FOR BETTER OROMIA

SEENAA HAYILAMAARIYAM GAMMADAA

HMGObboo Hayilamaariyam Gammadaa, abbaasaa Obboo Gammadaa Masqalee fi haadha isaa Aaddee Ka’ade Addaamuu irraa, bara 1907 Godina Shawaa Kaabaa aanaa Jiddaa ganda Bogonjo jedhamuutti dhalate. Umuriin isaa akkuma barnootaaf gaheenis gara magaalaa Finfinnee geeffamuun, mana barnootaa Dagimaawi Minilik seenee barnoota akka jalqabu taasifame.Haa ta’uyyuu malee yeroo sanatti Xaaliyaaniin biyya waan weerarteef, barnoota isaa gidduutti kutuun hiriyoota isaa waliin falmii weerartuu xaaliyanii waliin taasifamaa turekeessatti qooda fudhachuu jalqabe.

Haa ta’uyyuu malee utuu yeroo dheeraa hin turin magaaluma Finfinnee keessatti sochii diddaa weerartuu Xaaliyaanii sana gochaa ture irratti qabamuun gara mana hidhaa weerartuu Xaaliyaanii, Somaaliyaa bakka Danane jedhamutti ergamuun waggaa sadii boodas akka Xaaliyaaniin biyyaa baateen gara Finfinnee deebi’e.

Akka Finfinneetti deebi’enis yeroo sanatti Ministeera Hojii jedhame waajjira beekamutti qacaramee kutaalee Walloo, Shawaa, Tigray, Harargee, Kafaa, Iluu Abbaabooraa, Baalee, Arsiifi Sidaamoo deemuun hojjeteera.Deemsa carraa hojii isaa kanaanis Obboo Haayilamariyam Gammadaa waa’ee Oromoo fi kutaalee Oromiyaa akkasumas , mala bulchiinsa jallaa ummata Oromoo irratti mootummaa yeroo sana tureen saba Oromoo irratti fe’amee jiruu fi walumaa gala waa’ee Impaayera Itoophiyaa kana hubannaa gaarii argachuu danda’ee ture.

Mal-Bulchiinsi jallaan looginsi sanyii, dhiittaa mirga dhala namaa Oromoon lafa itti dhalatee jiraachaa jiru irratti akka sabaatti tuffatamuu fi maqaa hin malleefiin waamamuun isaa Obbo Haayilamaariyam Gammadaa kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti argaa ture sun boqonnaa laateefii akka inni hojii isaa qalbiin ciisee hojjatu taasiisuu hin dandeenye. Rakkoo sana keessaa Oromoo kan baasuu danda’u Oromoo malee qaamni biraan jiraachuu akka hin dandeenye hubachuuf yeroo itti hin fudhanne. Isa kaanfis of irraa jalqabuun akka isa irra jiru murteessuun hojii mootummaa yeroo dheeraaf hojjachaa ture gad lakkisuun dhuunfaan hojii Abukatummaa seeraa hojjachuu jalqabe, Hojiin isaa kunis barnootaan kan deeggarame akka ta’uuf, guyyaa hojachaa galgala ammo barnoota seeraa Yuunivarsiitii Finfinnee ammaatti barachuu jalqabe. Barnoota isaa kanas xummuree Diploomaan erga eebbifameen booda, jiruu fi jireenya isaa isa hafe Oromoo salphina isa mudate jiru keessaa baasuuf gahee isaa ba’uuf qopheessuu jalqabe.

Hojiin seeraa inni dhuunfaan hojjatu kunis Oromoota kutaalee Oromiyaa adda addaa dhufan baay’ee waliin kan isa wal barsiise yoo ta’u, namoota qunnamuu hundaa irraa waan innidhaga’u haqa barbadaaf dhaaddachaa fuula duratti dhihaatanii haqa barbaadaaf dhaaddachaa fuula duratti dhihaatanii haqa osoo qabanii sanyiin looginsa ta’u yeroo hubachaa deemu, jibbiinsi sirna sanaaf qabu jabaachaa hawwii inni falmaaf qabu ol ka’aa deeme.

Akeeka isaa fiixaan baasuufis umanni Oromoo bifa kamiinuu of ijaaruu fi ijaarsa sanaan tokkummaan falmii gochuu akka qabu waan itti amaneef hayyama mootichi Hayilasillaasee uummanni of ijaaruu danda’a jedhee baasetti dhimma bu’aan namoota yaada akka isaanii qaban waliin ta’uun bu’ureffamni Waldaa Maccaafi Tuulamaa mirkana akka ta’u taasise.

Akkuma beekamu yeroo sanatti waldoonni Walgargaarsaa Maccaafi Tuulamaa maqaa fi qaama lama ta’ee beekamullee waldoonni Kun lamaan bakka tokkotti walitti dhufee maqaa tokkoon “Waldaa Maccaafi Tuulamaa” jedhamee akka beekamuuf namoota taasisan keessa Obbo HaayilaMariyaam Gammadaa isa tokko akka ta’e namoonni baay’een dhugaa ba’uuf.

Waldaan kunis seeran galmaa’ee qaama hojii gaggeessituu yeroo yeroo filatus Obbo HaayilaMariyaam Gammadaa barreessaa Waldichaa ta’uun filame. Yeroo sana ka’ees Waldaa Maccaafi Tuulamaa bifa lamaa qabatee irra keessa walgargaarsa keessaan ammo dhaaba bilisummaa sabaaf falmu utubame kana jabeessanii gad dhaabuuf, yeroo isaa irra guddaa aarsaa itti godhe heera fi seera waldichaa bareesse. Odaan sirna Gadaa keessatti bakka inni qabus gad fageenyaaan irratti qorate ibsuunis Odaa asxaa Waldichaa akka ta’uuf kan yaada dhiheessee fi raggaasise ture.

Haa ta’u iyyuu malee sochiin isaa kan hin gammachiifne, mootichi yeroosii Hayilasillaaseen namootni Oromoo hin taane waldaa kana kessa seenuun akka basaasaniif namoota baay’ee itti misoomsise. Obbo HaayilaMariyaam Gammadaa, yeroo hojii mootummaarra tures ta’e sana booda hojii dhuunfaa hojjatu sana irratti qondaaltota mootummichaa baay’ee waliin dhimmoota Oromoo fi seenaa isaa ilaallatu irratti karaa addaa addaan walitti bu’aa waldura dhaabbachaa turuun isaa hojii Waldaa Maccaafi Tuulamaa hojjachaa jiru keessatti Mootummicha biratti ija shakkiin akka ilaalamu karaa kan saqe ture. Itti dabalees,Obbo HaayilaMariyaam Gammadaa uumamaan nama waan argeefi taajabe soda tokko malee utuu itti hin fakkeessin fuula duratti dubbatuu fi barreessu waan ta’eef haalli uumama isaa kunis hordoffii mootummaa akka isaa irraa hin fagaanneef sababa itti dabalaa akka ta’etu himama. Fakkeenyaaf, Obbo HaayilaMariyaam Gammadaa ogummaa qabuun Mana paatriyaarkaa (Qeesii Guddaa warra Ortodoksii) ijaare isa yoo ta’u, eebba mana kana irratillee haasaa akka taasisuuf mootichaan kan afeerames isuma ture. Obbo HaayilaMariyaamis haasaa isaa kessatti …yeroo jalqabaaf manni paatriyaarkii biyya kanatti ijaaramuu isaatiif baga gammaddan jedhe… “garuu haasaa isaa hundaarraa jechi isaa …Mana Paatriyaarkaa yeroo jalqabaaf biyya kanatti ijaaramuu isaaf baga gammadan jedu kun Haayilaasillaasee guddaa aarse. Sababni isaas Itoophiyaan biyya Kiristaanaa sanuu kan umrii waggoota kuma sadii qabduudha jedhamaa, isa kanaanis Biyya alaa irraa gargaarsa argachaa, amma manni kun ijaarame inni jedhuu fi ergaa dhaamsa kana keessa inni dabarfachuu barbaade mooticha Haayilasillaaseef galeefii ture.

Kanatti dabalees, bara 1942tti barreeffamni (Kitaabni) ‘Zikkira Nagar’ jedhamu Bilaattaa Maateme Silaasee nama jedhamuun barreeffamee ba’e keessatti waa’ee Oromoo barreeffamee ture. Cuunfaan dubbichaas Gaallaan (Oromoon) Biyya kana keessatti akka hin dhalatnee fi akka saba Itoophiyaa (Habashaa) kaanii mirga biyya kana keessatti hin qabne, akkasumas Oromoon akka Ciisanyaa (gabbaaritti) malee, seera namummaa guutee hin ilaalamu kan jedhu ture. Barreeffamni kunis karaa Obbo HaayilaMariyaamiin deebiin quubsaan itti kennamee ture. Deebiin itti kenname sunis, abbaa biyyummaa Oromootiif Itoophiyaan mataa ishee irra guddaan ummata Oromoo ta’uu isaa bal’inaan kan ibsu dhaamsa guddaa dabarseef. Haalli akkasii yeroo sanatti waan hin beekamneef dubbichi nama kitaaba kana barreessefi qondaaltoota mootichaa baay’ee kan rifachiisee fi aarsee ta’ellee, ummata Oromoo birratti fudhatama guddaa kan argate akka turetu dubbatama. Yeroo adda addaa kan gaafatamaa ture yoo ta’u, kana keessaa yeroo tokkos gaaffii adda addaa kan gaafatamaa ture yoo ta’u, kana keessaa yeroo tokkos gaaffii armaan gadii gaafatama ture.

“Waldaa Maccaafi Tuulamaa jedhame kan beekamu waldaa walgargaarsaa tahuun isaa hafee gara siyaasatti jijjiramaa jiraachuu isaa bira geenyee jirra, osoo mootummaa (nuti) jirru mootummaa biro ijaaruu fi nuun fonqolchuuf deemaa jirtan’’ ittiin jennaan:

Kabajamoo mootii biyyaa! Nuti kanhojjetne kan akka mana barumsaa, Mana yaalaa fi daandii konkolaataati. Kana hojjachuun keenya immoo, akkan yaadutti hojii silaa mootummaan hojjachuu qabu ture.Karaa keenyaan nuti mootummaa kessan gargaaruu male, farra mootummaa hojjachuutti hin fudhatnu” jedheen.Yeroo deebii kana nugusichaaf keennutti sodaan ykn gad-aantummaan dhi’atamaa waan hin turreef haaraa itti tahe kunis mufachiise.Akkasuma ta’ee garuu yeroo sanatti mootichi Obbo Hayayilamariyaam irratti balaa qaqaabsiisuuf hin sangateeffanne.Irra caalayyuu ofitti butuun dhimma itti ba’uuf saganteffatan.

Haala kanaanis hojii mootummaatti deebi’ee mindaa fi itti gaafatamuummaa guddaa akka qabaatuuf xalayaa ittiin ajeja ture.Hojii isaa sunis itti gaafatama abbaa seeraa fi qeeyee mootummaaf ammo seera gorsituu ta’ee akka dalaguuf ture.

Muudamni kunis maalif akka ta’e, Obbo Haayilamariyaamiif galuufif yeroo itti hin fudhanne ture. Yeroo gabaabaaf erga hojjateen booda fedha isaan hojicha gad lakkisee ba’uun yeroo isaa guutummatti ijaarsaWaldaa Maccaafi Tuulamaa irratti dabarsuu jalqabe. Haa ta’uyyuu malee yaada isaa kan bakkaan ga’uuf hin milkoofne.Hojii isaa gad lakkisee yeroo muraasa booda hidhattoota mootummichaan mana fuudhamee man hidhaatti darbatame. Qabeenya isaas maqaa Idea baankiin horii hin taanetti gurguruun mormitootni isaa akka qircatan taasisanii, maatii fi qeeyee isaa dirree gubbaatti rakkinaaf gad lakkisan. Mana hidhaa sana keessattis dararama qaamaafi qalbiin irra ga’aa tureen erga dadhabeen booda manatti galee haa du’u jechuun yeroo lubbuun isaa ba’u geessu manatti galchan. Mana ga’ees bultii muraasaa qofa erga tureen booda darbe.

Utuu hin du’in dhaamsa inni maatii, hiriyyootanii fi ummata Oromoo maraaf dabarses ilmi isaa Obbo Adaal Haayilamariyaam Maxxansa Madda Walaabuu Lakk.1 Gurraandhala 1993 b’e waliin gaaffii fi deebii gaggeessee tureen akkas jedhan jedhe:

‘Ijoollee kiyya abbaan keenya du’e jettanii hin gaddinaa.Bakkaa dhugaa dhaabbadhee, dhugaa dubbadheen du’e.Ani abbaan keessan gabra ta’ee, gabra guddisuu irra jedheen isinis rakkisee ofiikoofis du’e.Duuti Kiyya du’a gootaa ti. Kanaan si’achitti dubbiin Oromoo warra gabroomfataatti bofa hudduu lixxe itti taati.Bofti hudduu lixxe, yoo harkisan ni citti, yoo dhiisan ni lixa’ jedhan turan.

Maddi: Barruu GOOTAA OROMIYA

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: