11046806_1590100687942813_2322174843306110075_nJaal Bunguli (Abdiisaa) Hayilee abbaa isaa obboo Hayilee Dagabaasaa Camadaa fi haadha isaa Aaddee Muluu Daammanaa irraa Caamsaa 14/1986 A.L .O. ti Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat ganda Gaamoo Hadaadiitti dhalate. Yeroo umuriin isaa barnootaaf gahutti, barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma aanaa Jibaat mana barumsaa iichaa hadaadiitti xumure. Barnoota isaa sadarkaa 2ffaa mana barumsaa shanan sadarkaa lammaffaatti barachuun qormaata biyyoolessaa(kutaa 10ffaa) qabxii giddugaleessaa galmeessissuun gara kolleejjii teknikaa fi oggummaa Ambootti ogummaa seeraa barachuu eegale. Ogummaa seeraa baratee osoo jiruu carraa hojii waan hin arganneef ogummaa dhuunfaa isaa hojii ijaarsaa garaa garaatiin biyyoota adda addaa deemee  hojjachuu eegale. 

Jaal Abdiisaan nama qajeelaa dhaabbii fi ilaalchi isaa namatti tolu ture. Hawaasa naannoo isaa biratti taphataa kubbaa milaa cimaafi farda gulufuun beekama. Jaal Bunguli (Abdiisaa) bara 2014 yeroo ummanni Oromoo daangaa lafa Oromiyaa falmatu mirga saba isaatiif nama of kennee falmaa turee dha. Sababa kanaanis hiriira seeraan alaa gaggeesite; jeequmsaaf ummata kakaafte jedhamee yeroo dheeraaf hordofamaa ture. Innis hordoffiin itti hammaannaan bakka jireenyaa jijjirachuun  jiraataa ture.

Yeroo keessa  haalli tasgabbaa’eera jedhee Ayyaana Irreechaa kan magaalaa Bishooftuutti kabajamuu kabajee gara maatiisaatti galuuf osoo deemaa jiru, osoo maatii isaa bira hingahiin magaalaa Shanan ganda 01 tti gafaa guyyaa  05/10/2014  to’annaa poolisii jala oole. Poolisiin toánnaa jala isa oolches  guyyaa lamaaf achuma magaalaa Shanan waajjira poolisii tursuun guyyaaa torba booda gara waajjira qajeelcha poolisii G/Sh/Lixaa Ambootti dabarse. Achittis qorannaa guddaa erga irratti raawwatanii booda gara mana sirreessaa Ambootti dabarsuun hiriyyoota isaa otuu mirga saba isaaniif falmanii diina harka buánitti makame.

Jaal Abdiisaan yeroo qorannoo poolisii jala turetti hedduu reebamaa ture. Qaamni isaa hedduu miidhamee ture. Yeroo heddduu kan mana hidhaa keessatti dubbataa tures,  waaée miidhamuu isa aotuu hin taane akkamiin akka sabni Oromoo bilisummaa isaa deebifatee goonfatu akn ibsu ture. Yeroo mara kan inni dubbatu, “diinni kan hidhu qaama keenya malee yaada keenya miti; yeroo amra waa’ee bilisummaa keenyaa yaaduu dhiisuu hin qabnu,” jedhaa ture. Waa’ee reebichaa fi hiraarsaa  yeroo dubbatus, “namni bilisummaa barbaadu reebicha himatuu hin qabu; gatiin bilisummaa olaanaa dha,” jechaa akka ture hiriyyoonni isaa ragaa bahu.

Reebichi Jaal Abdiisaa irra gahe garuu oolee bulee isa miidhuu hin dhiifne. Yeroo hedduu gara mana yaalaa akak geessan iyyatus, manni yaalaa deebii kennuufii dide. Erga inni miidhamee du’a jala gahee booda garuu,  gaafa guyyaa 14/03/2015 gara hospitaala Ambootti geeffame. Yeroo geeffame sanatti hedduu hubamee waan tureef akka irraa hin hafne ni beekama ture. Namoota isa gaafachaa turanittis akka dhibee gidiraa irraa itti dhufe irraa hin fayyine itti himaa ture. Keessayyuu, kaayyoo haqaaf falmuun itti fufuu akka qabu dubbataa ture. “Mootummaa gabroofataan nama ofitti amanu hin jaalatu;  motummaanni Habashaas sabni keenya akka doofaa taée hafu barbaadu. Kan dide immoo kaan biyyaa ari’uun akka baqataa taú godhan; kaan immoo qabanii mana hidhaatti gidirsuun achuman ajjeessan. Kun har’a miti, kan eegale. Kaleessas nurra ture; har’a illee kunoo aadaa ta’ee nu nyaachaa jira.  Sabni keenya qabsoo isaa itti fufuu malee fala biraa hin qabu,” jechaa ture.

Abdiisaan dhibee gidiraa irraa itti dhufe irraa otuu hin dandamatiin akkuma kaateenaan hidhametti  gaafa guyyaa 17/03/2015 osoo beellama mana murtiitti deddeebi’u hin xumuratiin, murtee dabaa gaaffii  bilisummaa isaatiif isatti kannameef ture otuu hin  argatiin lubbuun isaa ganama keessaa sa’a 6:00 irratti bakka haati manaan isaa hin jirretti maatii isaa harkatti umurii 29 tti biyya lafaa irraa boqote.

Gootichi Oromoo, Jaal Abdiisaan (Bunguliin) yeroo lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattota Oromoofi ummata Oromoo maraaf dhaamsaa dabarse.

“Yaa ummata Oromoo! Yaa hiriyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisumma Oromoo!  Duuti koo, du’a goota Oromoo kan obboo H/Gammadaa, kaadhimamaa Engineer Gaaddisaa Hirphasaa fi kan gootota Oromoo biroo waliin wal fakkaata. Ani kanin hidhameef, kanin ajjeeffameefis waanan,  ‘lafti Oromiyaa hintaatu kan alagaa!’ jedheef. Akkasumas,  waanin Oromumma kootti booneef duá kanaaf na kaadhiman malee yakka hojjadhee miti.”

Abbaan isaa obboo Hayilee Dagabaasaa haala du’a ilma isaanii haala nama gaddisisuun ergaa dabarfatan;

“Yaa ilmaan Oromoo ilmikoo hatee ykn nama reebee, ajjeessee miti kan biyya isaa irratti hidhame; lafti ilmaan Oromoo maaf ciccirama jedheeti kan falme, maal godhu garuu ilma koo miti kan karaa baase;  duuti ilmaan Oromoo walfakkaataa dha. Warri kaan reeffa ilmaan isaanii hin argiin jiran. An garuu reenfaa ilma kootii, kaatenaan hidhamee jiru argadheen jira.” jedhan.

Barruu yaadannoo isaa irraa dhaamsi argames ejjannoo dhugaa inni qabu kan ibsuu dha.

“Duuti ilmaan Oromoo amma du’a sareellee dhageettii dhabaa jira. Ani qabeenyaa keenyaafin hidhame; reebame; yoon asitti dué illee kaayyoo saba kootiifan wareegame. Namuu irra deddeebi’ee hidhii xuuxuun waa akka hin finne beekuu qabna. Kan nu baasu kaayyoo goototi keenya irratti wareegaman jabeessinee galmaan ga’uu qofaa dha; imaanaa kun kan tokkoon tokkoon  Oromooti.”

Har’a Jaal Abdiisaan nu waliin hin jiru. Kaayyoon inni wareegameef immoo amma illee galii isaa hin geenye. Akak galii isaa gahuuf kan hojjatuu qabu dhaloota haaraa imaanaan eeggatuu dha. Yaadannoon Jaal Abdiisaas kanuma mirkaneessa.

“Karaan irra jirru karaa sirrii ti; karaan kun kan jaallen Oromoo itti wareegamaa jiran, karaa qajeelaa fi haqaa ti. Kana waan ta’eef, waan nu itti roorrifamnee itti ajjeeffamnu kana murannoon galmaan gahuun dhaloota keenay irraa eegama. Namuu waadaa kana tiksuu qaba; dhalooti haaraan hojii manee kana hojjatan malee Bilisummaan tola hin dhufu.  Ani gama kootiin, saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waanan itti gaabbuiu miti; waanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoo inni hafe gumaa keenya  baasuuf irbuu isaa haaromsuu qaba!” 

Jaal Abdiisaan akka hawwetti fayyee dirree falmaa seenuu hin dandeenye. Garuu, irbuu isaa cabsee ergamtuu diinaa hin taane. Bakka gahe maratti otuu saba isaaf dubbatuu, otuu haqaaa fi dhugaaf falmuu dhibee roorrootiin addunyaa kana irraa darbe; seenaan isaa seenaa qabsaa’ota Oromoo keessatti hallu kabajaan barreeffamee dhalootaa dhalootatti dubbifamuun immoo mirkana. Jaal Abdiisaan, abbaa ilma tokkoo yoo ta’u,  bakka haati manaa isaa hinjirretti qobaa isaa ilma isaa guddisuuf nama dhama’aa tureedha.

Advertisements