FOR BETTER OROMIA

FAAYIDAA AFOOLA OROMOO

Beekan Gulummaa Irranaa  Mardaasaa, 2014*

Faayidaalee afoola saba tokkoo gabaabsuudhaan ibsuun salphaa hinta’u. Akkuma gosooti afoolaa hedduun jiranu faayidaaleen isaaniis hedduudha. Kana jechuunis tokkoon tokkoon gosa afoolaa faayidaalee ofii qabu jechuudha. Kanaafuu faayidaalee afoolaa kanneen jedhaman kunneen kanneen afoola maraaf ta’u qofaadha.   Kana jechuunis waa’ee afoolaa yaadolee  bu’uura ta’an gabbisuuf nigargaara jechuudha malee gosoonni afoolaa adda addadha. Fakkeenyaaf, mammaaksi,hibboon, geerarsi, sirbi aadaa, taphni ijoollee, kkf faayidaalee mataa isaanii kan qabanu ta’uu dagachuudhaan miti. Akkuma mammaaksi namootaaf beekumsa/barnoota dabarsuudhaaf fayyadu geerarsis  barnoota dhaggeeffattootaaf dabarsu niqaba. Kun ammoo faayidaa tokkoof oolan jechuudha.

Qabxii kana ka’umsa godhachuudhaan faayidaaleen afoolaa dimshaashumatti malfaa ta’uu danda’u gara jedhutti taruu nidandeenya. Faayidaaleen afoolaa isaan bu’uura ta’an bakka shanitti qoodamuu danda’u. Isaanis:

  1. Ibsuu
  2. Cimsuu fi dabarsuu
  3. Miliquu
  4. Barsiisuu
  5. To’achuu
  1. Ibsuuf: Gosti afoolaa tokko tokko, fakkeenyaaf oduu durii, gaaffilee bu’uura ta’an kan sammuu namoota naannoo murtaawaa (kkeessumattuu daa’imman) jiraatanuuf deebii kennuuf yaalu kan akka jaaffilee namaa, mukaa, bineensa, kkf maaltu uume jedhaniif debii laatu. Oduuwwan ykn sheekkowwan madda waantotaa ibsuudhaaf yaalanu kaayyoo isaaniitiif bifa seera qabeessa uumuu yaalu. Saboota addaa addaa biratti himni tokko ykn waanti tokko haala adda addaatiin uumaa ta’ee dhiyaata. Faallaan uumaa (creater) kanaa karaa tokkoon yoo jiraatu, deeggartoonni isaa ammoo karaa biraatiin nijiraatu. Waan bifaanis ta’e qabiyyeedhaan hubannoof rakkisaa ta’ee argameef ykn uumama sodaachisaa itti ta’eef dhalli namaa haala kanaan bifaafi hiika kennaaf jechuudha. Yoo kan godhu hanga tokko naannoo isaa sirna qabsiisa; sammuun isaas hanga tokko boqonnaa argata.
  1. Cimsuuf: Sadarkaa beekumsaa yeroon haayyameef irratti hundaa’ee ofis ta’e naannoo isaa ibsuuf ykn hubachuuf akkuma yaalii godhu, ibsaafi hubannoo isaa kana hordofee dhaabbileefi aadaalee isaa afoolaadhaan cimsa ykn gad-dhaaba. Guyyaa dhalootatii eegalee hanga du’a isaatti gochaalee raawwachuu qabu, maaliif akka raawwachuu qabu, amansiisa. Gochaaleen hawaasaa kunis akka hinbadneef; akka dhaloota itti aanu keessattis itti-fufanu taasisu hawaasa barnoota hammayyaa hinqabne (katabuufi dubbisuu hindandeenye) keessatti dalagaaleen raawwatanu, fakkeenyaaf, kanneen dhaloota, dhaqna qabaa, fuudhaafi heeruma, gootummaa, du’a, kkf waliin hariiroo qabanu akka  itti fufanu gochuun kan danda’amu afoolatti fayyadamuudhaan ta’a. Hundeen dalagaalee hawaasaa kun akka cimu ykn gad- dhaabbatu godhus afooladha.
  1. Miliquuf: Dhalli namaa bu’aa bayii jireenya isaa keessatti kan isa mudatu jalaa miliquu barbaada. Bu’aa bayii jireenyaa kana jalaa miliquuf afoolatti fayyadama. Jireenya nuffisiisaa kolfaan dabarsa. Addunyaa haaraa keessa seenee gammachuu waliin qooddatee jiraachuu fedha.

Dhiibbaaa aadaafi barsiifanni adda addaa irra buuse / danbiilee gara garaa jalaa afoolatti fayyadamuun miliqa. Aadaa ykn safuu tuqamuu hinqabne/ofiisaafis cabsuuf kan hinyaalle/ namoonni biroonis yoo tuqan arguu kan hinbarbaanne afoolatti fayyadamuun addunyaa gammachuu (kolfaafi qoosaa) keessa burraaqa. Osoo balaan tokkollee irra hingahiin yeroo afoolatti fayyadamu waan barbaade sana  arga ykn dhagaha jechuudha.

Dhiibbaa abbootiin aangoo sababa adda addaatiin irraan gahanu, kan fuulaan mormuu hindandeenye afoolatti fayyadamee morma ykn ibsa.

  1. Barsiisuu: Gosoon afoolaa hedduun keessumattuu kanneen akka sheekkoo, mammaaksa, hibbboo, geerarsa, walaloo, sirboota adda addaa kkf. Amala gaariifi tooftaalee jireenyaa barsiisuuf nifayyadu. Seera nyaataa, dhugaatii, uffannaa, taa’umsaa, haasaa, kkf. adeemsa dhala namaa barsiisuuf fayyadandha. Jiruufi jireenya hawaasaa keessatti bu’aalee arjummaan, tattaafannaan, tokkummaan, kkf. qaban nuhubachiisu. Amala iloolleefi dargaggoonni horachuu qabanu daa’imummaatii eegalanii sirreessuuf nigargaaru.
  1. To’achuu: Gosooti afoolaa mala ykn tooftaa jireenyaatiifi amala gaarii barsiisanu, amaloonni hawaasa biratti jibbamanu akka hin babal’annes to’achuu nidanda’u. Hattuummaan, sobuun, doqnummaan, garaa-jabummaan, kkf amala gadhee ta’uu ibsu: Akka miseensonni hawaasaa irraa of-eeggatanu akeekkachiisu; nito’atu. Raawwilee hawaasa biratti fudhatama qabanuufi jibamanu adda baafachuun akka qajeelfamaatti akka itti fayyadamanu nitaasisu.

Kaayyoon afoolaa sabni tokko haala inni itti jiraatu barsiisuuudhaan miseensi hawaasaa kamiyyuu akka hordofu gochuudha. Xiyyeeffannoon isaas dhimmoota hawaasni miidhagoodha ykn fudhatamaa jedheen ala kan jiraachuuf yaalanu/ seera kabajamoo hawaasni hordofu kanneen cabsaniif of-eeggannooo kennuu ykn daandii sirriitti deebisuudha. Haalli itti dhiyaatani garuu garaa garummaa qaba. Kanneen keessaa tokko namfakkiiwwan afoola keessatti argaman keessaa kanneen jireenya haala hawaasaa irraa maqanitti kofalchiisuu, itti baacuu, fi ciguun tooflaalee yeroo baayee hojiirra oolanidha. Kanneen aadaa hawaasaa kabajanii jiraataiin immoo nijaju; nidinqisiifatu. Haala kanaan seerri jireenya hawaasaa akka eeggamu to’atu.

* Beekan Gulummaa karaa email: beekangulummaairranaa@gmail.com qunnamuun ni danda’ama.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: