(Oromedia, 12 Adoolessa 2015) Eebba Yuuniivarstiin Finfinnee kana irratti barattooti akaakuuwwan barnoota gara garaatiin barumsa isaanii xumuran kuma 10fi 218  Galma Bar-kumeetti  eebbifaman.

Eebba
Barattoota barana yuuniivarstichi eebbisiise kuma 10fi 218 keessaa kumni 2fi 562 jechuunis dhibbentaan 25 Dubartoota.

Barttoota digirii duraatiin Yuuniivarstichi eebbsiise kuma 6fi 813 keessaa ammoo barattoonni kuma 1fi 720 ta’an dhibbentaan 25 barnoota teeknooloojiitiin kan eebbifaman akka ta’an eerameera.

Yuuniivarstichi barana yeroo jalqabaatiif Afaan Chaayinaatiin barattoota 14 eebisiiseera.

Eebbi barattootaa kan baranaa kun kan marsaa  64ffaaf raawwate akka ta’e beekameera.

Advertisements