Ibsa ejjannoo mootummaa naanoo Oromiyaa haala yeroo irratti kenname

“Humnnoota siyaasaa kasaaraniin imalli haaromsa keenyaa hin fashalaa’u!”

Mootummaan Naannoo Oromiyaafi ummatni naannoo keenyaa waggoottan digdamman darbanitti carraawwan misoomaafi guddinaa argatanitti gahumsaan fayyadamuudhaan jijiirama ajaa’ibaa galmeessisuu danda’aniiru.

Lammiileen naannoofi biyya keenyaa duubatti hafummaafi wallaalummaadhaan liqimfamanii jireenya gadadoo akka jiraatan kan ittti murteessaa turan sirnootni darban carraafi waliingahiinsa barnootaa mootiwwaniifi miseensota gita bittaa isaaniif qofaa haalli itti taasisaa turan seenaa keenya yeroo dhiyoo ta’ee darbeera.

Sirni walqixxummaa misoomawaafi dimokraatawaan naannoo keenyatti Fedhii ummataatiin ijaarame eega qabsoo ummattootatiin hundaa’een asitti jijiiramni biyyiifi naanoo keenyatti dhufaa jiru olaanaadha.
Jijiirama kana keessaas bara karoora Guddinaafi jijiirama bu’uraa marsaa tokkoffaa keessatti bu’aan galmeessisne diinagdee waliigalaan diijitii lamaan guddina argamsiisuudhaan haaromsichi bu’a qabeessa ta’aa dhufuusaa mirkaneessineerra.Kunis sirrummaa toora haaromsa keenyaa kan mirkaneessedha.

Bu’aafi fayyadamummaa ummata keenyaa keessatti bakka olaanaa kan qabu guddinni kun safartuu addunyaan guddina ittiin madaalu hundaan safaramee mirkantii argateera.
Biyyyiifi naannoon keenyas biyyoota addunyaarratti saffisaan guddataa jiran kudhan keessa galuu dandeesseerti.

Guddina biyya tokkoof misoomni humna namaa bakka olaanaa akka qabu hubachuun mootummaan sosochii cimaa taasisaa tureera. Gama kanaan carraa barnootaa waliin gahuu, dhaabbilee barnootaa babal’isuufi qulqullina misooma barnootaa sadarkaa hundatti mirkaneessudhaaf yaaliin taasifamaa ture bu’a qabeessa ta’aa dhufeera.

Jijiirama gama hundaan eegalle kana itti fufsiisudhaan bara karoora guddinaafi jijiirama bu’uraa lammaffaattis hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessudhaan naannoofi biyya keenya biyyoota galii giddu galeessaa qaban faana hiriirsuuf tattaaffn taasifnu cimee itti fufa.

Bu’aawwan hanga ammaatti argaman itti fufuufi mul’ata biyyaaleessaa qabanneef utubaa ta’uudhaan jijjiirama guddinaa keessatti ghee isaanirraa eegamu bahachuu akka danda’an jijiiramni galmaa’aa jiru karaa nagaafi tasgabbaa’a dhaan itti fufuu qaba. Mootummaafi ummatni naannoo keenyaa tasgabbiifi nageenya dhaabbilee barnootaa keessa jiru yeroo kamuu caalaa kan itti tiksan, kunuunsaniifi guddina itti fufiinsa qabuuf yeroo itti tumsanirratti argamana.

Humnootni badiifi kisaaraan siyaasaa irra gahe nannoo keenyarratti xiyyeeffatachuun, yeroo hundaa dhaabbilee siyaasaa shororkeessummaan farrajaman waliin qindaa’anii miidiyaalee humnoota badiitiin olola dharaa afarsaniin goolii uumuuf sochii taasisaa turaniin, ijoolleen ummata Oromoo dagaagina sammuufi kalaqaatiin booddetti akka hafan, dorgomummaan isaanii akka gufatuufi hiyyummaafi boodatti hafummaan naannoo keenya keessatti umuriinsaanii akka dheeratu gochuuf yaalaa turaniiru.

Ummatni Oromoo mirga afan dhaalootaa isaan fayuyadamuu bara dheeraaf dhabee ture qabsoosaatiin maqsee, har’a afaansaa afaan qorannoofi saayinsii, qaroomaafi dagaaginaa ta’uudhaan guddina ajaa’iba ta’e galmeessuurratti argama. Carraa uumame kanaanis har’a barattoonni mil. 8.5tti lakkaa’aman dirree barnoota naaanoo keenyaa keessatti argamu.

Fayyadamummaan misooma barnootaarraa argachaa dhufe dabaluusaatiin ummatni keenya bara kana ijoolleesaa yeroo kamuu caalaa dirree barnootaatti lakoofsa ergee hin beekneen hiriirsuu danda’uu isaatti kan inaafan humnootni kisaaraan siyaasaa irra dhaqqabe dhaabbilee siyaasaa shororkeessummaan farrajaman waliin qindaa’udhaan tiibbanas akkuma baran miidiyaalee farra nageenyatiin olola sobaa tamsaasaniin godinaalee, aanaaleefi manneen barnootaa muraasa naanoo keenyaa keessatti jeequmsi uumameera.
Gocha kanaanis badii lubbuu namootaafi barbadaa’uu qabeenyaa dhaqqabsiisa jiru.

Ajandaan gochaa jeequmsaa isaaniif itti fayyadamaa jiranis:Magaalota godina addaa oromiyaafi magaalaa Finfinee maqaa maastar pilaanitiin walitti makuuf deemama jira, Labsiin magaalota oromiyaa karaa ammayyaawaan bulchuuf bahe lafa Oromoo muranii kennuufi magaalota oromiyaa Federaala jala galchuuf kan bahedha jechuun olola dharaa afarsuurratti argamu.

Guddinniifi misoomni naannoo keenyatti galmaa’aa jiru hanguma dabaleen ejjannoofi ilaalchi diigichaa humnoota kanaa awwaallisaa kan gadifagaatu waan ta’eef wixirfannaa du’aaf jireenyaa isaannii olola sobaafi ummata addaan baasuu kaayyoo isaaniirraa maddu mul’isu.

Bu’urarraa ajandaan misoomaa magaala finfinneefi godina addaa Oromiyaa fayyadamummaa olaanaa ummataa mirkaneessuufi waliin guddina uumuu kan kaayyeffatedha.

Kunis hawaasni ammayyaawaan addunyaa muuxannoo itti fayyadamaa jirudha. Karoora misoomaafi guddina hawaas diinagdee naannoo keenyaa kamuu mare Ifaafi bilisa ta’een hojiitti hiikaa kan dhufe mootummaan misoomawaan naanoo Oromiyaa aadaa ummata waliin mari’atee waliigaltee irra gahame hojiirra oolchuu itti fufsiisuuf qophaa’ummaan qabu olaanaadha. Ajandaan msioomaa godina addaa Oromiyaafi magaalaa Finfinees aadaa kanaan ala kan yaadamu hin ta’u.

Kana bira darbee akka humnootni kasaartota siyaasaa afarsaa jiran heera mootummaa cabsanii daangaa Oromiyaa dabarsanii magaalaa finfinneef kennuu ofkeessaa qabaachuu hindanda’u. Hin qabaatus.

Labsii magaalota naannoo oromiyaa ilaalchisees ajandaa qindoomina Finfinneefi godina addaa waliin tasuma kan walitti dhufeenya hin qabne yoo ta’u, wixinee lafa oromiyaa muranii qaama biraaf kennuu kan hin hammachiisne, kaayyoon isaas gaaffilee bulchiisa gaariifi misoomaa magaalota naanichaa gahumsan deebisuu, rakkoolee ilaalchaafi gocha kiraa sassaabdummaarratti gahumsan qabsaa’uu, galii sassaabbataniin akka ofbulchan gochuufi walitti hidhama misomaa magaalota naannichaafi baadiyyaa saffisiisuudhaan fayyadamummaa haqa qabeessa saffisiisuu qofaarratti kan xiyyeeffatedha. Labsichi kan ilaallatus magaalota Oromiyaa malee kan biraa miti.

Oromiyaan naannoo yookaan magaala biraarratti, naannoon yookaan magaalaan biraa Oromiyaarratti labsii akkasii labsuudhaaf aangoo heeran taa’e hinqaban.

Humnootni badii kun ijoolleen Oromoo baratanii bu’a qabeessa akka hintaane, biyya bor keessa jiraatan akka hin ijaarranne kaayyoo dhokataa isaanii tarkaanfachiisudhaan jeequmsa uumuu itti fufaniiru. Olola summii humnootni kasaartota siyaasaa, dhaabbileen siyaasaa shororkeesumman farrajamaniifi miidiyaalen farra nageenyaa facaasan kanaan tibbana naannoo keenya godina Shawaa kibba lixaa aanaa Toleetti nama tokko, Godina Wallagga Lixaa naanoo Calliyaatti namni lama walumaa galaan lubbuun nama sadii darbeera.

Humnoot nageenyaa irrattis miidhaan ga’eera. Qabeenyi mootummaafi namoota dhuunfaa irratti miidhaan gaheera. Gochaa kanaanis mootummaan namoota lubbuun darbaniif gaddi itti dhagayame cimaadha. Maatii lammiilee miidhaan irra gaheefis jajjabina hawwaa humnootni gochaa badii kana raawwatan seeraan kan gaafataman ta’uusaa ibsa.

Jeequmsi uumame kun, godinaalee, aanaaleefi manneen barnootaa muraasa keessatti yoo ta’u, bakkeewwan baay’ee hafan keessatti deemsi baruu barsiisuu karaa nagaan gaggeeffamaa kanjiruufi gochaan uumames too’atamuu danda’eera.

Humnootni badii kun balleessaa raawwataman kanaaf seeraan kangaafatama akka ta’eefi dhiiga barattoota qulqulluutiin kisaaraa siyaasaa bakka buufachuun akka hindanda’amne beekanii badii kanarraa hatattamaan akka of qusatan mootummaan akeekkachiisa.

Hawaasni barnootaa dhaabbilee hunda keessatti argamu humnoota lammiilee mootummaafi ummatni abdii irratti gateefi hiyyummaarratti duula taasisaa jiruuf humna dabalataa taasisee ilaalu kanarratti aggaammii raawwatamaa jiru kana maqsuudhaaf hirmaannaa ummatni godhe dinqisiifachaa, fuulduras humnoota kana ofirraa qolachuudhaaf raayyaa misooma barnootatiin ijaaramee sosochii gochaa jirus itti fuffuun irra jiraata.

Humnootni nageenyaafi dhaabbileen misoomaa naanoo keenyaas daba humnoota kasaartota siyaasaa kana karaa bilchina qabuun addaan baasudhaan tarkaanfii seera qabeessa fudhachaa, dirree barnootaatti nagaafi tasgabbiin amansiisaan akka itti fufu gaheessanii akka bahatan nitaasifama. Lammiileen boru biyya badhaate keessa jiraachudhaaf barachuun, beekumsaan dorgomuufi msiooma naanichaa keessatti hirmaannaa guutuu taasisuun kan irraa eegamu ta’uusaa hubachuun alatti humnoota kanaaf bitamuun borus akkuma kaleessaa cunqursaa humna gita bittootaa haarawaaf dabarsanii ofkennuu akka ta’e hubachuun irraa eegama.

Humnootni kisaaraan siyaasaa irra gahe yeroo hundaa guddinaafi jijiirama ummata naannoo keenyaatti kan inaafan, ajandaa diigichaa bocanii msiooma keenyarraa nu gufachiisuuf carraaqqiin godhan kaayyoo isaaniirra kan maddu akka ta’e mootummaafi ummatni nihubatu.

Mootummaafi ummatni qabsoo farra hiyyummaa eegalan battala tokkoofillee akka hindhaabne amanuudhaan gama tokkoo gochaa humnoota badii kana fashaleessuuf tokkummaadhaan dhaabachuun gama biraatiin ammo qabsoo farra hiyyummaa eegalan cimsanii akka itti fufan mootummaan waamicha dabarsa.

Sadaasa 23/2008

Biiroo dhimmoota koomunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa