(Oromedia. 23 Adoolessa 2015) Itiyoophiyaa fi Yugaandaan Damee Ittisaan wal-tumasanii hojjachuuf waliigaltee walii mallatteessan.

Ministira Ittisaa Itoophiyaa Obbo Siiraaj Fageessaa fi gitisaanii Yugaandaa Kiriispas Kiyoongaa

Oduun Kaampaalaa irraa nu gahe akka ibsetti, waliigaltee damee Ittisaa Itiyoopphiyaa fi Yugaandaan kana Ministirri Ittisaa Mootummaa Itoophiyaa Obbo Siiraaj Fageessaa fi gitisaanii Yugaandaa Kiriispas Kiyoongaadha kan mallatteessan.

Sirna waliigaltee walii-mallatteessuu Kaampaalaatti geggeeffame kanaarratti Yugaandaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa kan ta’e Daggifee Bulaa dabalatee qondaaltonni olaanoo Yugaandaa  irratti argamaniiru.

Waliigaltichi tumsa damee ittisaa biyyoota lamaanii akka guddisuu fi zoonichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf akka gargaaru Ministirri Ittisaa Yugaandaa Kirispas Kiyoongaa dubbataniiru.

Obbo Siiraaj Fageessaa gamasaaniin, gahee Yugaandaan Afriikaa keessatti nagaan akka bu’uuf taphataa jirtu dinqisiifataniiru.

Haalli Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaa wayita ammaa fi yaaddoon shororkeessummaa zonicha keessaa dhimmoota biyyootni lamaan wal-tumsanii irratti hojjachuuf walii galanidha.

Nagaa fi tasgabbii mirkaneessuu, faayidaa waliinii biyyoota lamaanii kabachiisuu fi ajandaalee zonichaa darbees Afriikaa irratti wal-tumsanii hojjachuufidha biyyoonni lamaan kan waliigalan.

Yugaandaa fi Itiyoophiyaan waggaa darbes Inarjii, Fayyaa, Geejiba fi dameelee kanneen fakkaatan gara-garaarratti wal-tumsanii hojjachuuf Finfinneetti waliigaltee walii mallatteessuunsaanii kan yaadatamudha.

Advertisements