FOR BETTER OROMIA

Waaltina Seerluga Afaan Oromoo

Boruu Barraaqaa tiin | Sadaasa 4, 2014

Seera qubee qacalee reefuu hojii irra oole san gabbisee irroomsee afaan jabaa taasisuuf kan danda’u abbuma qubee sanii ture. Abbaan qubee sun ammoo dhimma wal diddaa siyasaa irraa dhiibamee biyya gadhiise. Qubeen qacaleen reefuu dhalatte abbaa malee yatiima (orphan) taatee hafte. Hanga tokkoofuu garuu, beektonni Oromoo gaafas sirna barreeffama qubee kana ABO jalatti baratan, biyya keessa jiraachuutu qubee du’a irraa baraaree aduu har’aa kana qaammachiise. Warri gaafas baratoo, booda barsiisaa tahanii qubee daa’ima kichuu tan warri irraa godaane abbaa fi haadha tahaniifii guddisan.Rakkoon kun waan irraa ka’ee dhalate qaba. Irra hedduutti sirni barreeffama qubee Afaan Oromoo biyya alaa keessatti hojii irra oolaa jiru, sirna barreeffama ABOn waggoota dheeraaf dagaagsee fi barsiisaa yoona gahee dha. Sirna qubee Afaan Oromoo kan yeroo duraaf labsee fi barsiisuus eegale dhaabuma ABO tahuu isaa itti walii galla. Haa tahuutii ABOn akkuma bara 1992tti mootummaa cehumsaa hoggasii gadhiisee baheen, barsiifni qubee isaas akka hawwametti bifa wal fakkaataadhaan (uniformally) biyya keessaa fi alatti dagaaguu hin dandeenye. Hoggas tarkaanfiin Afaan Oromoo afaan barreeffamaa taasisuuf fudhatame injifannoo guddaa tahuyyuu, yeroo fi carraa bal’aa argatanii calaatti irratti hojjechuuf hireen hin turre.

Aanga’oonni mootummaa biyya harkatti galfatan waan fedhan muranii murteessuu waan danda’aniif, seera qubee qacalee gaafasii san dagaagsuu keessatti, qorannoo namoota murtaawoo filaman qofaan geggeeffamu eehamani. Qorannoo kana irratti hirmaannaan hayyoota Oromoo biyya keessaa fi alaa barbaachisaa turuyyuu, sababa laalcha siyaasaa irraa kan ka’e sun milkaawuu hin dandeenye. Hayyota biyya keessatti hafanis tahu dandeettii fi beekkomsa afaanichaaf qabaniin osoo hin taane, duubbee laalcha siyaasaa isaaniitiin madaalamuun ulaagaa barbaachisaa waan taheef, beekkomsa isaanii gahummaattii fi itti fufiinsaan gumaachuuf hiree dhowwataman. Hayyoota ala jiraniifis afeerraan bifa kanaa yoo dhihaatu hin dhagahamne. Kanaafuu namootuma hagoo mataa gad qabatanii dubbii garaa kaayyatanii buluu filatan qofa irratti dirqamichi jige.

Haala kana keessatti, gargaarsi bajataa, maateeriyaalaa fi hamilee kan mootummaadhaan kennamu haalaan xiqqaa waan taheef, hanqina qorannoo irraa kan ka’e dogoggorri ulfaataan wayta itti dhalatetu jira. Fakkeenyaaf bara 1996 keessa kuusaa jechootaa (dictionary) qaama ‘Institiyuutii Afaanota Itoophiyaa’ jedhamu kan hayyoota Oromoo sagal hammatee qophaawee ture tokko yaadachuun gahaa dha. Qophii kuusaa jechootaa kana keessatti hiikkaa maqaa ‘Gujii’ jedhu irratti dogoggorri dhalate balaa guddaa dhalchee ture. Ummanni Oromoo Gujii hiikkaan Oromummaa isaa haalu kuusaa jechootaa san keessatti barreeffamuu isaa irraa fincilee hiriira bahee iyyate. Kuusaan jechootaa sunis bakka gahe mara irraa sassaabamee akka gubamu gaafatamee gubamuun isaas ni yaadatama.

Dogoggorri ulfaataan akkasii kun kan maddu warri qorannoo geggeessu beekkomsaa fi dandeettii, akkasumas gargaarsa gahaa hojii kanaaf barbaachisu qabaachuu hanqachuu irraa akka tahe wal nama hin gaafachiisu. Hanqinoota kanaa fi kana fakkaatantu wal utubee akkaataa barreeffama biyya keessaa fi isa biyya alaa addaan wal irraa fageessaa deemaa jira. Ogeeyyiin afaanii dhimma kana irratti dirqama fudhatanii hojjechaa jiran ogeeyyii hangafoota kan sababa laalcha siyaasaatiin biyya irraa fagaatan waliin hariiroo dhabuutu yaaddoo kana guddisaa deemaa jira. Hariiroon dhimma biraa yoo hafe, afaan kana guddisuu irratti hariiroo dhimma ogummaa kanaa jabeeffatanii yaada wal dabarfachuun waaltessa sirna barreeffama afaanichaaf dirqamatti barbaachisa ture. Sun hin taane. Kanaafuu akka itti hayyonni biyya keessaa yaadanii fi hayyonni hangafni biyya alaa jiran yaadan gidduutti garaagarummaan dhalatu waaltessa sirna afaanichaa miidhaa jira.

Fakkeenya kaafnee haa laallu. Qaamota haasaa (parts of speech) saddeettaniif maqaan dur yeroo qubeen barsiifamuu eegalu kennamaa turee fi amma biyya keessatti kannamee jiru wal irraa fagaatee jira. Hima tokko barreessuu keessatti maxxantoonni/hirkattoonni (affix) fi wal-qabsiisftonni (conjunctions) fa’a seerri tajaajila isaanii biyya keessaa fi alatti gargar fagaachaa jiraachuutu mul’ata.

Biyya keessatti ‘Yaadakee nandeeggara.’ yoo jedhame, alatti ammoo ‘Yaada kee nan deeggara’jedhamaa jira.

Biyya keessatti, ‘Boonaafi Boontuun waljaalatu’ yoo jedhame, alatti ammoo ‘Boonaa fi Boontuun waljaalatu’ jadhamee barreefama.

Afaanuma tokko tahee garaagarummaan sirna barreeffamaa kana fakkaatu yoo dhalatu nama yaaddessuu qaba. Garaagarummaa akka fakkeenyaatti ka’e kana irratti kamtu sirrii dha kamtu dogoggora kan jedhu laalchisee qorannoon taasifamu homaa hin mul’atu. Tarii namoonni mataa gad qabataniituma matayyaadhaan qorachaa jiran jiraachuu ni malu. Haa tahu malee qorannoon afaan ummata bal’aa akkasii kanaaf barbaachisu matayyaan osoo hin taane walitti dhufuun geggeessuutu bu’aa gaarii qabaata. Waan walitti dhufamee hojjetamu akkasii kanatu rakkoo dhalataa jiru kana hambisa waan taheef. Qorannoon mata mataatti geggeeffamu walitti sassaabamee waltajjii hayyoota hirmaachisu irratti mariif hin dhihaatu taanaan daranuu rakkoo hammeessa.Biyya keessatti, ‘Oromiyaan dhiigailmaansheetiin nibilisoomti!’ yoo jedhamu, alatti garuu ‘Oromiyaan dhiiga ilmaan isheetiin nibilisoomti!’ jechuun barreeffama. Kunniin fakkeenyumaaf dhihaatan malee, garaagarummaaleen kana caalan hedduutu jiru.

Katabaan kitaaba kanaa akka dhunfaan taajjabetti, beektota afaanii Oromoo kan biyya alaa keessa jiraatan gidduuttuu walitti dhufeenyi ogummaa dilas hin mul’atu. Baay’een isaanii sirna barreeffamaa (wirting principle) kan mata mataa isaanii yoo dagaagsan arguun nama yaaddessa. Ogeeyyiin kun dandeettii sammuu isaanii mara keessa jiru walitti fidanii osoo wal fudhachiisanii guddina Afaan Oromootiif gumaacha dabalataa taasisuu danda’u turan. Faallaa kanaan kan mul’atu garuu matayyummaadhumaan akka ofii itti yaadan dagaagsuu tahee jira. Sirna barreeffamaa kan akka dhunfaatti ofii itti amanan namoota isaanitti dhihaataniif qooduu fi fudhachiisuun jiraachuu danda’a.

Kun gaarii haa fakkaatu malee balaa hamaa qaba. Fakkeenyaaf, hayyuun afaanii kan Oslo jiraatu tokko sirna ofii isaaf ittiin barreessu tokko namoota naannoo isaa jiran fudhachiisa. Inni DC jiru tokkos akkasuma. Kan London jiraatu tokkos kanuma raaw’ata. Haalli kun yoo xiqqaate waggoota kurnan tokkoof itti fufa haa jennu. Sana booda barreessitoonni Oromoo biyyoota sadan kana irraa dhimma barruu waloo tokko qopheessuu irratti dirqama wayii fudhatanii waltajjii tokko irratti walitti dhufu. Sadanuu sirna barreeffamaa mata mataa isaanii dagaagfatanii dhufan waan taheef waltajjii waloo san irratti walii galuuf rakkachuu danda’u. Hunduu kiyyatu sirrii dha yaada jedhutti cichuutu dhufa. Dubbiin kun akkasumatti itti fufuun yaaddessaadha kan jennuuf sababa kanaafi.

*Kitaaba hin maxxanfamin HARKATU HARKA DHIQA keessaa kan fudhatame.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: