(Oromedia, Finfinnee, 08 Mudde 2015) Godinaa shawaa kibbaa lixaa Aanaa Ammayya Magaalaa Gindoo keessatti Diddaa Mootummaa dhageesisamaa oole.

Diddaa barattoota Oromoo kanaan irratti  mormii Maaster pilaanii Dhageesisuun; Diddaa farra Gabrummaa; akkasumas wayyaneen nu hinbulchuu, OPDOn Oromoo bakka hin butu!  fi kkf jechuun mormii dhageesissaan.

Mormiin kun guyyaa gutuu otuu walirraa hin citiin kan itti fufe.

Qeerroon Barattootaa Oromoo hangaa deebin keenyaa Nuf Deebi’uutti diddaan keenya roga hundaan itti fufaa jechuun mormii isaanii Itti fufaniiru.

Sochii kana keessaa kan ture barataa qofa osoo hin taane, Qonnaan bulaa dabalatee hojjataa mootummaa; akkasumaas jiraatotaa magaalaa fi baadiyyaa hundumaa kan dabalatee ta’uun beekameera.

“Barataan du’uufi hidhamuun Haa dhabatuu; Oromoo Buqqisuun Haa dhabatu.; ABOn Nu Bulchuu qaba! Abban Biyyaa Oromoodha; Afaan Oromoo Afaan hojii Ta’uu qaba,” jechuun dhaadannoodhaan ejjannoo isanii dhageessisaa olaaniru.

Diddaan kun  karaa nagaa adeemsisamaa ture.

Poolisiinis mormii kana deeggaruun dhaabbatanii Ilaaluun alatti qaama tokkorraatti tarkaanfii akkaa hin fudhanne odeessi nu gahe kan ibse.

Poolisiin maqaa isaa ibsuu hin feene tokko gabaasaa keenyaaf “Mormiin Kun Nuufis Mormii Keenya!” jedheera.

Yeroo ammaa kananttis diddaan kun roga hundaan jabaatee akka itti fufe beekemeera.

 Bilisummaan Oromoof!

Advertisements