Magarsaa,”sabni Oromoo jarreen guyyuu dantaa isaa miidhan kana ofirraa dhaabuu qaba; jarreen kana beekee, qabsoo isaa tifkachuu fi eeggachuu irratti hojjachuu qaba,” jedhee jira.

Qeerroon Bilisummaa akka ibsetti immoo, dhalooti Qubee  qabsoo Oromoo tiksuu callaa otuu hin ta’iin dhaaluuf yeroon itti of-gahoomsuu qaban amma. “Yeroon kun yeroo qabsoo keenya jabeessinee tiksinuudha. Kana caalas, kanneen itti gaafatamummaan itti hin dhagayamne adda baafnee beekuun irraa of eeguu qabna. Bakka jirrutti qabsoo dhaaluufis of qopheessuu qabna.”

Yeroo diinni laafee jirutti, qabsoon Oromoo daran of-jabeessee tarkaanfachuun irra jira.Dhalooti haaraas humnoota jilbeeffattoota, lootugaltootaa fi ayyaanlaallattota irraa eegee qabsoo haqaa abbootii isaatiin eegalame  fardeessuu qaba.

Ummati Oromoo kanneen haqaan qabsoo saba gaggeessan adda baafatee, deeggaruu fi  bira dhhaabbachuu qaba; diina kaayyoo  immoo ifatti mormuu aadeffachuu qaba. “Haga humnoota qabsoo Oromoo keessa dhokatanii jiran kunneen hin saaxilletti haleellaa fi jeequmsi qabsoo Oromoo irraaa hin dhaabbatu.”

 

 

Advertisements