FOR BETTER OROMIA

SAGANTA SIYAASAA ADDA BILISUMMAA OROMOO BARA 1974

I. Hubachisa Seenaa

1. Dhumni jaaraa 18 ffaa fi jalqabni jaaraa 19ffaa seenaa Oromoo keessatti
jalqaba bara haarayaati. Yeroo kanatti jireenyi Oromoo jijjiirama sirnaa
keessa tur. Jireenyi godaantummaa fi tikfatummaa / tikfatee geeddaramaa
dhufee bakka isaatti jireenyi qubsumaa fi qonnaa ariitiidhan / hatattamaatti
babal’achuu jalqabe. Jijjiiramni sirna diinagdee kun jijjiirama hawaasaa fi
siyaasa / polotikaa dhufuu dirqisiise. Sirna hawaasaa fi siyaasaa kan hundee
guddina Oromoo ta’e ,sirni Gadaa, jiruu qubsumaa wajjiin tarkaanfachuu
waan dadhabeef laafuu jalqabe . Qondaalota Gadaa keessaa kan akka Abbaa
Duulaa tokko tokko aangoo heerri Gadaa itti kenne dhimma mataa isaaniitiif
oolchuun laaffuu sirna dimokraasii kanaa mol’isa. Oromiyaa noannoo tokko
tokko keessatti Abbaan Duulaa of qolaan ( kalaafataan ) argamuun dhaloota
sirna Abbaa lafaatiif karaa bane. Kanaaf, fakkeenya kan ta’u Oromiyaa Lixa
Biiftuu keessatti warri akkasii tokko tokko “Mootii” of moggaasuu isaanitti.
kanaaf, yeroo kanatti akkaataan jireenya Oromoo sirna wajjiin qabiinyaa irraa
gara sirna abbaa lafaatti tarkaanfachaa ture, Haalli kun osoo akkasiin itti fufee
hongi isaa ijaaramuu mootummaa fiyudaala Oromiyaa tokkitti ta’uu ni mala.
Haata’u malee haalli ofumaan adeemaa ture kun utuu inni hin xumuramin
humni alagaa sirna Abbaa lafaa (fiyudaalismii ) dirqiin itti rare.

2. Yeroo kanatti – dhuma jaaraa 19ffaa koloniyaalistoonni Awropaa Afrikaa
hirmaachuuf bololaa turan. Garuu, biyya walsaaminsi koloniyaalistoota
Awropaa gidduu ture lola uumuuf waan yaaddeessee fi akkasumas yaaduma
teessuma magaalaa Barlinitti 1884-5tti Afrikaa qircaachuuf isaan godhan
hundeefachuun mootummaan Tophiyaa Afrikaa qircaachuu kana irraa qooda
waan fudhatef, biyya warri Awropaa qabachuun rokkisaa ta’e. kanaafis,
koloniyaalistoonni Awropaa nannoo kana harka lafa jalaatiin karaa
kittilayyoota (puppeti) adda addaa qabchuuf mala dhwatan. Akka kanaan
Ingliiziin Yohannis mooti Tigree ofitti qabe. Faransaa fi Xaaliyaanin ammo
waan barbaachisaa ta’e hundumaa Minilikiif kennuudhaan akka inni biyyoota
kana hundumaa qabatuuf gargaaran. Meeshaa lolaa baraa, beekkumsaa fi
gorsa waraanaa fi basaasummaa gooftolii isaa warra Awropaa irraa argateen
Minilik laliftuu fi badhaatuu Oromiyaa fi biyyoota biraa illee qabachuu
danda’e. Qabeenyaa fi human namaa inni biyyoota kolonii taasifate keessa
saame kun akka inni Yohaanis faa irra aanee, Habashaa tokko taasisee,
mootii moototaa of moggaasu isa dandeessise. Gabaabatti waliif galteen
koloniyaalismii Tophiyaa fi Imperiyalismii biyya lafaa giddu jiru yeroo kanatti
jalqabame.

3. Minilik, yeroo abbootiin isaa biyya bal’ifachuuf carraaqan cufaa, Oromoon
Abbichuu deddeebisanii akka isaan qaanessaan waan yaadatuufi hawwii
Oromoo kolonii taasifachuu ( koloneeffachuu ) kan Saahlesillaasee fi Zasara
isaa irraa dhaale kana amantii guutuun jalqabuu dura waan gara biraa tokko
akka barbaachisu hubate. Wanti murteessaa ta’e kunis tumsa mootota /
qondaaloota waraana Oromoo argachuu dha. Tumsa akkasii laaftuutti kan
argamsiise hawaasaan Oromoo haala sirna fiyudalismii qaqqabuu isaatii fi wal
dorgommii fudaalota /fiyudaalota gidduu turee dha. Qandaalota Oromoo
keessaa warri akka Goobanaa tooftaa dhartaa kan federeeshanii Oromiyaatii fi
Habashaa dhaabna jechuun irratti minilikiin gawwomfamanii isaan wajjiin
dhaabbatan iyyuu kanuma Amaari booda irratti gane.

4. Seenaan ammoo jagnummaa sabni Oromoo koloneeffaticha of irraa loleen
bareechee mu’lisa. Humni isaanii faffaca’u illee biyya isaaniitiif meeshaa lolaa
kan barri itti dabreen bakka hundatti lolaniiru. Ragaa kanaa kan ta’u lola
Abbichuu, Gullalee, Meettaa, Maccaa, Boorana, Walloo, Arsii, calanqoo,
Dhummuugaa, Gujii, Jillee, Karrayyuu fi amma illee mormii jagnummaan
Oromoon Warjii godhe hamma har’aatti sammuu diinaa keessatti yaadannoo
hadhaa’aa hambisee jira.

5. Dhuma lola koloneeffatumma Minilikiiti biyya bal’aanii fi ummanni adda
addaa mootummaa isaa jalatti kufan. Moo’amuun Oromoo injifatamuu
ummata gara biraatis fide. Injifatamuun Oromoo dhugumaan hawaasa
Habashaa keessatti illee hundee fiyudalismii cimse. Fiyuudaallonni Amaara
duula “hoomaa” Oromootu isinitti bobba’a jechuun gita [ deleted ] isaanii
doorsisuudhaan akka inni hiyyummaa fi deegaan jiraatee wal diddaa gitaa
dagatu godhan. Kana caalaa yeroo hundumaa sammuu isaa /ummata isaanii
keessatti yaada “Anatu caalaa” uumuudhaan sobamee hiyyummaa fi
wallaalummaa isaa akka inni hin agarre taasisan. Burqaan gadadummaa
uummata mootummaa Tophiyaa jala jiranii waraana koloneeffatummaa
Minilik ta’uu isaati. Kanaaf, hamma koloneeffatummaan kun diigamee,
saboonnii [ deleted ] bilisoomanitti bilisummaan ummata faana
mootummaa Tophiyaa jala jiranii hundumaa hin mirkanaahu .

6. Sabni Oromoo guyyaa kolonii Amaaraa keessatti kufee jalqabee sirna
saaminsaa fiyudalismii fi Imperiyaalismii of irraa dabruuf waldhaansoo
adeemsisaa jira. Waldhaansoo kanneen, keessa warra ciccimoo tokko tokko
maqaa dhoofna.

a) Fincilli Oromoo Raayyaa kan bara 1928 kan cabsuun danda’ame humni
waraana qilleensaa Inglizii kolonii isaa Adan irraa waamameeti. Ammas
bara 1940-tti yammuu isaan lammata fincilan isaan jilbeenfachisuuf
humnuma Imperiyalistii kanatu deebi’ee itti bobba’e.

b) Bara 1935 keessatti konfedereeshinii Oromoo Lixa Biiftuu tokko
qondaalummaa Habta Maaraam Gabra Igzaabbeeriin dhaabtee akka biyya
tokkotti beekkamuuf “Dhaabata biyyoota lafaa”/Liig of Neeshans-tti
iyyannoo dabarfate.

C) Moohamuu Xaalliyaani booda, Ormoonni Finfinnee fi Haragee
mootummaan birmaduu Oromoo tokko akka dhaabamuuf, mootumma
Inglizii gaafatan. Mootummaan Ingilzii ammoo gafii kana dhagahuu
didee Hayle-Sillaasee mootummaa irratti deebise. Yeroo kanatti yaada
Hayle-Sillaasee deebisuu kanaan mormuudhaaf jagnootiin Oromoo
guumaa, Limmuu fi Iluu-Abbaaboor fincila guddaa godhan.

d) Sochiin siyaasaa biyya jaallattoota Oromoo kan Maccaa fi Tuulamaa
yeroo gabaabaa keessatti ummataan waan hammatameef bara 1967 tti
humnaan dhoowwamee qondaalonni isaa kaan fannifamanii kaan
hidhaman.

e) Qabsoo riphee lolaa bara 8-tiif Baaletti godhame dura dhaabbachuuf
gargaarsa Isra’eloota oggeeyyii dhukaasaa, maandisoota karraa fi
riqichaa humna waraana Inglizii fi humna waraana qilleensaa Amerikaanii
barbaachise. Booda mootummaan magantaa waan jalqabeef, haalli biyya
lafaa waan jijjiirameef, waldaan Macaa fi Tuulamaa waan
dhoowwaameef, keessattuu warraaqsi Oromoo rakkina poltiikaa Ollaa
isaa wajjiin waan qabuuf bara 1970 tti lolli yerrof dhabbate. Sichiin
Oromoo Baale keessatti godhames sochii polotikaa bartoota
Oromootiin hordofame. Barreefamoota adda addaa baasan keessaa
“Voice of Oromo against tayrany” /Sagalee Oromoo kan mormii
[ deleted ] in yaadatama. Murtiin bartoonni Oromoo “Zamachaa” of
tuulummaan mormuun dabarsanis dammaqiinsi baratoota keenya
sadarkaa guddaa qaqqabuu isaa mulisa.

Dhalachuun Adda Bilisummaa Oromoo qotota miliyoona baayyeetti
lakkaawaman sochoosuudhaan akka isaan sirna bututaa san rukutan godhe.
Warraaqsi dimokraasi Baati Guraandhalaa, bu’aa tattaafata ummata
koloneeffamanii kan ta’e, finiinse. Sanaa asi mootummaan Nafxanyaa haaraan
iddoo isa duraa fudhatee gaggeessaa warraaqsichaa ummata harkaa butachuun
ummata socha’e ukkaamsuuf carraaqa bu’aa hin qabne gochaa jira. Garuu,
Nafxanyaan moofaas haa ta’u haaraa tarkaaanfii seenaa, gara boodetti deebisuu
akka hin dandeenye haa beekamu.

7. Addi Bilisymmaa Oromoo erga uumamee jalqabee ummata bal’aatti makamee
wajjiin dhaabatee waldhaansoo godheera. Bu’aa ummani waldhaansoon argate
akka jabeeffatuuf, gara fuula duraatti hiriruudhaan bilisummaa uummata Oromoo
argamsisuuf dhaaba cimaan ummata Oromoo hundumaa walitti qabu
barbaachisaadha. Kanaafuu, sochiin uummata Oromoo gara fuula duraatti
tarkaanfatee, jabiinyi warraaqsichaa harka dhibba akka cimu gochuuf dhaabni
jaarmiya cimaa qabu nu barbaachisa.

8. Qabsoon diinota ummataa irratti godhamu qajeelchee gaggeessuuf warraaqaan
tokko diina dhugaa fi fira dhugaa gargar baasee beekuu isa barbaachisa. Akka
kanatti humnootiin hawaasaa tokko keessa jiran addaan fo’amanii beekkaman
malee balleessaan baayachuu fi kufaatiin waan hin oalle. Seenaan asiin olitti
hubatamee fi qorannoon haala yeroo ammaa hawaasaa keenya akka kanatti
addaan foone beekuu nu dandessisuu qaba. Kanaaf, asiin gaditti qabsoo Oromiyaa
harqoota kolonialismii Amaaraa fi Imperiyalismii biyya lafaa jalaa bilisummaa
baasuuf godhamuuf diina kan ta’anii fi fira kan ta’an dursinee gargar baafnee
mul’ifna.

II- WARRA QABSOO KANAAN MORMAN

Diinnoonni saba bal’aa Oromoo hacuucuu mootumma
Koloneeffatichaa, Gita fiyudaala / fiyuudaalii Oroomoo, Goobanoota
haaryaa fi Imperiyalismii biyya lafaati.
Bara dhibba tokko kan ta’u keessatti wal geeddaraa kan dhufte
mootummaan koloneeffataa Amaaraa ummata Oromootii fi saboota
[ deleted ] mootummaa kanaa jala jiran gara biraa irratti rakkina
himamee hin dhumne geessifteetti.
Gita fiyudaalii Oromoo kan kabee jabeessee koloeeffata Amaaraa
waan ta’eef gitni kun yeroo baayee gooftoota isaa jechuun gita
fiyudaalii Amaaraa wajjiin of ilaalla. Kanaaf, gitni fiyudaalii Oromoo
dhaabbta sirna kana gara galchuuf kutatee dura dhaabbachuuf
diinoota waliif tumsan keessa tokko.
Goobanoot haaraya jechuun Oromoota of ijaaruuf amantii of itti
hin qabne. Isaan kunis jala adeemtuu mootummaa koloneeffataa ykn
dhaabbattoota oftuultu ta’uu isaaniitiin dantaan saba Oromoo waan
eegame fakkeessuuf warra uummata gowwoomsanii dha.
Imperiyalismiin biyya lafaa dura aantii diina ummata Oromooti.
Dhugaa kana mul’isuuf qorannoo hedduu hin barbaachisu. Wal
qunnamtiin Imperiyalismii biyya lafaa fi koloniyalismii fi sirma
booddeetti harkiftuu Tophiyaa kan jalqabame yeroo Imperiyalistoonni
Afrikaa addaan qooddachaa turan. Gaafasis Imperiyalistoonni
Oromiyanii fi ummani [ deleted ] gara biraa akka kolonii
Tophiyaa jalatti kufaan mi’a lolaatii fi gorsaan gargaarsa guddaa
godhaniiru. Egaa, seenaa wal- qunnama Imperiyalismii fi
loloniyaalismii Toophiyaa jidduu jiruu fi koloniyalismiin Toophiyaa
illee Imperiyaalismii kana irratti waan irkatuuf isaan lachuu diinota
warraaqsichi rukutuuf akeekkatu.

III_WARRA QABSOO KANA GARGAARAN

Hojjetooni fi Qotataan irree warraaqsichaati. Kaapitaalismiin
mootummaa fi Imperiyalismiin waliif galanii gita hojjatta bakka hojii isaa
hundatti / hundumatti akka malee saamu. Gitni kun utubaa
waldhaansichaa, Idiyolojiin isaa idiyolojii gita hojjatta falaasafa
warraaqsichaati.
Saba kana keessaa garri caalaan qottoota. Warraaqsa Dimodraasii Baattii
Guraandhalaa, kan sarbame. kanaaf, gitni kun warra qooda gurgudda irraa
fudhatan keessaa tokko. Qotataan mirga tokko tokko humnaan
mootummattii irraa buufatu illee, beekaa hidhannoo malee akka turuuf,
haqa warraaqsa jalqabe bakkaan ga’uuf qabu waan dhowwameef, mirga
argate sana cimsachuu hin dandeenye. Nafxanyaa irraa hiikkatanii
hidhachuuf tattaafata isaan ofumaan godhan mootummaan kolonii
deddeebi’ee dura dhaabbate. Qotataan bu’aa waldhaansoo isaa
dhuunfachuuf waan barbaaduuf akkasumas gita fiyuudaalaa irraa haaluu
bahuuf waan hawwuuf dhugaatti gitni kun irree warraaqsichaati.
Dureeyyiin xixiqqoon biyya jaallattoon / Sab- boontoonni, baratoonni
warraaqoonii fi miseensoonni humna waraanaa kanneen biyya jaallatan
warraqsicha ni gargaaran.
Dureeyyii xixiqqoo jechuun naggaadota fi hojjataa mootummatti, warra
sadarkaa jalaa irra jiran. Miseensonni gita kanaa mootummaa koloniitii fi
Inperiyalismiin [ deleted ] duwwaa utuu hin ta’in of tuulummaa
Amaaraatiinis tuffatamanii namaa gaditti ilaalamu.
Oromoon akkuma saba gara biraa gita adda addaa keessaa biyya
jaallattoota bilisummaa saba isaaniitiif dhimma mataa isaanii lakkisan qaba.
Barattoonii warraaqtuun isaa sadoo jireenya isaanii irraa bilisummaa saba
isaanii filatani. Jarri kun gaggeessaa yaaddaa fi teknikii bilisummaa saba
isaaniitiif kennuun ba’aa irra jiru waan ta’ee fi qabsoo bilisummaa keessaa
qooda guddaa qabu.
Lafa irraa buqqa’uu fi hujii dhaba irraa kan ka’e, garri caalaan qotataa kan
turan Oromoonii baayyeen waraana mootumma koloneeffatichaa keessaa
sadarkaa jalaatti fo’amaniiru. Akka ifaan mul’atutti murni kun [ deleted ]
ofii waan beekuuf sadarkaan gad aantiin isaa fi nama isaatiif kennamte ni
aarsiti. Kanaafuu, gaafa dhaabni Bilisummaa saba isaaniitiif kutate
jiraachuu baratan warraaqsichaati ni makamu.

IV- WARRA QABSOO KANAAF TUMSUU MALAN

Qoodni isaanii akkuma saba Oromoo, saamamuu fi [ deleted ] kan ta’e
saboonni biraa hedduutu mootummaa Toophiyaa jala jiran. Ummanni
saboota kanaatiifi socho’insi bilisummaa tarkaanfattooni qabsoon godhan
qabsoo Addi Bilisummaa Oromoo bilisummaa saba isaatiif godhuuf
tumsuun ni mala.

V-WARRA QABSOO KANAAF NAHAN

Har’a biyya lafaa keessaa ummanni qabsoo farra-Koloniyalismii, farra-
Imperiyalismii fi farra-Zi’onismii irra jiru. Qabsoo kana gitoota
[ deleted ], socho’insaa fi humnoota tarkaanfataa fiyudalismii,
kolonitalismii, Imperiyaalismii fi boodetti harkiftuun morman hundatu
keessa jira.

VI- SAGANTAA QABSOO

A- Akeeka Siyaasa
Hundeen akeeka qabsoo kanaa sabni Oromoo Hiree isaa ofiin muratee
ummanni oromoo [ deleted ] fi saamanuu bifa hundaa jalaa akka bilisoomuu
gochuu dha. Akeeka kun mirkaneeffamuu kan danda’u qabsoo farrafiyudalismii
farra- koloniyalismii fi farra imperiyalismii oofanii warraaqsa
dimokraasii haaryaa fiixa baasuudhan, mootummaa Ripuublikii Dimokraasii
ummata Oromiyaa ijaaruudha. Keessattuu, sagantaa fi galiin siyaasaa qabsoo
kanaatis as itti aana.
Murtii immaamataa fi sadarkaa hundumaatti filmaata mootummaa kan godhan
koroota ummataa aangoo guutuu ganfachiisuu.
Gitoota farra-fiyudali, farra- koloniyalismii fi farra-imperiyaalismii
ta’an hundaaf mirga birmadummaatii fi dimokrasii kan akka yaada ofii ibsuu,
wal gahuu, hiriira ba’uu raggaasuu.
Mootummaa amantiin hidhaa hin qabnee fi kan amantii hundaa wal
qixxummaatti ilaaluu fi kabaju ijaaruu,
Mirga ilmaan namaa uumaadhaan argatan kan eegu, kan guddisuu fi
Wabii kan ta’uu sirna dimokraasii dhaabuu.

B . Akeeka Diinagdee
1. Bu’aa warraaqsa ummataa kan ta’e jijjiirraa lafaa akka ummanni
dhuunfatutti qajeelchuu.

2. Jireenya qottootaa wayyeessuuf isaan qixxeessuu fi sadarkaa sadarkaa
dhaan gamtaan akka ijaauaman gargaaruu.

3. Qottoota humnaan saasii isaanii irraa ari’ataman deebisanii quachisuu
dhaan safa isaanii akka gaariitti hojii irraoolchuuf akka danda’an
mootummaan gargaarsaa fi gorsa kennuu.

4. Lafti walitti ykn mata mataatti qixxummaadhan hirmatee qajeelootti
akka hojii irra ooltee dhimma baaftu gochuu.

5. Horata ( oomisha ) qottootaguddisuuf beekkumsa qonnaa baraa
ummataan gahuu, hojii irra oalchuu.

6. Sagantaa godaantota qubachiisee,barsiisuu fi dandeetti isaanii akka
mul’ifatan kan gargaaru jarjartiidhaan jalqabuu.

7. Owrota biyyaa jalqabuu fi lafa hin qabatamin hundaa qabannoo
biyyaa taasisuu.

8. Ummani Oromoo safa ga’aa dhabuudhaan utuu dhiphuu keessa jiruu
yaada ummata alagaa fidanii Oromiyaa keessa qubachiisuu dura
dhaabbachuu.

9. Bosona eeguu fi bakka ammaan dura lolaanii fi waanti adda addaa
bosona balleesse deebisanii bosoneessuu.

10. Qabeenya ummata hundaa dhaabatoota hojii,dhaaba traansportii fi wal
qunnamtii, industrii fi dhaabbattoota hojii warra guddina diinagdee fi
eegumsa biyyaatiif barbaachisan qabannoo biyyaa taasisuu.

11. Fedhii ummataa guutuuf sagantaa industrii babal’isuu fi hojii irra
Oolchuu.

12. Industrii giddu- galeessa dan qonnaa irratti irkatan hatattamatti
babal’isuu.

13. Industrii godoo ( goojjoo) fooyyeessuu fi jajjabeessuu.

14. Nagada alaa bal’isuu fi tiksuu.

15. Hojjettooni taligaa qixxaawaa irraa qooda akka fudhatan dandeessisuu.

C-SAGANTAA BARNOOTAA
1. Barnooti hundumaa qaqqabee akka bu’aa irraa argataniif sirna
beekkumsaa kan tolaa daandii warraaqsa dimokraasi haaraatiin
dagaagsuu.

2. Wsllaalummaa yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiisuuf namoota yeroon
barnootaa duraa dabreef sagantaa barnootaa kurfeessanii hojii irra oolchuu.
3. Barnoota sadarkaa duraa dirqii taasisuu.

4. Leenjisaa fi qaraanoon saayinsiinii fi teknolojiin daddaffiin akka
tarkaanfatan gochuuf dhaabbattoota barnoota sadarkaa olaanaa tiyoorii fi
hujii wal qabachiisuuf aangoo kan qaban dagaagsuu.

5. Fidala (Harfii) laatinii Oromiffaaf moggaafachuu.

D- SAGANTAA FAYYAA
1. Tolatti gargaarsa fayyaa hundumaa qaqqabsiisuu fi kilinikii, irkoo
fayyaa fi Hospitaala bakkayyuutti ijaaruu.

2. Wanta dhukkuba daddabarsan babal’isaanii, baaksinii / kttibaatii
babal’isaanii kennuu, beekumsa fayyaa eeggachuu fi akkaataa soorata
ta’u fudhatanii qajeelchuudhaan dhukkuba daddaburan hundumaa balleessuu.

3.Wanta araada fiduudhaan fayyaa fi nagaa ummataa gaaga’an
oomishuu fudhachuu fi gurguruu dhaabuu / dhowwuu.

4. Beekkumsa fayyaa kan aadaa keessattuu muka qorichaatii /
dawaatii fi ogummaa adda addaa saayeensii qorichaa baraatiin wal
qabachiisuu.

5. Warra hir’ina sammuutii fi naafachuun dhibaman bakka itti eegamanii
gargaarsi barbaachisu dhihaatuuf hamma gahu ijaaruu.

DH. GARGAARSA DHIBDE HAWAASAA
1. Hujii dhabdootaaf gargaarsa hawaasaa kennanii jiraachisuu.

2. Kashlabbootaaf/ lumpen proletariat sagantaa leenjisaa qopheessaniifi
hujii ilma namaatiif ta’u argachisu

3. Ijoolee hamaa hundumaa irraa kan tiksu nannoo fi haala gaarii keessatti
guddachuudhaan, ba’aa biyyaa fi yaada warraaqsaa beedanii, ilmaan
biyyaa, dhimma ummataatii fi ilmaan namaa hundumaatiif kan
dhaabbatan ta’anii akka guddataniif tiksa barbaachisu hundaa goghuufii.

4. Warra akka maadhee hawaasaa tokkotti tiksuu.

E. HOJII
1.Marti hojettootaa, waldayaa fi tokkummaa ijaarratanii mirga isaaniitii fi ulfina
hojii akka eeggatanii mirga isaanii kabajuu, tikksuu fi wabii dhaabuufii.

2. Hojiin hundumaaf akka argamu gochuu.

3. Hirpha mindaa, Hirpha haala hojii fi gubbee yeroo fi guyyaa hojii
muruudhaan akka qalbiinii fi qaamni hojetootaa eegamu godhuu.

4. Saaminsa humna ijoollee dhowwuu.

5. Hojjattoonni gaggeessaa hojii keessatti hirmaachuu akka danda’an eehamuu.

F. DUBARTII
1.Hawaasa keessatti wal-qixxummaa dubartiin dhiiraan wajjiin qabdu
karaa siyaasaa, diinaggee fi aada kabajuu.

2. Dubartoonni hojjettoota yeroo ulmaa isaanii mindaa guutuu argachiisuu.

3. Mirga isaanii eeggachuuf dubartoonni dhaaba akka ijaaratan godhuu.
Sirnaa fi aadaa dubartii tuffatu balleessanii hawaasa wal caalmaa
dhiiraa fi dubartii hin beekne ijaaruu.

SAGANTAA AADAA
1. Aadaa booddeetti harkiftuu fiyudaalotaa, koloniyalistootaa fi
imperyaalistootaaballeessanii aadaa asba Oromoo kan saayinsii fi dimokra
haaraa irratti hundeefaman bakka buusuu.

2. Aartii, barreessaa fi muuziqaa ummataa jajjabeessuu.

3. Afaan Oromoo dagatamaa, ukkaamamaa fi tuffii koloneyalismiin itti fide
keessaa ba’ee akka dagaagu gochuu.

H- SAGANTAA ITTISA ROORROO
1. Saba irraa roorroo kan ittisu milshaa ummataa ijaaruu.

2. Projektoota dagaaga biyyaa keessaa qooda kan fudhatu waraana ummataa
warraaqaa tokko ijaaruu.

3. Humni waraana ummataa ba’aa isaa, kunis: Dhaabbattoota nagaa ummataa
eegaan tiksuu, humnoota nagummaa booressuu barbaadan dura
dhaabbachuu fi dammaqanii gootummaa fi ulfina biyyaa eeguu akka ta’e
hubachisuu.

VII- WAL QUNNAMTII BIYYA LAFAA
1.Saboota mirga hiree ofiin murachuuf qabsoogodhaniin wajjiin dhaabbat.

2. Humnoota Imperiyalismiin, fiyudaalismiin, Sanyi balfituu fi humnoota
booddeetti harkisaa hundaa wajjiin qabsoo godhan cinaa dhaabbachuu.

3. Koloniyalismii wajjiin qabsoo kan godhan tarkaanfatoota sochi saboota
Afrikaa cufaa guutumaatti deeggaruu.

4. Qabsoo ummanni Erteraa hiree ofiin murachuuf gochaa jiru ni deeggara.

5. Qabsoo diddaa roorroo Zionistii kan ummanni Arabaatiifi qabsoo ummanni
Falasxiin biyya deebifachuuf godhan ni deeggara.

6. Heera Tokkummaa Biyyoota Lafaa /UN charter keessa seera haqa ilma
namaa / Universal Declaration of Human Rights nideeggara.

7. Akeek Dhaabbi Tokkummaa Afrikaa qabsoo imperiyalismmii fi sanyi balfituu
irratti oofan jajjabeffachuuf carraaqa isaan tokkummaa dhugaatiif godhan
keessaa qooda fudhachuun ni deeggara.

8. Bakka danda’ame hundatti saboota gara biraa wajjiin wal qixxummaa,wal
kabajaa fi fedhiin walitti dhufuu irratti kan hundeeffame tokkummaa siyaasaa
ijaaruuf ni hojjata.

9. Nagaa fi hawwi ummata addunyaa guddisuuf immaammata dhimma alaa kan
gartuu hin qabnenagaa, biyyoota hundumaa wajjiin wal gargaaruu irratti kan
dhaabbate ni deegara.

10. Biyyooti addunyaa sadaffaan qabsoo isaan [ deleted ] fi saaminsa Imperiyalsmii
dhuma itti godhanii wal qixxummaa fi bu’aa hundaaf kan qabu wal qunnamtii
diinagdee haaraya ijaaruuf carraaqa isaan godhan ni deggara.

ADDA BILLISUMMAA OROMOO !

Biyya Oromiyaa magaalaa Finfinnee,
ji’a Onkololeessaa Bara 1974tti qophaawe,
ji’a Waxabajii Bara-1976tti Haareffame!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: