Caalaa Haahiluu

Miira an qooddadhee irra deddeebi’ee caqasee quufuu dadhabe kanan siniif qooduu fedhe.

Haacaaluu2015_18Haacaaluu Hundeessaa jidduu kana sirba qeenxee ”MAALAN JIRA ” jedhu dhaggeeffattootaafi dinqisifattoota isaa erga bilisaan badhaasee,animmoo caqaseen quufuu dadhabe,akka ” gowwaan waan qabate hin gadhiisu.” sana ta’een irra deddeebi’ee dhaggeeffachaa jira. Sirbichi garuu nadha nabassee na geggeessurra, ittuu haarawaa deeme, nan dhangeessine.
Hunduu kana akka qooddattan nan tilmaama. Tarii araddaan ani itti ijaarradhee caqasaa jiru kana sinis fakkoo koo ykn araddaa biraa keessaa caqastuufi kan biraa keessan wallaalullee, mee dallayaa tiyyatti deebi’een hiikkan itti kennadhen hamma tokko wallee kana xiinxaluu yaala,Walfakkaachuus baannu miira kiyya akka hubattan hin shakku.
Silaas dhala Oromoo kan aartii fi muuziqaa Oromoo faana dhayu callaa odootii hin tahin sabni keenya guutuun baadiyyaa hanga magaalaa,Oromiyaa hanga ardii addunyaan tuni qabduu fulaa dhalli Oromoodhaa itti faca’ee jiraatu cufatti Haacaaluun eenyuu? jedhee namni gaafatu waan jiru hin sehu.
Haa ta’uutimmoo seensafillee taatu mee yeroon Haacaaluu argerraan yaadannoo godhee siniif qicaatii nafaana dhahaa.

Yeroon qaroo tiyyaan jalqaba arge guddaa keenya hardhaa tahuusaa tilmaame suni bara saddeet dura,naannoo bara 2007 ture. Gaafas tarii jaallan isaa kanneen dandeettii keessa isaatti ummoomee,akka qabeenya Oromoo jaajjaa, kan garuu Oromo irratti agabuu fi beela’uu kanatti, innis daneettii addaa kana baatee ittiin iddoo murtaawaa qofatti gumgumuu san beekanii fi kanneen Hawisoo keessatti kennaa Waaqni Gurraachi badhaase: daran innimmoo gabbisuuf halkuu guyyuu ifaaju san beekan qofa malee sabni keenya guddaan Orombiyyaa baldhoon isa quba hin qaban ture akka kennaan dhaloota kanaa waldhaansoo hamtuurra akkasiirra ture.

Namni suni Haacaaluu Hundeessati.
Haacaaluu2015_4Oggaa san Haacaaluun Adaamatti ijoollee Hawwisoo’ URJII ADAAMAA” waliin naannoo mana barumsa sadarkaa tokkoffaa lakk.4 yookin iddoo bashannana ganda 11 jedhamee kan beekkamu oddoo baayyee bareeda urgaa fi qilleensa hawwataa san keessatti guyyaa guutuu gareesaanii waliin shaakalarra oolu turan hiriyoota koo kanneen biroo waliin.
”Bakka garaan jiru qoraan jira” akka jettee jedhan durbi qarreen Oromoo, qeerroo barbaachaf gaarrenii fi laggeenirra marmaaraa sirbaan,sagaleessaa…. innis gamasii asin jiraadhaan… wal simatan sanin,anis fedhii fi miira aartii jalaa waa conachuu tanan jaaladhaan,Yuunavarsiitii Adaamarraan hiriyaa koo kan tahe,kan miseensa Hawwisoo ”Urjii Adaamaa ” maqaa Masoo, SAANI ADIIN FAAYA,jedhamuun beekkamu bira deddeebiin araada godheen yeroon dhaqu dhaqu taaheen isaan caqasaa oola ture.

Dhugaa dubbachuuf qeerroowwanii fi qarreewwaan oddoo sanatti walitti qabaamanii meeshaa muuziqaa ammayyaatiin sirboota isaanii fi kan weellistoota keenya gurguddoo achitti shaakalaa turan hundi isaaniyyuu aartii akka lubbuu isaanii jaalatu. Aartiin isaaniif jiruu taateet isaanis keessa jiraatu ture. Isaan keessaa gurbaa qallaan magaalli gabaabaan tokko yeroo hedduu miira kiyya too’ata ture…

Yeroo sanatti miira kiyya kan inni ittiin booji’ee waa sadan tokko natti fakkaatu:
Inni warra kaanirraa waan addaa qaba ture, oolmaan oddoo sanaa isaaf hiikaa guddaa qaba,yeroo shaakaluu namni kana sirreessi jedhuun hin turre,innuu miirasaa of too’achuu dadhabeet warra wallee qaraa caalaa miidhagsuuf akkatti inni waliin jirraa qabaa ture sanan dinqisiifadha ture. Keessumaa miira innii ittiin mick (shaffee qabatee) ittiin weellisu,akkatti gochaan waan sagaleesaa kiloolee saniin baasu caalattimmoo harkaa fi qaama kaanin akeekuu yaalutu waan ajaa’ibaa ture,… Filannoon sirboota isaa,kanneen inni akkeessurraa darbee caalsisee sirbu , ormi sirbuu waa lamaaf sodaatan-Kanaaf kan itti bu’u isa ture.

Kanneen biroo shakkii sagalee isaanirraa qabanii fi,sodaa siyaasaf jecha sirboota sanneen bara san ni sodaatu, inni garuu lallabeet akka fedhetti gadii ol sagaleesaa isaa akka luuccaa rifeensa warra hindii shallalchiisa ture.
Daandeettii ajaa’ibaa! Weellistoonni oddoo sana turan hunduu dandeettii mataa isaanii kan addaa yoo qabaatanillee,kan Haacaaluu adda ture anaaf yeroo sanillee. Guyyoota muraasan achitti deddeebi’ee argaafi caqasaa ture sanitti, WAAYILLAN ISAA KANNEEN WALIIN ACHITTI SHAAKALAN ILLEE HAACALUUF ILAALCHA ADDAA FI KABAJAA QABUUF TURE. MAALIF? JEDHEEN SAMMUU KIYYA GAAFADHE.

”D(J)IBICHA BORU KORMAA,ABBAA GUDDISETU BEEKAA, ILMA BORU QONDAALAA LAMMII GUDDISEETU BEEKAA.” akka jedhan san irra guddeessi miseensota Hawwisoo URJII ADAAMAA Hacaaluuf ilaalcha addaa, jaalalaa fi kabajaa guddaa tokko qabuuf turan,keessumaa ijoolleen sabboontota tahan jechuu kooti. Walleefi dandeettiisaa qofaaf utuun taane,dhugaatti dhala Oromoo fi sabboonaa dhiira miira oromummaa hundaa olitti qabu waan taheef natti fakkaata,wanti inni jedhuu fi godhu hunduu hiikaa qabu turan.
Yaa nama of tahe moo!! Diinnillee kabajaa namaaf qabdi bar.

Haacaaluun yeroo sandararama manaa hidhaa wayyaanee hedduu nama argee fi mana hidhaarraa reefu bahuusaas yeroo ijoolleen asaasanin dhageyee ture.
SIRBOOTA akka Artist,Dr. Alii Birraa kanneen akka
*Haasaa bal’aa hoo ( assaabalahoo)
*Anis Biyya qabaa
Rabbi moo Namumaa kan seeraa jallise…
kanneen Nuhoo Goobaanaa keessammoo
Tokkummaa fi kan Daawiteefaas ni sirba ture yeroon oddoo shaakalaa sanitti isaan argaa ture.
Jidduutti haala adda taheen Haacaaluun URJII ADAAMAA gadhiisee deemuun dhagaye…. waansaa hedduu na gaddisiisee ture.
Haa tahu malee,Haacaaluun ”SANYII MOOTII” waliin edaayyuu qabsoo ajaa’ibaatti ture yeros.

Akkuma hardhaa kanan yoosis, sirbootaa isaa waliin xiqqoo darbameen ture, mooraa keessatti sirba isaa malee hin caqasnu turre hiriyoottaan keenya faana. Keessumaa lafa gamtaan deemnuu fi BAKKA CIQILFANNEE wayiin ilkaan taphachiisnu hundatti Haacaalutu cinaa keenyaa nu waayelcha ture.Moo! yaa sagalee,yaa yeedaloo,yaa walaloo! Baras Simee Tufaas walaloo fi yeedaloo isaatti hedduu waliin dhama’uun isaa walleewwaan walfaana hojjatan sanneen irraa hubachuun salphaa ture. Haa loohan,waliin haa moo’an!
Kanneen qeerramsa akkanaa sadarkaa kanaan gahan lapheen Orom-cufti haa eebbistee galateeffattu jechuurra maal jennaree!

Mee sirba isaa ishee amma qeenxee baatee qalbii na fuudhaa jirtu kanarraan waa jechuu fedha jara keenya.

Anaaf,Maalan jiraan… hiikaa guddaa fi miiraa kiyya hundee lafaa biyyan jiraadhu kaabaa fuudhet Oromiyaa na galchee,yaadannoo ijoollummaa,wallee xiqqeenyaan shobotee fi dhiichica ittiin jala bultii, birraa,lafa ayyaan gurguddaa fi cidhaatti lafa dhiinnu sana waliin walitti na fidee akka gowwaa qofaa na dhaabee jedhi mee! jedhi mee! nan jechisiisuun…. waanumasaatuun wallaalee yoon jedhe naaf wayya.

Walleen kuni anaaf waanuma hundaan guutudhaam!
Walaloon,yeedaloon,cabsatii fi kiloolummaan sagalee Haacaaluu silaas kan duruu caale,dhamni isaa fi dhiichisni, shobotee fi hurrumni gamtaanii,marsaan dhiiraa dhalaan Salaallan ittiin dhiichisan, dhiiraa dhalaan walkeessa.. yaa Amansisa Ifa,akki itti innimmoo qajeelchee Ildhagaan tottolchee…..akkatti ildhagni kallattii qabatee ogeessa keenya Amansiisin kuullamee, tottolfamee,suurraa fi simboo addaa godhatee laalan hin quufamne..raajii!

Intalli Magaalleen akka Galaanee hoo? Isheen Hacee dabaaltee waliin ildhaga san hojjatte ammoo tan ajaa’ibaati! Ijji diinaa sin laalin kuullee sabaa. …kanuma aartiif uummamte isheenoo dhugaatti. Kuullee- magaallee dhiiga Orom- hin bobboorofne qulqullquulluu sanaan yommuu takka hidhii buustee akka muufii garsiiftu,yommummuu immoo deebitee immoo nyaara guduunfitee achumaanis hiiktee, takka immoo shambaa jettee seeqxu,ilkaan durbee Oromoo, kan bara hunduu dilbii yoo kolfuu fi kolfitu irraa bareedu san,kan addeenyi asheeta boqqolloo araddaarra ji’a hagayyaa anfaarroo yommuu irraa quncisan,weecaa!….eyyeen kan akka aannan loon Oromoo kan elemaa fi weessoo keessaa addaatuu, ykn ayeetuu elemtuu guutee warafaan irraan ol jedhee guutee fagoodhaa addaatu,ilkeen dhaabbiin tulee kan irgi tumaadhaa!…. ajab! Yaa bareedina durbee Oromoo,duree dubartiiwwanii…

Hacaaluun wallee kana akkan hiikkadhee fi naaf galetti: Oromoof,orombiyyaaf,Finfinneef,Tuullamaaf,ilmaan FINCAAN SADEEN tuullamaaf.handhuuraa irratti handhuuramanii irraa buqqahuu,Qe’ee ulfaataa oneef… dachee aadaan fi hoodni dhibee,adawwaahuuf deemtuuf,araddaa Orma qubsiiftee araddummaa dhabuuf deemtuuf,.. maalimmoo Jaallalee isaafis yoo jennes ni tahaam Innuu isheef sirbe taha,anatu garan fedhetti hiikkachaa jira malee! Isallee ani nan katabeef malee hunduu karaa isaa galeen hiikkachaa jira yoona caqasee!

Haacaaluun walaloo wallee kanaa keessatti walaloo gabaadduu kanaan waan hundumaa cuunfeet walitti fidee nuufdhiyeesse. Hawaasummaa,jaalalaa,siyaasaa fi Diinagdee keenyaa, ittiin jiraataa fi ittiin bulmaataa keenya,gabrummaa,roorroo, yaaddoo,dheebuu,agabuu fi draarama adda bahuun nama gootu… beela.. aadaa, daqiiqaa shanii fi sekondoota 30 keessatti waan hedduu nu barsiises,nu daawwachiises.
Eyyeen waanuma silaa Orom qabuyyuu mara,Jiruu fi waan jiraatti hidheet nuuf dhiyeesse.Walumaa galatti Oromummaa akka gaaraa ture kan itti bu’amaa fi dhidhiigsamaa jiraanif sirbe jedheen hiikkadhe.
Akka nama walaloo barreessu tokkootti anaaf hiikkaa guutuummaa Oromummaa guutuun maalif hirdhataa sanan keessaa argadhe,akkasittaan keessoo Hacaaluu wallaaluyyuu ani hiikkadhe. Kuni laalchaa fi hubannoo Haacaaluu ti jechuu kiyyaa miti. Ani garuu akka armaan gadiittan laaluu filadheera. Mirga hin qabuuree!
Haacaaluunis naa haa oofkaclhuutii anin nan jedha.

A). ”Laal Galoo too ,Gullalleen kan Tufaa,
gaarri abbichuut turii
Galaan Finfinnee marsee
laal Galoo too,silaa akka jaalaalaa
walirraa hin fagaannuu
jaratu nufageesse.”

Galoon maqaa dhiiras dubartiitis taha, Galaan Ilmaan Daaccii keessaa isa guddaa dha, warra Galaan, ‘Caaltuu warra Galaan…’ kan Tesfaye G/aab jedhe san daran…
Galaan maqaa dhiiraati,Galoo, namni dhiiras dhalaas yoo qanaansiisiisee waamuu.’ hee Galoo too, hee Galoo koo…’ faa waliin jedhu, addooyyeen,michuun,hiriyaan,ee waliin jedhu sirriitti.
Gulalleen Ijoollee Torban Oboo keessaa isa hangafaati natti fakkaata.
Abbaa Gadaa Tufaa Munaatu bulchaa ture bara san bara Haacaaluun erga addaan nu baasanii barrisaa bubbule jedhe san keessaa waggoota 130 dura jechuu kiyya
Ilmaan Galaan akkuma ilmaan Wasiilaa isaanii ijoollee Oboo Shaggaritti marsaniit marsaa sanaan Hora Finfinneefaa waliin dhugaa,Caffee Tumaa waliin taahaa,Tulluu saddeettan Waaqaa waliin bahanii irreenfachaa, Hara jahan Galaan waliin dhugaa,obaasaa,itti bahanii irreenfachaa,Hora hadhoo fi Kilooleerraas,Odaa Nabee fi Tulluu Cuqqaalaa irraas hamma tulluu Hococaa,Erer,Furiitti walitti lallabaa,loona Qarsaa fi Daalatittii yaasaa,Boolerraa xaafii fi qamadii dilbiin galchaa….bara sana, bara hunduu hin hafne san jechuudhakaa kan akkas waliin turan,Hangafaa maandhaan(quxusuun wal duuba qubachaa) jiraachaa turan.
Warri Abbichuu,warri Galaan, Warri Gumbichuu,warri Mooruu Sandaafaa,Waai Bakkee,Warri Yaayyaa,…warri abbaa qe.ee walirraa fagaatanii gargar bahuun siruma fedhii keenya malee dha jechuu isaati Haceen.

B). ”DIIGANII GAARA SANA
GAARA DIIGAMUU HIN MALLEE
NUU BAASAN NU ADDAAN BAANEE
NU ADDAAN BAHUU HIN MALLEE!”

Duubaa gabrumnmaatti haa hammaattutii warri Minilik,warri Mashashaafaan gargar nu babbaasan. Isaanitti haa haammaattutii ,OROMUMMAA,ICCITII KEENYA WALJALA DEEMMII,TOKKUMMAA KEENYA TOKKUMMAA AKKA HIRIIRA GAALAA,BIYYA TEENYA OROMBIYYAA…. cabsan,diigan .
”Tulluu diiggamuu hin mallee” san itti bu’an,TULLUU ULFAA QABDU TULLUU KEENYA QULQULLUU… oromummaa,sirna keenya Gadaa,duudhaa keenya Bareedaa… maal isa qofa kunooti dallayyaa nutti ijaaraa jiru miiree hardhayyuu maqaa ”MASTER PLAN (MASTER KILLER) nutti baafatanii gargar nu baasuf daranuu. Kana nutti himaa jira natti fakkaate Haceen!
Eyyeen tulluu sanatti bu’anii diddiigan,nu cabsaan silaa cabuu hin malle ..jedhee kan sirbe natti fakkaate. Horii buli sanyii koo!

C) ”Sooreettii haadha Sooree
irbaanni irra buusaa qabaa
seeqanii sesseeqanii,
kan gargar nu baasee jaraa!”

Oromiyaan sooreettii dhaa,Finfinneenis Sooreetti dha
hundumaa qabdi.Ijoolleesheetu irratti dheebote malee ormi booka una, ijoollee isheetu irratti daaraaf daakuu tahe malee ormi goobeet,damboobee cooma murata, hamma qabduu ol eebba irratti qabdi,nyaachistee uwwistee,keessummeessitee,akka haa dhaatti,garuu haadha Ormaa godhataniit irraa nyaatanii dhiitanii bitan,ni tuffatan,Finfinneen guyyuu seeqaa ooltifakkaatti nama ija qofaan laalef. Nama qalbiin laalef garuu Finfinnee miti kan seequ,warra ishiirraa nyaatee lummee baase,warra ishiitti baqatee ilmaanshii ajjeesee,hidhee,buqqisetu seeqa ilkaaniin gubbaarraa nutti….. eyyeen Dur humnaa fi qawween nu cabsanii walirraa nu fageessan,Oromummaa fi kudhaama Oromummaa ciranii diiganii walirraa nu fageessan.Hardhammoo sin misoomsina jedhanii nutti kolfaatii gargar nubaasaan,sichis nu baasuf karoora nutti baafataa jiran. Hacee tiruu koo maaluma siif tahu laata? Si kanatu siif galee waan ofii!

D) Koot Galaanee tiyyaa,
qotiyyoo abbaan Didaa
Yaa didaa harqota keessaa
Koot Galaanee tiyyaa,
Qorra baraan dadhabee,
morma kee jalattan dheessaa

Anaaf ammas hiikaa biraat naaf kenne, Dhugumatti hiikaa qajeelaa tahee tahuu baatee anaafin jedhe maölee keessan hin beekum ani. ,
Qotiyyoon Abbaan Didaa TPLF fi OPDO dha.
OPDO ‘n qotiyyoo didaa sanii miti, Kan abbaa Didaati malee, kan warra abbaafuu hin qonne.OPDO’n kan anjaajiillaa ormaatin leenjifamtee, abbaan fedhu qalachuullee dandahu,kan anjaajillaa baattee joortu. Qootiyyoo habayaa.Kan rukkutan hin dhageenye,kan dhiisanis ciisaa hin kaane,dhukkuba qotiyyoo gowwaa dha, abbaan Garuu Didaa dha,Jallaa warra TPLF,kan ofiirra darbee diddaan isaa ormallee miidhu,kan akka hin qonnellee qotiyyan gaggaariis fincilu ..isaantu hoo ishii bixxile akkamitti diddee harkaa baatiree?

Haacaaluun Qorri baraammoo hammaateera jedhe,Bara kana saba keenyatti baayyee qorre,cimee karaa tokkoon obsi sabni hardha darbaa laataan eeggatu,qabsoon bilisummaa dhaa,…., FILANNOON KIJIBAA dhihoo godhame,kan kunoo sababii sanaan qaqqaaliiwwan sabaa yakka tokko malee ilmaan keenya guursiisaa jiru, qonnaan bulaan qootisarraa citee hidhamaa,ilmaan egere beela’uuf taa’an qofaatti dirqiin gatee,kanimmoo jarris jabaatanii qorra kana irraa dhoowwuf baanaallee bituufii baatan balaseellee hin kennineef, Qorra hamaa sanuu sanuu qoorra bonaa,qorra caamsaa….,dhugumaan dadhabe Haacaaluun.
Morma kee jalattin dheessaa jedheen,sabasaatiin,gaaddisa isaatin Odaa Nabeetiin, Tuullamtu jedhaaniim.gara dhaqu waan dhabeef, obbolaasaa Oromoo bahaa lixaatiin,Oromoo dhaan, Tarii abbaa saanii ABO dhaan…. maali wanti akkas akka Bachoof aaannanii walitti dhangala’ee tolu kuni jaranee koo!!

E) ”Sululta loon hin tiksuu, darabaatti galcheeraa
Koot Galaanee tiyyaa,
yooman dhufee si argaa,an sirraa fagoon jiraa.

Maalan jiraa(2x) yaa Galaanee
maalan jiraa,caccabseet na nyaate jiraa
An hin jiruu (2x) yaa Galaanee
Ani hin jiruu, kukkuteet na nyaate tiruu

Qoteet qoteet , namtichi sanyii darbatee,
yaa Galaanee,
qotee qoteet ,namichi sanyii darbatee
Rafee hin bulu namni waan ormaa abdatee
yaa Galaanee,
maalan jiraa ,caccabseet na nyaate jiraa!”

Ittuma Fufeet Haceen, warra Suluu,warra Sulultaa,ilmaan Jiddaan,Ilmaan Abbichuu fi Gumbichuu,Ilmaan Eekkaa,fi Gullaallee,Yaayyaan, Igguun.Aabbuun, Liibaniin, Meettaan,Oboriin…. eyyeen baddaa Sulultaa warra dur akkuma obbolaa saa warra gammoojiii jiraanii Loon kumaataamaan horsiisee,killa lixee,loon isaa faana bobbahee galaa ture, horsiisaa qalee,qaleefi nyaatee obaasee,nyaachisee,…barri suni kunoot hafeet, kan ammaa irraa buqqa’ee bakka loon dhaabbatan illee dhibee ,walitti dacha’anii akka mana hidhaattii loonitti dallayaan ijaarramee,caaffeen isaanii durii amma habaaboo fi dhagaa manneen murni sanyii warra Tigraay irratti ijaarrataniin uwwifamee,….duuba eessatti Sululti loon yaafatee,loon tiksee wanti biraa hafullee akkuma bara HAYLASILLAASEE fi Darguu san faallee ,dubartoonni keenya loon isaanii jalaa faltii haranii faltiirraammoo kaboota tolchanii… baatanii shaaggar yoo geessaan,” Haadha kabootaa” jedhaman sanayyuu hanqatanii dallayyaatti walitti tuucha’anii… Anaan!!

Dhugaadha, Darabaa galchuun aadaa horsiisa loonii keessaa tokko ture,Sultis dur darabaa kan Galchu gadi gara bakka amma warshaa Simintoo ARabichi Dhaabbatan sangoda DARBAN jedhamufaa tti darabaa yaafatu ture. Darbees immmoo gara Meettaa faattillee darabaa hinuma galu ture. Amma garuu qe’ee dhumatti darabaa galan Warri Suluu, maal godhuree,Gabrummaatu kanaam! Darabaan hiikaa lama qaba asirratti, Inni kaan hidhanii teessisuu fi kaan durii garuu lafa randaa kan dhoqqee hin qabne yeroo gannaa kan itti godaanan,kan silaa loon akka fedhanitti yoo qeerramsii fi Leenci hin tuqne dheedhanii itti fufurdatan lafa xiqqoo Gammoojji ta’ee kan marra qabu,kan loon daangaa itti hin kennamne bilisummaan keessa bashaadan. Amma WARRA SULUUTU QE’EETTI DARABAA GALEKAA!
Kanaammoo sirraa fagoon jira..,silaa abbaan jiraatee,WABO’n,ABO’N itti dhiyoo jiraatee rakkina kee kana argaa,ammoo si arguu hin dandeenyee fagoo jiraa,tiyyaafuu hin dandeenyee kan jedhu natti fakkaata.
Kanaafuu ani hin jiru jedhe,maalan jira cccabseet na nyaate jiraa. Aah! dhugaa dhaam,maal jirra sila hoo, nyaatamnee dhumneerraam, Oromoo dhumaa jiraachuu isaa hima Haceen wallee dhaan. Ani hin jiru,kukkuteet na nyaate tiruu,
Tiruun fooni,fira,amba,waliif qaama tokko, diinni keenya kana gargar nu kukkutee,cicciree nu nyaataa jira jiraa keenyatti. kanarraa du’uma wayyuusaat himuu fedhen seha Haacaaluun!

Sanyiin inni baanus,kunoo baruma darbeyyuu reeffa namoota keenyaa Baha Oromiyaa Harargeetti, qotaatii hin turree? Qotanii facaasaa( darbachaa hin turree?) ,Maal isa qofa,sanyii namni keenya asheetafillee jedhee, Kunoo Sululta,Sabbata,Galaan, Sandaafa,Buraayyuu…walumaa galatti naannawa Finfinnee kanatti darbatatellee bar qotaniit jarri immoo gichaan makanii akka hin tasuma deebi’ee biqille jalaa godhan boorataadhaan.
Kanaafuu orma maal abdattanii,maal abdannaa,halagaa irraa waan gaarii hin eeginaa dha.Kanaafuu hin rafnuu hin rafinaa,waan itti amannee ciifnu hin qabnuu dha. Dhugamas maalitti cinaachi lafa nu gahee rafnaayyuuree!

Haacaaluu2015_25F) Koot Galaanee tiyyaa,
Farda Siidaa Kafanii, Siidaa Dabalee Suurii
koot Galaanee tiyyaa,
Erga nu daangeessanii. barri turee bubbulee.
Koot Galaanee Tiyyaa,Waddeessi ciraa gubee,
Koot Galaanee Tiyyaa,Amborraa calaqqise
Koot Galaanee tiyyaa ,narraa fagaattee jedhee,
siyaaduun kiyya yoom hafee
maalan hafee maalan hafee(2x),
yaa Galaanee
caccabseet na nyaate lafee.
….

Laataa, Farda mallattoo Garummaa kan walakkaa Shaggar namtittiin qurciin fixxee ajjeeste sun,kan amma siidaa Minilik … walakkeessaa caffee Gullaaleen teeffatu, Odaa Gullallee buqqisanii baddaa Birbirsa Gooroo (akka Piyaassaa) bakka Araadaa Goorgisii isaan jedhanii dhaabbatan batskaana san fuullee Farda keenya Koranii siidaa nurratti dhaabbatan, Farda SIIDAA DABALEE nu yaadachiisuufi laata Haceen? silaas seenaa dhaa, namatu seenaa irraanfata malee seenaan yoom nama irraanfatas….
Dhugaadham erga daangaa nutti uumaanii Shaggar(Finfinnee) dhiisanii Shiggirii fi Addisaaban daangeessanii barrisaa qaata qaataa bara dhibba dura,muu! Jaarraa ol malee,ergasii ishiirraas nu dhiibanii daangaa nutti tolfatan, nus walirraa nu fageessan, Daangaa guddaa nu jidduutti uuman.Kana nu qaabaachiisuu yaadee laata Ilmi obbo Hundeessaa,Haacaaluun keenya!

Achis hiiqetimmoo qe’eesaa keessa xiqoo nu marmaarsise Amboon, isayyuummoo Laataa, warra Waddeessaa,warra ijji diddiimaa,korommiiwwan sanneen akka yaadannuuf,Waddeessa,simboo Magaalaa Amboo! Qaxaleewwaan akka Jaagamaa Badhaanee faa akka yaadannuuf, Ee dhugaadha,isaantu qabsiisaa,ture hundayyuu, calaqqeenimmoo Amboorratti…. maal godhan ree irraa qoqqobanii laata Hacee,siiyaadun kiyya hin hafne jedhaam fagaadhus. Moo laataa, Laggasaa Wagiifaaf …. dhaammannoo dha?
Hundaafuu,walleen Hacee kuni dhaammannoo dafaatii biyya qaqqabaa,biyyi baduufi, dhumuufi cicciramtee,qooqqadamtee,dacheen teenya dafaatii walaboomsaa dha fakkaataa anaaf,kuni yaadaa Haacaaluu miti,natu hiikkate akkas jedhee mirga caqasaatikaa.

G).Cuwwaa cuwwaa jetti simbirroon halkanii,
yaa Galaanee
Nama garaan dhaane,dirmammuu hin arganii….
Yaa Galaanee,
maalan jiraa caccabseet na nyaate jiraa….

Dhumarratti haala akkaanaa keessattimmoo waan onneen nama tahu,waan garaan nama tahu akkatti dirmamammaa’ee nama laalatu,dhibeesaa, maal himuree,ormi namaa arguu baatullee miidhama jabaa keessa sabni keenya jiraachuu bifa walleetiin,aartiin kukkulee,jechootaan shoobee,
sagaleesaa isaa kiloolee sanaan,damma daamuu taasisee,kiloolummaa dhama addaa qabuun akka gurra hin quuqnetti weellise Haacaaluun!
Maal maqaan hojii fakkaatu ijoo! Dhugumayyuu Haacaaluu! Laataa Wasiilasaa Looreet Tsgaayeen, ayyaanaa walaloo kana badhaasaniit deemanii laata?n Ayyaanni Ormaaf dalagaa ture suni akka waliin hin qaarineef,loogii keesson isaanii dhikkisaa ture sana, dhalootaf dawaa jedhaniit Hacee dhaalchisanii laata?

Ayyaanni abbaa keetii,Waaqni Orom Gurraachaa, si haa tiksu tiruu koo! Isa tiruu kee kukkutee nyaatu Bulguun biyya hin jirre haa nyaatu. Ati nagaa badhaadhaa keessa turi,jedheen nagaa dhaammadha!
Nagaa waliin!

 

Advertisements