(Oromedia, Melbourne, 30 Sadaasa 2015) Oromo TVn biyya Ameerikaa magaalaa Minisota irraa darbu wagga kudha shaaffaa isaa kabajate; sagantaa kanas guddisuuf karoorr jira.

Ayyaana Sadaasa 29 Minisotaatti kabajame irratti akak himametti, Oromo TVn aadaa, eenyummaa fi qabsoo Oromoo guddisuu keessatti gahee gudda agumaachaa jira.

Ayyaana kana irratti ummati hedduun argamuun kabajaa fi jaalala sagantichaaf qaban mul’isaniiru.

Ayyaana wagga 15 Oromoo TV Kanaan dahachuun Hayyu dureen ABO, Ob Daawud Ibsaa dhaamsa dabarsanii jiran.

“Oromoo Tvn qabsoo Oromoo guddisuu keessatti gahee guddaa baase,”jedhan ob Daawud.

Ob Daawud, itti dabluunis, Oromo TVn qabsoo Oromoo jabeessuu keessatti akkuma kanaan dura gumaache, gara fuulduraattis jabinaan qabsoo Oromoo cina akka dhaabbatan dhaamaniiru.

Oromo TVn kun bara 2000 keessa akka hojii eegale seenaa isaa irraa beekameera. Gara fuul duraattis, sagantaa kana guddisuuf karoorri akka jiru himeera.

Advertisements