(Oromedia, Asallaa, 04 Mudde 2015) Diddaan Barattoota Oromoo guyyaa har’aas godinaalee Oromiyaa addaddaa keessatti itti fuffee jira.
Oduun amma nu dhaqqabe akka ibsutti, diddaan kun Oromiyaa Kibbaa bahaa godina Baaleetti aanaa Gaasaraa keessatti ka’ee jira.

Akka maddi keenay ibsetti diddaan Maastar pilaanii kun ganda Kolooba Sa’aadaa Keessatti haala hoo’fi miiressaa taéen gaggeeffamee jira.

Barattooti kunneen gaaffii mirgaa fi abbaa biyyummaa kan calaqqisu, dhaadannolee garaa garaa dhageessisaa akka oolan gabaasti suuraa fi vidiyoo waliin nu gahe addeessee jira.

Fincila diddaa master pilaanii Finfinnee jiraattootaafi barattoota Baalee, Gaasaraa, ganda kolobaa Mudde 4, 2015 gaggeessan kun kan karaa nagaan gaafii haqaa fi bilisummaa gaafatu ture.

Advertisements