(Oromedia, Finfinnee, 08 Mudde 2015) Diddaa Baratootti Oromoo mirga abbaa biyyummaa kabachiisuuf gaggeessa jiran irratti gatiin lubbuu wareegama ajiru dabalaa akka jiru beekame.

Deaths and Injuries

Barattooti bilisummaa fi mirga hiree murteeffanna ummata Oromoof wareegamaa jiran kunneen karaa nagaatiin diddaa fi mormii otuu gaggeessanii humnoota agaazii Tigiraayin ajjeefaman.

Mudde 8 bara 2015 hojjataa warshaa sukkaraa Finca’aa, Ob Eebbisaa Mabraatu Guutaa, Bilisummaa Oromoof otuu diddaa nagaa taasisuu wareegame. Ebbisaan abbaa ilmaan xixiqqoo afurii ture.

Eebbisaan

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Diddaa Barattoota Oromoo Oromiyaa Bahaa, Haromaayaa keessatti gaggeeffame irratti kan wareegame immoo  barataa Muraad Abdii ti. Barataan kun humni Agazii fuuldura Yunivarsitii Haromaayyatti galafaatame.

 

Murad Abdi

Barataa Muraad Abdii Ibraahim kan Mudde 7, 2015 Haroomaayaa magaalaa baatee hulaa Universitii Haromaayaa fuulduratti rasaasa wayyaaneetiin wareegame, Mudde 8,
2015 bakka firooti, barattooti fi ummati hedduun argamanitti sirni awwaalcha isaa raawwateera.

Awwaalacha Muraad

Advertisements