Abbaa Urjiitiin
(Oromedia, 16 Amajjii 2015) Qabsoon bilisummaa ummata Oromiyaa, arra, sadarkaa if duuba hin deebine geeysee jirti. Akkanumaa waliin, bahaa-bu’ii amna isii keessatti warra dhaabbiin rooraatuu fii kanneen Xophiyummaan a’oo seente jidduu, lammii keessaa, kanneen galii isii irraa shakkii qaban heddu. Garuu, yo kan durin wal cinaa qabame, lakkooysi warra kanaa akkaan xiqqa.
Hamma walakkaa baroota torbaatamootaatti, warri kaayoon qabsoo bilisummaa Oromiyaa abjuu hujiin hin fassaramne itti fakkaachaa turte  baayye. Haalli san,  murannoo qabsaawota dirree qabsoo saaqaniin injifatamee, kaayoon bilisummaa dhaabbii takkittii mooraa qabsoo taatee lammii keessa babal’achutti seente. Milkii tanaaf Elemoo Qilxuu fii Jaarraa Abbaa Gadaa tiin alatti warri itti faarfaman hin jiran.
Ararso1Gaafa jeeynoonni armaa olitti maqaan dhawame, kaayoo bilisummaa tiif wareegama barbaachisu kennuuf muratanii daggala Oromiyaa seenan, kaayoo deemaniin bowwaasuu fii tumsa barbaachisuun warri bira dhaabbatan jibiri. Qoonni jara kanaa, babal’ina kaayoo bilisummaa tan gaafa qacalee tiif murteessa ture. Sadarakaa qabsoo tan gaafa kanaa keessatti, qabsaawota maqaan tarree duraatti tarrifamu keessaa tokko, Rabbi rahamata haa godhuu fii, Araarsoo Boruu (Ahmad Muussaa Haaji Alii Boruu) ti.Araarsoo, abbaa isaa Obboo Mussaa Haaji Alii Boruu tii fii haadha isaa Aadde Haloo (Halimaa) Aadamirraa Baha Oromiyaa, Godinaa Bareentumaa, magaalaa Dirree Dhawaa, duubbee Masgiid Jum’aa, naannoo maqaa akaakoo isaa tiin moggaafamuun, ganda Haaji Boruu-tti beekkamutti  Caamsaa 10, bara 1952, dhalate.Gaafa sammuun Araarsoo barnoota fudhachuu geeyse, ijibbaata sirna gabrummaa dura dhaabbachuu, tan gaafa inni dhalte lammiin hordofaa turan irraan kan ka’e, akkuma daa’imman yaroo saniitti, mana barnoota Amaaraa (akka gaafas itti beekkamutti) irraa iggitamee, Amantii Islaamaa tii fii Arabii akka baratuuf, Madrasaa Gubee geeyfame.

Madrasatti, Araarso, qu’annaa hifaata malee tiin, yaroo gabaabduu keessatti if bira dabree, warra waliin baratan gargaarutti seene. Xiqqo booda, san bira kutee, barachaa, manuma barnootaa sanitti, joollee barnootaan isaa gad jiran barsiisuu jalqabe. Barnoota madrasaa akka xumureen, guddaan, dheeraan, barnoota ammayyaa tiif, mana barnoota Madrasa Jadiidaa geeyfame. Araarso akkuma mana barnoota kaanitti, kanattiis, barnoota isaatti akkaan cime. Barnoota sadarkaa duraa booda kan jiddu galaa tiif mana barnoota Laga Harree-tti dabree, waliigala kutaa duraa, baroota gabaabotti keessa fullahee, kan lamadaatti tarkaanfate.

Gama biraa tiin, Araarso sab-boonota bara 1974, magaalaa Dirree Dhawaa keessatti maadheeleen gurmaawan keessaa tokko. Magaalaa san keessatti, barattootaa fii dafkaan bultoota dammaysuu fii jaaruu, akkasumatti ammallee, qotee buloota naannoo sanii if beeysisuu irratti odoo haalaan hojjatuu, ji’a Waxabajjii tan bara 1977, gama universitiitti tarkaanfachuuf, qormaata hulaa kudha lamaa fudhatee, barumsa maraan qabxii ol-aantu galmeesse.

Yaroon tuni, yaroo qabsoon hidhannoo bilisumma ummata Oromiyaa qacalee ti ture. Qabsoo hidhannoo qacalee gubbisuuf warra jalqabaan marxifatan keessaa Araarso angafa tahe. Akka hujiin Dirree Qabsoo karaa qabatteen, biyya alaa deemee qabsoo bilisummaa tiif tumsa akka argamsisuuf qaadhimame. Araarso barnoota isaa itti fufuuf karaa universitii Finfinnee deemuu dhiisee, dirqama qaadhimameef hobbaafachuuf, jilaa waliin, biyyarraa sossoohe. Amna miilaa tan guyyaa torbaa booda, ji’a Onkololeessaa kan bara 1977a, magaalaa Jabuutii seene.

Gaafni Araarso faan Jabuuti seenan, gaafa biiyti sirna bulchiinsa gabrummaa Faransaayii jalaa reefu bilisa itti baate ture. San malees, yaroon san, yaroo Oromoonni biyya san keessa jiran, jijjiirama arkametti fayyadamuun, caasaa Embaasii mootummaa Xophiyaa jalaa walaba taateen, if gurmeessanii maqaa Caayaa Oromoo ja’uun mootummaa haarayatti if galmeessan ture.

Jilli Araarso irraa tokkoo, Caayaa Oromoo magaalaa Jabuutii tan reefu jaaramaa jirtu caaseysuu fii karaa qabsiisuu irratti qooda guddaa laatan. Gama biraa tiin, miseensonni caayaa tiis, qoma bal’oon isaan simatanii, dhimma biyyaa bahaniif if dura tarkaanfachiisuu irratti dugugguruu (lafee duuydaa) tahaniif.

Araarso, karoora biyyaa bahaniif fiixa baasuu irratti, ramaddii hujii tan magaalaa Jabuutii keessatti isa hambifte gammachuun fudhatee, hujitti seene. Gama tokkoon, dhimma siyaasaa tan biyyaa baheefiif dhaabotaa fii Embaasiilee ambaarra daddeemaa, gama kaaniin, lammii Oromoo kanneen biyya san keessatti if wallaalanii alagooman dammaysuu fii Caayatti dabaluu irratti hifannaa malee halkanii fii guyyaa carraaquu jalqabe.

Lakkuma qabsoon bilisummaa finiinaa deemtuun, Oromoonni baayyinaan baqatanii Jabuutii gaafa seenuu jalqaban, Araarso daran hirriiba dhabaa dhufe. Baqattootaaf iddoo bulmaataa tii fii dhihana irraa arkatan barbaaduu fii qubachiisuu dirqama godhate. Akka hara fudhataniin, bixxillee baqattumaa akka arkataniif waan barbaachisu godhuu fiin ba’aa isarra jirtu taate. San boodaas, kanneen qubsumaaf karaa Amerikaa fii Kanadaa deemuu barbaadaniif, korboo guutuu, afaan hiikuu fii mala dhawuun tan isaa taate. Warra dalagachuuf karaa Sa’udii deemuu fedhanii fiis baasabooraa fii viisaa biyya sanii barbaaduuf, oowwa biyya sanii keessa, olii fii gad kan daddeemu tahe.

Gama biraa tin, rakkoo dirree qabsoo bilisummaa ummata Oromiyaa keessatti bara 1978 arkamte furuuf, Araarso, tattaafata guddaa godhe. Haala dhalate irraa kan milkaawu diina qofa taachaa hubachuun, dhibdeen ganamumaan akka dhaamtuuf karaa dandayuu maraan carraaqe. Ijibbaanni isaa fiixa bahuuf dinnaan, odoo hin jaalanne, dhaabbi fudhachuu dirqame. Dhaabbiin, murannoo cimtuu waliin, gaafas Araarso fudhate, tokkummaa Oromoo cimsuu irratti qooda guddaa gummachite.

Addi Bilisummaa Oromoo, biyya Soomaalee keessatti heeraan hojjachuuf akka hayyama arkateen, Araarso achiitti ramadamee, jalqaba bara 1980i, Jabuutii irraa gamas sossoohe. Soomalee keessatti itti gaafatamaa Waajjira Hargeessaa tahee, qabsoo bilisummaa tiif dirqama isaa hobbaafachaa odoo jiruu, dhaabaan waldhabee, biraa deemee, ji’a Adooleessaa kan bara 1982a, bahara Hindii qaxxaamuree Sa’uudii seene.

Araarso Sa’uudii dhaquun hawaasa achi ture keessatti jijjiirama cima fide. Araarso Sa’uudii keessatti, ilmaan Oromoo faffac’arraa akka gurmaawan godhe. Dhaaba maqaa Tokkummaa Hojjattoota Oromoota Riyaad (THOR) ja’uun gurmeessee, ifii fii wal malees, qabsoo bilisummaa Oromiyaa tiif waan hedduu akka gumaachan godhe. Biyya dibbee dhawuun boquu nama dhabsiisu keessatti, agarsiisa aadaa tii fii daawwiilee dhooysatti qopheessanii, Oromoota achii malees, kanneen naannoo biraa akka irraa barataniif viidiyoon waraabanii wanni lammii keessa facaasan, irree qabsoo bilisummaa akkaan cimsite.

Ararso2Haalli Sa’uudii akkaa-gara dhaabaa gaafa dhufe, maatiif biyya qubsumaa barbaacha, Sadaasa 19, bara 1986, biyya Xaaliyaanii – magaalaa Roomaa warraa waliin seenan. Hamma yaroon achii sossoohuu geeysutti, akkuma Riyaaditti Roomaa keessattiis, lammii gargaaruu fii gurmeessuu hujii godhate. Hooggana isaa fii kanneen biraa tiin, waldayni baqattoota Oromoota Roomaa keessatti dhaabbatee, yaroo gabaabduu keessatti, damee Tokkummaa Barattoota Oromoo Aroppaa (TBOA) keessaa kan hundarra cimaa tahee arkame.

Araarsoo fii maatii: Bitaarraa gama mirgaatti, Faayoo, Tiyyaa,

Araarso, Faxxumee, Leensaa fii Guulaa

Araarso, jiruu baqattummaa irraa hara fudhatee qubachuuf, Ebla 14 bara 1988, maatii isaa waliin biyya Kanadaa magaalaa Torontoo dhufe. Akka Torontoo seenettiis, hujiin sabaa jalaa in hafne. Wanni qubsumaa hanqattee, miseensa Tokkummaa Oromoo Amerikaa Bitaa (TOAB) damee Ontariyoo tahee, murannoo isaa saniin, mooraa qabsoo bilisummaa gabbisutti seene.

Araarso, nama naamusa cimaan faayame. Nama yaada isaa ifatti ibasatu, kan namaa tiis qamaa qalbiin gurra banee caqasu. Nama dhaabbii bilisummaa ummata Oromiyaa tan ganama manaa baheef irraa takkaa hin daddabini. Nama dirqama fudhate hamma hobbaafatuu hirriibni hin fudhanne. Guddaa fii xiqqaa lammii tiif jaalalaa fii kabajaa qabuun, qabsaawaa fii sab-boonaaf fakkeenya dhugaa tahe.

Ararso3Waldhabbii qabsaawotaa tan bara 1978 irraa kaasee, Araarso, “bilisummaa biyyaa tii fii walabummaa sabaa tiif  tokkummaan qabsaawotaa barbaachisaa dha,” je’ee nama yaadu.  Yaada isaa kana, afaan bira kutee, katabbii isaa tan akkaan faayamteen taraaree, suuraan miidhaysee, kaleen agarsiiseen odoo abdii hin kutanne, irra daddeebi’ee, yaroo hedduu dooyaarratti agarsiisee jira. Yaroo dhukkubni itti sharafee hafuura itti kutaa dhufees, wanni dhaammate, wasiyyaan isaa, “tokkummaa qabsaawotaa fiduuf tattaafata godhaa jirtan itti jabaadhaa,” tan jattu.

Araarso, bara dabre, Amajjii 19, 2014, hawaasa Torontoo kanneen gadda haadha warraa, Aadde Faxxum Abdukariim Alii, tiif walitti qabaman irratti, “Ambayyoo! Ani silaa nama du’a Fxxumee irraa dandamatuu miti. Garuu, haalli keessan irraa na hambise. Galatoomaa!” jechuun jaalala haada warraa tiif qabu ibsee ture. Duuba, tin’isni hawaasaa akka hawwe hin taaneef. Akki je’ee hanqattee, amata isaatti, Amajjii 15, bara 2015, dhukkuba yaroo gabaabduu keessatti isa sardeen, magaalaa Torontoo keessatti, adunyaarraa gale.

Araarsoo fii Faxxumeen, dhuma bara 1981, Somaalee keessatti irbuu jaarsaa jaartummaa waliif seenan. Eega gaafasii, hamtuu fii toltuu isaan mudattu mara jaalala namayyu hinaafsiftuun keessa hulluuqan. Akkuma wal-jaalatanitti wal jalaa hafuu didanii, Guulaa, Faayoo, Tiyyaa fii Leensaa biyya ambaa keessatti hadiyyomsanii, wal duraa duuba, deeman. Ilmaan isaanii malees, hawaasa Oromoo magaalaa Torontoo garaa raasan. Rabbi jannataan haa qananiyu!

Oromiyan ni bilisoomti!

 

Advertisements