FOR BETTER OROMIA

SEENAA JIREENYAA AADDE TSAHAAY TOLASAA (1931-2014)

Aadde Tsahaay Tolasaa, namoota fiigicha jireenya hafuuraa isaanii keessatti gatii gurguddaa kan hin irraanfatamne baasan keessaa tokko akka taate beekamaa dha. Abbaa ishee obbo Tolasaa Boruu fi harmee ishee aadde Do’ii Qinaaxxii irraa bara 1931 naannoo magaalaa Naqamteetti kan dhalatte Tsahaay Tolasaa, jireenya ishee keessatti gidiraa gurguddaa dabarsuu kan eegalte ijoollummaa ishee irraa jalqabdee turte. Abbaan ishee obbo Tolasaa Boruu waraana Xaaliyaaniif dirqisiifamee utuu hojjetuu summii nyaachifamee yeroo jalaa du’ee kaasee jireenyi maatii isaanii balaa irra bu’e. Haati Tsahaayfaa ijoollee ishee hundaaf akka abbaa fi haadhaa taatee yeroo murtaa’eef isaan guddistullee, dhukkuba daddarbaa yeroo sana ganda isaanii weeraree—taayifesiidhaan—Tsahaay mucaa waggaa 8 taatee utuu jirtuu ijoollee ishee bakkeetti dhiiftee jalaa duute. Yeroo kanaa eegalee gargaarsa ergamoonni Wangeelaa Siwidin ishee fi obboleessa isheef taasisaniin doormii mana barumsaa waldichaa seenanii barnoota ishee hanga kutaa 6ffaatti barachuu dandeesse. Boodas mana hidhaa keessa utuu jirtuu barumsa ishee itti fuftee kutaa 12ffaa xumurteetti.

Buufata Ergamoota Wangeelaa sana keessa utuu jirtuu ture, yeroo jalqabaaf dargaggoo meetira 2 dheeratu—kan booda abbaa manaa ishee ta’uuf jiru—Guddinaa Tumsaa waliin kan wal argite. Lachuun isaaniis wal fuudhanii ijoollee horuudhaan, waggootaaf waliin jiraachaa turan.

Aadde Tsahaay Tolasaa, gaa’ela erga qabattee boodas yoo ta’e, qorumsa gurguddaa dabarsiteetti. Isaan kana keessaa muraasa qofa ibsuuf:

  1. Guddinaa Tumsaa waliin wal fuudhanii, mucaan isaanii inni angafni—Amaanu’el kan jedhamu—daa’imummaa isaatti du’aan maatii irraa adda ba’eera.
  2. Mucaan isaanii kan biraan—Lateeraa Guddinaa—umrii waggaa 17 tti du’aan isaanittii addaan ba’eera.
  3. Kiristoosiif jedhanii yeroo adda addaatti dararama guddaa dabarsaniiru.

Barreessaa walii galaa Waldaa Makaana Yesuus Itoophiyaa kan ture, Lubni Guddinaa Tumsaa deddeebi’ee hidhamuu fi gidirfamuun isaa, haadha manaa isaa Tsahaay Tolasaaf qorumsa guddaa ture. Dhuma irratti, Adoolessa 28, bara 1979 Waldaa Makaana Yesuus Uuraa’elitti, sagantaa Qo’annaa Macaafa Qulqulluu irratti tajaajilee erga raawwatee booda, haadha manaa isaa wajjin gara manaatti deebi’aa utuu jiranii, humna waraanaa mootummaa Dargiidhaan butamee fudhatameera. Guyyaa kanaa eegalee maatii isaa ijaan hin argiin hafuudhaan, sun ta’ee waggoota 13 booda, mootummaa Dargiidhaan akka ajjeefame baramee, reeffi isaa bakka itti awwaalamee baafamee, Waxabajji 27 bara 1992 kabajaan awwaalameera. Taateen kun, aadde Tsahaay Tolasaa fi ijoollee ishee hundaaf akka malee ulfaataa ta’uurra darbee, hawaasa Luba Guddinaan tajaajilaa ture hundaaf, oduu baay’ee gaddisiisaa ture.

Kun hundi ta’ee utuu jiruu, itti dabalaan, Lubni Guddinaa amantii isaaf wareegamee ji’oota ja’a booda, Guraandhala 2, 1980, humni waraanaa Dargii Tsahaay Tolasaa qabee mana hidhaa galche. Abbaa fi haadha malee kan hafan ijoolleen isaanii, ni bittinna’an. Filannoo biraa waan hin qabneef, isaan biyyoota adda addaatti imalanii jiraachuuf dirqaman. Guyyaa sanaa eegaltee aadde Tsahaay Tolasaa—Kiristoosiif jettee—mana hidhaa sana keessatti waggoota kudhan guutuu, dararama suukaneessaa dabarsite.

Turtiin mana hidhaa sun hammam hadhaa’aa fi rakkisaa akka ture, seenaan ni ibsa. Kutaa xiqqoo tokko keessatti namoota 62 waliin hidhamtee, taa’uu fi rafuu waan hin dandeenyeef, yeroo dheeraa dhaabbiidhaan dabarsiteetti. Achi keessatti hamma lafeen mormaa ishee cabutti gara jabina guddaadhaan reebamteetti. Waggaa fi ji’a tokkoof, walitti aansitee kutaa dukkanaa’aa qilleensi seenuu hin dandeenye keessatti hidhamuun ishee, iji ishee hamma dhumaatti rakkina akka qabaatu taasiseera. Miilla ishee diriirfachuu hamma dadhabdutti lafeen ishee caccabeera. Reebichaa fi gidirfama sana irraa kan ka’e dhukkuba gurguddaaf saaxilamtee, mana qorichaa deemtee yaalamuuf garuu, carraa dhabdeetti.

Mana hidhaa sana keessatti, wanta irra ciistu kan argatte hidhamtee yeroo dheeraa booda waan ta’eef, yeroo dheeraa lafa dilallaa’aa irra ciisteetti. Barreeffamoota lubni Guddinaan barreesse akka isaanitti kennitu, maallaqa qaban galii akka isaaniif taasiftu, namoota Guddinaan qunnamaa ture akka isaanitti himtuuf jecha, harka ishee dudduubatti hidhanii fannisanii reeban . Guyyaa inni fannifame sana Gooftaa Yesuusitti akkuma ga’isan, loltoonni Tsahaayittis ga’isanii, “Mee Yesuus kee dhufee si haa gargaaru kaa!” jedhanii, daran gidirsaniiru. Rukkuttaa gurguddaa ishee irratti raawwatame irraa kan ka’e, hamma dhumaatti kaleewwan ishee haalaan hojjechuu hin dandeenye. Namoonni haala sana keessatti ishee argan hundi, gadda guddaa irraa kan ka’e boo’aa turan. Aadde Tsahaay afaan isheetiin akkana jetteetti, “Gidiraa sana hundumaa keessatti waan fedhe ta’ullee, yeroo hundumaa Yesuus natti dhiyoo, dhiyoo akka jirun hubadhe!”

Dhiphina hamma sana ga’u yeroo dabarsite aadde Tsahaay Tolasaa, gooftaa kadhachuutti booddee deebitee hin beektu. Haaluma sana keessatti, hidhamtoota isaan kaaniif Kiristoosiin dhugaa baatee, isaaniif kadhattees namoota hedduu gara fayyinaatti fiddeetti. Yeroo sana Macaafa Qulqulluu baatanii argamuun, adaba guddaaf kan nama saaxilu ta’ullee, isheen garuu namoonni nyaata isheef geessan meeshaa nyaataa sana jala dhoksanii, Macaafota Qulqulluu akka isheef fidan taasisuudhaan, namoota hedduuf Macaafa Qulqulluu hirteetti. Akkasummaas luba Biraanuu jedhamu waliin hidhata godhachuudhaan, dhiirota mana hidhaa jiraniif Macaafa Qulqulluu ergitee, namoota hedduu biraan Wangeela geesseetti. Ofii dararamaa fi gidiraa guddaa dabarsaa, namoota itti dukkanaa’e hedduuf immoo, sababa fayyinaa ta’uu dandeesseetti. Yeroodhuma kana keessa, dhukkubni daddarbaan koleeraa fi TB’ n ka’ee, namoota hanga 900 ta’an yeroo fixu, heyyama addaa baafachuudhaan gara kutaa warra dhiiraa seentee, tajaajila fayyaa laachaa akka turte, namoonni dhukkuba kanaan qabaman hedduun dhugaa ba’aa turan. Akkasumas dubartoota qalbiin isaanii darbe, mana hidhaa keessatti tajaajila addaa kennaafii turteetti. Turtii ishee waggaa 10 keessatti, dubartoota ulfa ta’anii hidhamanii turan 57 deessifteetti, ijoollee xixiqqoo hedduu mana hidha keessatti dhalatan guddisteetti. Gocha isheen gochaa turtee irraa ka’uudhaan, yeroo isheen walaba baatee hidhaa irraa hiikamtu, namoonni mana hidhaa keessatti hafanii fi poolisoonni mana hidhaa sanaa gadda guddaadhaan: “Maaltu nu sooraa? Maaltu nu barsisaa?” jechuudhaan hedduu boo’aa turaniiru . Mana hidhaadhaa erga baatee boodas bu’uura isheen lafa keesseen, hanga har’aatti tokkummaan obbolootaa Prison Fellowship jedhamu akka hundaa’uuf sababa taateetti.

Namoonni mana hidhaa sanatti dararamaa turan hedduun akka ishee biraa du’an yaadattee, ofii ishee garuu gargaarsa gooftaan du’a irraa akka oolte, akkana jechuun jecha afaan isheen ibsitee turte: “Sana hundumaa keessatti kan na gargaare Gooftaa koo akka ta’e beekeera. Utuu inni na hin gargaarre ta’ee halkan hadha’aa, dukkana’aa sana keessa darbuu hin danda’un ture. Isaan qaama koo qofa miidhuu danda’an. Lubbuu koo garuu tuquu hin dandeenye. Lubbuun koo harka Gooftaa keessa jirti!”

Maalummaa Kiristaanummaa haalaan kan hubatte, gootni Wangeelaa aadde Tsahaay ittuma fuftee akkana jette: “Kiristaana ta’uun gidiraa fudhachuu jechuu dha. Kiristoos nuuf dhiphateera. Gooftichi erga dhiphatee, duuka bu’oonni isaas sanarraa waan adda ta’e eeggachuu hin qaban. Ani isa duukaan bu’e.”

Waggoota 10 mana hidhaatti dararamaa turte sana keessatti, waa’ee abbaa manaa ishee isa ukkaamfamee fudhatamuudhaan achi buuteen isaa dhabamee, akkasumas waa’ee ijoollee ishee warra jalaa bittinna’anii—waa’ee Kuulanii, Aster, Leensaa fi Amantii yaadda’aa turte. Guyyaa tokko mana hidhaa sana keessaa baatee, abbaa manaa ishee waliin akka wal agartus abdachaa turte. “Abdii kutuu hin barbaanne!” jettee isa kana ibsiteetti.

Guyyoota dukkanaa sana hunda keessatti, ejjennoon isheen du’aaf qabdu ajaa’ibsiisaa kan ture aadde Tsahaay Tolasaa, yoo duute gara gooftaa ishee akka deemtuu fi, sanaaf immoo qophooftuu akka turte seenaa isheerraa hubachuun ni danda’ama. Obboloota gooftaatti turan, kan ishee wajjin hidhamanii turanis yaaduma kanaan jajjabeessaa turteetti. Ergamaan Phaawuloos ergaa isaa warra Filiphisiyuusiif barreesse keessatti, duuti bu’aa isaa akka ta’ee fi, Kiristoos immoo jireenya isaa ta’uu isaa akkuma ibse, aadde Tsahaay Tolasaas ilaalcha akkanaa qabdi turte. Raawwattee du’a kan hin sodaanne, ittumaa isa isheef jedhee lubbuu isaa kenne Kiristoosiin simachuuf dheebuu guddaan keessa ishee akka ture hubachuun ni danda’ama.

Aadde Tashaay, kitaabashee bara 1990 keessa afaanota Awurooppaa adda addaa 11-n maxxanfamee ba’e keessatti, cimsitee waamicha wangeelaaf Gooftaa biraa qabdu dubbatti. Ergamaa Wangeelaa biyya Siwidinii Luba Baakluundi jedhamu wajjin, baadiyyaa naannoo Naqamtee keessa jiran keessa deddeemtee, waldoota bu’uuressaa turteetti. Dhaala lafa-bunaa warra ishee irraa argatte, waldaan akka irratti bu’uureffamtu laachuudhaan, bal’ina Wangeelaa naannoo sanatti adeemsifamaa ture keessatti, shoora guddaa gumaachiteetti.

Jaallalli Yesuus Kiristos keessa ishee guutee irraa dhangal’ee jennaan, akkana jettee Waaqayyoof kakuu galte –“Mucaa angafni koo yokaan abbaan manaa koo luba ta’anii si haa tajaajilaniif siif kenneera.” Seenaan Luba Guddinaa Tumsaa, wareega sana keessaa madda. Gaafa filannoon ogummaa qorichaa barachuu isaaf dhiyaate, “Lakki wareegan qaba, Luba taata” jettee tajaajila yeroo guutummaatti kan isa jajjabeesse ishee dha.

Waldaan baroota booda qe’eeshee keessatti bu’uureffamte—bu’aa kakuu mana hidhaa keessatti, Gooftaan abjuun itti mul’atee isheef kakateeti. Dukkana limixii keessa, ija aduu otuu hin argiin iddoo isheen ji’oota 13-f hidhamtetti, iddoo reebicha hamaa irraa kan ka’e qaamni ishee madaa’ee raamma’etti, iddoo dilallaa’aa isheen uffataaf afata hin qabnetti, achitti Yesuus itti mul’atee, gaaf tokko hidhaa keessaa ishee baasee qe’ee waldattiin keessa dhaabattee jirtu akka isheef kennuu itti dubbate. Kakuun sun dhiibuu du’aa keessatti, waggoota 10 guutuu mogolee ta’ee ishee jiraachise.

Mana hidhaa keessaa baanaan obboloota kadhatan wajjiin, halkaniif guyyaa kadhachuu itti fufte. Warri bara sana ishee waliin kadhachaa turan yeroo ragaa ba´an, “Mata dureen ishee har’aa fi borii manni koo mana kadhannaa akka ta’u …” kan jedhu akka ture ibsaniiru. Abbaan kakuu yaroon isaa yeroo ga’u kakushee raawwateefii, waldaan Amantoota Biiftuu Bolee Makana Yasus qe’eeshee keessatti bu’uureffamte. Sagalee afaan Raajicha Isaayyaasiin dubbatame, waldaan kun ittiin haa geggeeffamuuf jettee isheen kennite akkas jedha:

“…Ifti kee dhufeera! Ulfinni Waaqayyoos siif ba’eera! Ka’ii ibsi!

Tsahaay TBu’aa mixuu fi gidiraa bara dheeraa ta’ee akkuma hawwii isheetti, waldaan Biiftuu Boolee dachaa fi gaarreen Oromiyaa irra dabartee, addunyaa irratti ifaa jirti. Hawwii fi abjuun Aadde Tsahaayi Tolasaas, dhaloota haaraa kumaa fi kitila keessaan galma ga’aa jira. Jireenya ija danuu naqate kanaaf hin boo’amu, hin gaddamus! Ni hawwama, ni ayyaaneffama malee!

Walumaa galatti, mana hidhaa keessa turtii waggoota kudhanii booda, Fulbaana bara 1989, haala nama ajaa’ibuun bilisaan gad dhiifamtee, gara manaatti deebiteetti. Abbaa manaa ishee Luba Guddinaa Tumsaa deebitee ijaan arguuf carraa dhabdus, ijoollee ishee isaan kaan waliin, hamma guyyaa itti lubbuun ishee gara gooftaa deemtee kanatti, jiraachaa turteetti. Jaarmayaan ‘Gudina Tumsa Foundation’ jedhamu kan ijoollee isheen hoogganamuun yeroo hundeeffames bu’uuressitoota keessaa tokko ta’uudhaan shoora ol-aanaa taphatteetti. Gumaacha ol aanaa jaarmayaa kanaan saba isheef taasifame argitees itti gammaddeetti.

Gidiraa isheen wangeelaaf jettee fudhatte, dararama isheen amantii ishee eeggachuuf ittiin miidhamte, gatii guddaa isheen baafte hunda, seenaan ni yaadata. Kitaabni seenaa jireenyaa ishee guutuu qabate, kan jalqaba afaan Noorweyiin barreeffamee amma immoo gara Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, fi Afaan Ingiliziitti hiikames, yeroo gabaabaatti maxxanfamee dubbiftoota ni qaqqaba. Achi irraas dhaloonni seenaa guddaa isheen dabarsite wal harkaa fuudhee dubbisa. Seenaan sammuu qaba—hamma dhumaattis aadde Tsahaay Tolasaa ni yaadata!

Advertisements

2 thoughts on “SEENAA JIREENYAA AADDE TSAHAAY TOLASAA (1931-2014)

  1. Ah… Maal jenneree Seenaa imaana guddaan karaa Isaanii nubira ga’e kun galmaga’insi isaa karaa keenya ta’uu qaba. Sanyiin karaa isaanii faca’ee guddates ija naqachuu qaba.

    Galfata Hin Balleesinu……

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: