FOR BETTER OROMIA

SeenaaTaayyee Tafarraa Guumaa (1948-2008)

Obbo Taayyee Tafarraa, abbaa isaa Obbo Tafarraa Guumaa fi harmee isaa adde Caaltuu Birru irraa, Onkoloolessa 15, bara 1948  koonyaa Waajetii Suphee, aanaa Gimbii, Oromiyaa lixaa keessati dhalatee. Obbo Taayyeen Tafarraa Obbolaa afur qabu. Isaaniis: obbo Biraasaa Tafarraa, obbo Gizaawu Taasisaa, adde Tsahaayi Taasisaa fi addee Zawudituu Taasisaa ti.

Ob Taayyee Tarraffaa (_1948-2008)
Ob Taayyee Tarraffaa (1948-2008)

Mana barnootaa kutaa duraa, Harrojjii Hagamsaatti jalqabee, Aqaaqii Advetist Missionitti, bara 1964 tti raawwate. Barnoota isaa kutaa ol’aanaas, Aqaaqiidhaa fi  Kuyyeeraa Advetist Seveth day Mission High School ti raawatee,  bara 1968 eebifame. Mana barnoota kutaa ol’aanaa erga raawwatee booda, obbo Taayyeen ministeera community development keessaat social worker  ta’e  hojjetaa ture. Akkasumaas Hospitaala Zawudituu, John Hanson fi Coesfeld pharmaceautical company  keessa hojjeteera. Hojiidhuma issa kana waliin mana barnoota galgalaa Haile Selasse University seenudhaan bara 1970 diploma social work tiin ebifame.

Obbo Taayyeen yeroodhuma mana barnoota ol’aanaa ture sana cunqursaa mootummaan abisiniyaa Ummata Oromorraan ga’aa jirurratti dammaquudhaan bara 1968 dhaba Maccaa fi Tuulamaa keessatti miseensa ta’e. Yeroodhuma sanas sochii barattoota Haile Selassee university baalallee (leaflets) mormii sirna abba lafaa fi imperial monarchy maxxansuu fi facaasuu irratti gargaaraa ture. Kunis kufaatii Haile Selasetii fi dhidhima sirnasaatiif  kan qooda buusan keessaa tokko. Qabsoonsaa kunis akka inni basaastota (security) habashaatiin qabamee akka hidhamu isa godheera.

Bara 1971 akkuma mana hidhaatii baheen biyyaa baqatee guyyaa saddet milaan deemee Sudaaniin erga ga’ee booda  hanga bara 1972 akka baqataatti achi jiraate. Yeroodhuma kana keessa university Khartoumiin seenee ture. Bara 1972 Pan African Movement university Khartoumitti miseensa ta’e. Akkuma kanaan duraa qabsaawaa ta’uun isaa mootummaa Sudaani itti kaase. Haalli kun waan hammachaa adeemeef Sudaaniin dhiisee kooluu gafachuuf gara Bulgaria deeme.

Dirree Xiyyaraa magaalaa Sofia hugguu inni ga’u securitiin meeshaa isaa barruqaba(document) hunda waliin irra fudhatanii, mootummaan Bulgaria fira mootummaa Ethiopia kan ta’ee kooluu galchuu didee karaa Kairo dirqiin(deport) Sudanitti deebiseen. Sudaaniniis gara Kairoti deebise, mootumaan Egypt ammoo halkanuuma sana gara Syriatti darbateen. Mootummaan Syrias gara Sweden (Stockolmitti) dabarseen achiis gara Berlin Bahatti ergame.  Borumtasa halkaniin Barlin lixxaa buusan. Namni gara Diakonie Morgenlandische Missioniitti geesseenii achiitti baka bultiif waan nyaataa argachuudhaf mana qulquleesaa ture. Yeruma kana keessa kooluu gaafatee bara 1973 akka baqataatti fudhatame.

Afaan Germanii erga baratee booda bara 1973-1974 Krone and Albrecht KG keessa  hojjete. Bara 1975 American university of Maryland Berlin keessatti criminology barate. Baruma sanaa keessa aadde Atster Gammadaa wajjin wal fuudhan. Abbaa manaaf haadha manaa hedduu wal jaalatan irra darbee qabsoo Oromoo kan bilisummaa keessatti garee jabaa ta’an. Wali wajjiniis intala durbaa Waajetii dhaafii ilma isaanii Abbichuu godhatan. Obbo Taayyeen baqataa ta’ee Berliniin guyyaa seenee jalqabee utuu of hin qusatin walqixxummaa, haqa dhala namaa fi mirga sabasaatiif (Oromoof) hojjetaa ture. Waan kanas bakkaan  gahudhaaf kutanoodhan jireenya isaa kenne.

Obbo Taayyeen karaa namoota beekuu fi firoota isaa warra mediyaa,  ijaarsolii(Partiilee)) politika  keessa jiranii fi political activistii biyya German keessumaayyuu warra Magaalaa Berlin jiraniin waa’ee qabsoo bilisummaa Oromoo akka addunyaan beektu warra taasisan keessaa tokko ture.  Waldootii amantii fi garee politikaa wajjin hojjechuudhaan haalli baqataa Oromoo akka hubannoo argatu tasiise.

Bara 1974-1976 Obbo Taayyeen hammina mootummaa abbaa irree dergii Ethiopia saaxil baasuudhaaf sochii barattoota Ethiopia waliin hojjechaa ture. Bara 1977 keessa warra  Tokkummaa Barattoota Oromoo Awurooppaa(TBOA) dhaaban keessaa obbo Taayyeen tokko ture. Akka miseensa TBOAttis adda bilissummaa Oromoo kan mootuumma dargii lolaa ture, deggeeraa fi waliin hojjechaa turan. Kana malees ammoo yeroo jalqabaatiif warra pan African movement dhaaban keessa ture. Bara 1978 obbo Taayyeen namoota akka aadde Briggitte, Axel Klapoth, Dr. Thomas Zittelmann fi frotasaa Germaniif Oromoo ta’an waliin “Oromo Human rights organization” dhaban. Bara 1979 waldaan gargaarsa Oromoo (ORA) Khartoum/Sudaan keessatti yeroo dhaabate deggeeraas waliin hojjechaas ture.

Baruma kana keessaas hiriira  adda addaa qindeesuudhan namoonii Oromoo mana hidhaa keessa turan warra akka Qees Guddinaa Tumsaa, aadde Tsehaayi Tolasaa fi Naimat Iisaa akka hiikaman gaafacha turan. Maraa hedduu guyyaa ayyana waldaa kristaanaa Germanii irratti namoota argamanirraa malateessa kumaan lakkaawamu funaananii waajjira Mangistuu fi Embasy adda addaatti erguudhaan namoonni hidhaa jiran akka hiikamaniif gaafachaa turan.

Obbo Taayyeen namoota haccuuccaa mootuummaa Ethiopia fi biyyoota kara baha Awurooppaa jala baqatan gargaaraa ture. Hojiisaa kana irraan kan ka’e  mootummaa Ethiopia irratti, sodaa guddaa waan uumeef, bitootessa 21 bara 1982  obbo Taayyee fi  Rev. Dr. Gunnar Hasselblatt, nama mirga saba Oromoof keessumaayyuu baqattootaaf  falmaa, warra haqa dhala namaa irra ejjetan dura dhaabacha ture,   ajjeesuuf motuummaan sun bliqistoota (assassination commando)  magaalaa Berliniitti itti erge.

Bilqisitooti kun kara Berlin bahaa seenanii baka awutobusiin dhaabatu, mana obbo Taayyeefaa bira shugguxii sagalee hin qabne hidhatanii eegan. Battala sanatti obbo Taayyee, warra manaa isaa fi ijoollee isaa lamaan ta’anii hugguu dhufan, bilqisituun isatti dhukaasuuf ajajamee ofiis abba ijoolee waan ta’eef, ijoollee obbo Taayyee argee yaada jijjirrate. Borumtaasaas embassiin Ethiopia gara Berliner Missionswerk lafa waajjiri obbo Taayyee jirutti boombii erguudhaan ajjeesisuu murteese.  Bilqisitoot lamaan bombiisaanii hotela Damus jedhamu keessati qophefatanii adeemuuf uggaa jedhan bombiin harka lafa dhoftee dhuka’uudhaan isa tokko ajjeeste. Inni lammaffaan guddoo madaa’ee ijji jaamee, naafatee lubbun kan hafee bara 1992 televisionii Ethiopia irratti ergama(mission) isaanii sana guutumaatti himee ture.

Kunis kan agarsiisuu Berlner Missionswerk fi Barreessaan isa kan gaafaa Afrika Dr. Hasselblatt, mootummaa dargiitiin hammam akka sodaatamaa fi jibbamaa tureedha. Bara 1984 obbo Taayyeen geggessitoota TBOA warra akka Makuriyaa Bulchaa, Aster Gammadaa, Tasfaayee Alamuu, Fissahaa Gannatii fi Kuulanii Guddinaa waliin ayyaana waggaa kurnaaffa TBOA Qopheesan. Baruma sana warra Somalia, Sudan fi Ethiopia keessatti beelaan gaaga’amaniif horii buusii (DM 34.000) walti qabanii ORAf ergan.

Akkasumas obbo Taayyeen tajaajila(service) Baqattootaaf hedduu barbaachisaa ta’an kennuudhaaf Nomoota akka Dr. Gunnar Hasselblatt, Mr. Peter Niggli, Mr. Manfred Voegele, Mr. Fredrich Grün, Frau Fraucke Hoyer, Mr. Tom fi Ms. Ritta Venste, Rev. Gerd Decke, Dr. Rheinhard Kees fi Ms. John (itti gaafatamtuu waayee nama alagaa waliin hojjechaa ture. Warra African council Berlin keessatti ijaaran keessa tokko ta’uudhan obbo Taayyeen namoota alaa(migrants)  magaalaa Berlin jiran giddutti waldhagetti uumuudhaaf koree migrants(Migrationsrat), koree baqattootaa(Flüchtlingsrat) waliin hojjecha ture. Ijaarsaa barattootaa Technische Universität, Freie Universität fi akka miseensaattis wara  Social democratic party(SPD) waliin hojjecha ture. Warra isa gargaaranii fi jajjabesanii hojiisaa kan akka inni fiixaan baasuu  taasisan yeeroo hundumaa galata galchaaf ture.

Bara 1984/1985 TBOAn dhaba Caayaa ABO waan ta’eef obbo Taayyeen Oromoota hundumaa waliin hariiroo cimaadhaan hojjetee qabsoo saba Oromoo akka jabaatu tatafachaa ture. Akka miseensa Adda Bilisumma Oromoottis sagalee bilisumma Oromoo(SBO) hojii isa erga jalqabe kaasee achi keessaa hojjechaa ture. Gargaarsa mootummaa Magaalaa Berlin(Senate) fi Berliner Missionswerkiitiin Oromoo Horn of Afrika center Berlin keesaat dhaabe. Waltajjiin kunis wagga 20 oliif bakka itti  baqattootni da’oo fi gorsa argatan ta’e. Bara 1989 mana bunaa Olyaanaa Oromo Cafe jedhamu  Ali Ahmed ( Ali Olyaanaa  ) irra fudhee baka namoonii biyyaa adda addaa itti wal argan gegeessaa tureera.

Bara 1990 yeroo jibbi nama alaa irratti bayyachaa adeeme, obbo Taayyeen racismii fi miidhaan mormuudhaaf murteefate. Bara 1995 kaasee, Ijoollee xixiqqoo mana barnootaa jiran, irra deemee sababa namootni biyyaa baqatanii as galaniif, jibbaa fi miidhaa isaan irra gahu barsiisaa turee. Bara 1998  jalqabee, mana barnoota police keessati kana irrati hojjetaa ture. Hojii guddaa inni hojjetaa ture keesaa tokko, jibba  gosumaa warra adeemsisan dura dhaabachuu turee. Garee kubbaa milaa fi warra taxi oofan waliin hojechuudhaan, isaanif namoota alaa gidduti wal’dhageetiin akka argamu carraaqaa ture. Bara 2004/5 miseensa koree   gegesituu Migration Kommittee fi miseensa koree Afrika ture. Obbo Taayyee Tafarraa, nama nandadhabe osoo hinjedhin, halkanii fi guyyaa hojjetuudha. Waan fuulleeffatetti humna isaa qusatee hinbeeku. Dhuma Guraandhal 2008 dhukkubsatee  dadhabbiin itti dhagahamuutti  kahe. Bitootessa (March) 10, hospitaala seenee   yaalii guddaa warri haakimaa  godhaniif. Dhukkubnisaa waan itti cimeef obbo Taayyee Tafarraa Ebla 04, 2008 addunyaa kanarraa du’aan boqote. Sirna awwaalcha obbo Taayyee Tafarraa biyya Jarmanii magaalaa Barlinitti Ebla 12, 2008, bakka maatiin isaa firoottansaa, hiriyonni fi ummatni dhibba heddutti laakkaawaman argamanitti raawwate.

Obbo Taayyee Tafarraa jireenya  qabsaawaa waggaa  40 irra diriiruun jiratee, namoota kumaatamaan lakkaawamaniif jijjiirama hedduu fideera. Namoota isa waliin hojjetaniifis humna ta’uudhaan dhaloota dhufuufis fakeenya  gaarii dhiisee darbe. Akkuma jedhamu qabsaawaan ni darba qabsoon itti fufa.

Advertisements

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: