(Oromedia, Gudar, 26 Sadaasa 2015) UUMMANNI OROMOO HIRMII(HARAAMUU) OROMIYAA GURGURTU, BARATTOOTA OROMOO AJJEESIFTUU FI MASTER PLANII Duguuginsa sanyii(genocide) nurratti mirkaneessite waliin hin jiraannuu jedhe.

Oduun nu gahe akka ibsutti, Sadaasa 25/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa XUQUUR INCINNIItti FDG Ummatni fi Qeerroon dargaggootni Barattootni Oromoo Gaggeessaniin Bulchiinsii Aanaa XUUQUR INCINII namni maqaan isaa Dalasaa Dhimmaa fi Pooliisiin basaastuu wayyaanee taate tokko Irree uummataa fi irree dargaggoota Oromoon Tarkaanfiin ulfaataan irratti fudhatameera.

Ergamtooti kunneenis yeroo amma kana Du’aa fi Jireenya gidduutti kan argaman ta’uun ibsameera.

Yeroo amma kanatti Hospitaalli naannoo waan dadhabeef gara hospitaalota Magaalaa Finfinnee keessatti argamanitti akka fe’amee deemuun ifa ta’ee jira.

Dhaamsi kanuma waliin nu gahes, “Oromoo hirmii biyya gurgurtu, dhala kee ajjeesiftuu fi Oromiyaa dabarsitee gurgutuu waliin hin jiraatiin!”kan jedhuudha.

Advertisements