(Oromedia, 27 Hagayya 2015) Addi Bilisa Baasaa Ummta Tigraay obbo Abbay Tsaayee dabakate namoota 7 miseesumma koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeesseera.

Akkaatuma kanaan:-

1.obbo Abbaay Tshaayee

2.obbo Teewoodiroos Hagoos

3.Obbo Abbaadii Zammuu

4.obbo Tsagaayee Barihee

5.Adde Roomaan Gabrasilaasee

6.obbo Tawalda Barheefii

7 obbo Taklawayin Asaffaa miseensummaa koree jiddu galeessa keessaa kabajaan gaggeeffamaniiru.

Addichi murtee kana kan dabarse oolmaasaa guyyaa shanaffaatiin akka ta’e beekameera.

Addichi yeroo eegalutti, miseensota koree gidduu duraan gaggeeffaman 17 deebisuun akka filanii fi filaman aangomsee jira.

Yaa’ichi  filannoo miseensoota koree jiddu galeessaa adeemsisuun xumurama jedhamee eegamaa jira.

Sochiin Demookraasummaa Saba Amaaraas obbo Addisuu Laggasafi obbo Yooseef Rattaa miseensummaa koree jiddu galeessaa keessaa kabajaan gaggeessuun isaa kan yaadatamu.

Advertisements