(Oromedia, Adoolessa 9 bara 2015) Barattooti Oromoo bara 2014 keessa Yunversiitii garaa garaa irraa walitti guuramanii hidhaatti darbaman keessaa jaha bilisaan gadhiifaman.

Maddi keenya Finfinnee irraa akka gabaasetti abarattooti kunneen rakkooleen uummata Oromoo akka furmaata argatuufi uummanni Oromoo seeraan ala qe‘ee isaa irraa akka hin buqqaaneef karaa nagaan gaaffii mirgaa warra dhiyeessan keessaa adda baafamanii kanneen hidhaatti darban ture.

Addunyaa Keessoo
Addunyaa Keessoo

Barattootia hiikaman  yunversiitii Saayinsiif Teknooloojii Adaamaatti Dursaa Gumii GAAO kan ture barataa Addunyaa Keessoo, Barataa Toofik Rashiid yunversiitii Dirree Dhaawaa irraa, Barataa Leenjisaa Alamaayyoo,Barataa Abdii Kamaal,Barataa Magarsaa Warquu,Barataa Bilisummaa Daammanaa taúun beekameera.

Akka odeessa nu gahetti, abrattooti kunneen adda dureedhaan barattoota qindeessitaniittu jedhamanii kanneen himatamuudhaan Finfinnee Mana Hidhaa garaa garaa keessatti dararamaa turaniidha.

Barattooti kunneen gaafa Waxabajjii 22,2015 murtii dhumaatiif Mana Murtii Federaalaatti dhiyaatanii sagalee isaanii erga laatanii booda barattoota wagaga tokkoof hiraarsan beenyaa tokko malee gadhiisaniiru.

Barattooti kunneen kanneen adda duree jedhamanii hanga ammaa hidhamanii turanii dha. Barattooti Oromoo hundi Bilisaan akka gadhiifamaniis beekameera.

Akk odeeffannoo nu gaheetti barattoota yeroo darbe badii malee funaanamanii Finfinneetti ukkaamfaman keessaa Alsan Hasen (kan mana hidhaa keessatti reebamee ajjeefame) waliin kijiba boombii darbattan jedhuun kan hidhame barataa Abbabaa Urgeessaa qofti beellami kan biroo qabameefii ammas mana hidhaa Qaallittii keessatti argama.

Barattooti Oromoo amam hiikamanis taée kanneen mana hidhaa keessatti argaman barattoota Qulqulluu fi Falmitoota Haqaa ta’uu isaanii namooti hedduu irratti waliif galaa jiru.

asilaa-huseen
Aslan Husen
nimoona-e1431757656135
Abbabaa Urgeessaa