FOR BETTER OROMIA

Onesmoos Nasiib (1856-1931)

Onesmoos Nasib (1856 -1931)

Onismoos Nasiib naannawa bara 1856 dhiheenya, Godina Iluu Abbaabooraa magaalaa Hurrumuutti dhalate. Maqaan isaa kan dhalootaa Hiikaa Awwaajii jedhama. Abbaan isaa waggaa afuritti irraa du’e.Weerartoonni/garboomsitoonni saba biraarraa dhufan bara 1869 Hiikaa haadha isaa jalaa hatuun, maqaa haarawa Nasiib jedhu moggaasaniifi akka garbaatti gurguratan. Sanaan boodas yeroo heddu gurgurameera. Walumaagalatti Nasiib yeroo saddeet  garbummaaf gurgurame. Dhumarratti, itti aanaa itti gaafatamaa Qoontsilaa Faransaayi kan ture, namni Weerner Munziinger jedhamu, Magaalaa Mitsiwwaa, qarqara Galaana Diimaatti isa argatee akka inni sanaan booda garbummaan hingurguramne bilisa isa baase.

Ergamtoonni lallaba Kitaaba Qulqulluu Siwiidiin mana barnootaa ijoolleen dhiirri qofti itti baratan iddoo Imkulluu jedhamu waan qabaniif, Nasiib achi galee akka baratu taasisan. Nasiibis yeroo gabaabaatti barataa cimaa dandeettii addaa qabu akka ta’e mirkaneesse. Dhalatee waggaa 16tti gaafa Hiikaa/faasikaa Bitootessa 31 bara 1872 cuuphamee maqaan kiristaanummaa Onismoos jedhamu mogga’eef. Afaan Girikitiin ‘Onesmos’ jechuun faayidaa qabeessa jechuudha.

Barnoota isaas waggoota shanitti xumure. Itti aansuun, dhaabbata barnootaa amantaa ‘Johaaneluundis’ jedhamu, kan magaalaa Biromaa, biyya Siwiidinitti argamutti ergamee waggoota shaniif barnoota amantaa ol’aanaa barate. Erga achii Mitsiwwaatti deebi’ee, shamara waggaa kudha sagalii kan Mihirat Hayiluu jedhamtu fuudhe.

Onismoos Nasiib uummata isaa barsiisuuf fedhii cimaan wanta isa keessatti uummameef, haadha warraa isaa, abbaa ishiifi namoota biraa sadi waliin karaa Sudaaniin gara Wallaggaa seenuuf adeemsa eegale. Haa ta’u malee, loltoonni mooticha Minilik adeemsa isaaniitti gufuu wanta ta’aniif, Asoosaa darbuu wanta dadhabaniif gara magaalaa daangaa Itoophiyaafi Sudaanirra jirtu, kan Faamkaa jedhamtutti deebi’uuf dirqaman. Onismoosis achitti busaadhaan qabamee daran dhibame. Onismoosiifi miiltowwan isaa gara Kaartuumitti deebi’uuf waan dirqamaniif, Ebla 12, bara 1882 Kaartuum gahan. Onismoos achitti dhibee isaarraa fayyee gara Imkulluutti deebi’ee, hojii isaa wangeela barsiisuu itti fufe. Yeroo sanii kaasee, barreeffama addaddaa gara Afaan Oromootti hiikuu eegale. Erga yaaliin inni bara 1886 gara Wallaggaa deemuuf taasise yeroo lammaffaaf gufatee booda, Kitaaba Qulqulluu guutumaa-guutuutti gara Afaan Oromootti hiikuu eegale.

Haa ta’u malee, ijoollummaa isaarraa eegalee uummataafi aadaa isaa keessatti wanta hinguddatiiniif, hanqina jechootaafi jechamoota Afaan Oromoo wanta qabuuf, gargaarsa barbaaduuf dirqame. Akka carraa ta’ee, shamara Asteer Gannoo jedhamtu, kan Iluu Abbaabooraatii garbummaan gara Yemenii fudhatamaa osoo jirtuu loltoota galaanarraa Xaaliyaanitiin bilisa baate, Imkulluutti argate. Ishiinis hojii isaa barreeffamoota gara Afaan Oromootti hiikuurratti gargaarsa olaanaa taasisteef. Gargaarsa ishiin gooteefiin Kakuu Moofaa gara Afaan Oromootti hiikee Waxabajjii bara 1897 xumure.

Bara 1904 gara Wallaggaa deemee, uummata isaatti makamuu danda’e. Yeroo san bulchaa Wallaggaa kan ture, ‘Dajjaazmaach’ Gabra-Igizaabeer, fuula ifaan isa simate. Yeroo duraatiif uummata isaaf Afaan Oromootiin Kitaaba Qulqulluu lallabuu eegale. Haa ta’u malee, qeesonni amantaa Ortodooksii naannawa san turan afaanicha wanta hindhageenyeef, jibbiinsa cimaa irratti horatan. Jaalalaafi kabajni ol’aanaan inni uummata Oromoo biratti horate, wanta isaan rifachiiseef, sababa “Maaramii kabaja dhoorke” jedhuun isa yakkanii, Paatiriyaarkii Orotodooksii kan ture, Abuna Maatiwoos biratti akka dhiyaatu ta’e. Abunichis himannaa qeesotichi dhiheessanirratti hundaa’uun akka biyyaa bahu itti murteesse. Haa ta’u malee, Minilik, murtii Abunichaa haquun, Onismoos gara Naqamteetti akka deebi’u, garuu sanaan booda gonkuma akka wangeela hinlallabne itti murteesse.

Sanaan booda sochiin inni ummata bal’aa keessatti taasisu waan daanga’eef, mana barnootaa Naqamteetti bane keessatti barsiisaa ture. Yeroo sanas balaan biyyaa ari’amuu isaa marsa ture. Lij-Iyyaasuun bara 1916 aangoo fudhannaan amantaa isaa akka barsiisu eeyyameef. Lij-Iyyaasuun, waggaa tokkoon booda aangoorraa fonqolchamus, murtiin isaa akkuma jirutti wanta itti fufeef, Onismoos hanga gaafa du’uutti barreeffamoota addaddaa gara Afaan Oromootti hiikee raabsuufi Kitaaba Qulqulluu barsiisuu kan itti fufe, yoo ta’u, barreeffamoota inni Afaan Oromootiin qopheesse keessaa kan armaan gadii eeruun nidanda’ama.

Kitaaba xiqqaa mata-dureen isaa “Onnee Namaa” jedhu, kan faaruu 100 qabu Afaan Giriikiirraa gara Afaan Oromootti hiike.

  • Bara 1892 kitaaba xiqqaa “Luuter Kaatekiizim” jedhamuAfaan Oromootti hiike.
  • Bara 1885tti gargaarsa Asteer Gannootiin, Kuusaa jechootaa Oromoo- Siwiidiin, kan jechoota 6000 qabu qopheesse.
  • Bara 1886 faaruu wangeelaa “Galata Waaqayyoo Guddaa” jedhamu hiikee maxxanse.
  • Bara 1894 tumsa Asteer Gannootiin kitaaba Sheekkoo gaggabaaboo 79 qabu maxxanse. Mata dureen kitaaba kanaa “Jalqaba Dubbisaa” jedhama. Kitaabni kun fuula 174fi jechoota 3600 qaba.

Onismoos ergama isaa dacheerraa haala armaan olitti ibsameen xumuruun, Waxabajjii 21, bara 1931 dhibee Onneetiin addunyaa kanarraa darbe.

%d bloggers like this: