#Oromedia-(24.05.2016, #Finfinnee, Oromia) Aayyoo FOOLII GORBAA (1915-2016) waggaa 101tti, Caamsaa 23 bara 2016 boqotan.
13267865_10208408279556281_8267071018605546653_nHarmeen goota Oromoo Kolonel Hayluu Raggaasaa, Aayyoo Fooliin, nama bara jireenya isaanii keessatti sababa Oromoo ta’aniif miidhaan irra gahaa turee dha.
Kanaan dura  gaaffii fi deebii isaaniif godhame irratti akka ibsanitti qabsoo ilmi isaanii Jeneraal Taaddasaa Birruu waliin ta’anii godhaa turan kanneen gufachiisan Oromoo garaaf bitaman ta’uu ragaa bahanii jiru.
Kanuma waliin akkaataa gantuun ilma isaanii dabarsitee diinatti kennite, isaanii fi qe’ee isaanis abdeef saaxilte sodaa tokko malee saaxilanii jiru.
Aayyo FOOLII GORBAA bara 1915, Godina Shawaa Dhihaa, Aanaa Meetaa Roobiitti dhalatanii, Caamsaa 23, 2016 Finfinneetti waaree booda sa’aa 5:00 addunyaa kana irraa boqotan.
Odeessi nu gahe akka adeessutti, sirni awwaalcha isaanii iddoo dhaloota isaanii bakka DHALATA jedhamutti Caamsa 25, 2016  raawwata.
Advertisements