(Oromedia, 22 Hagayya 2016) Ummati Oromoo bakka jiranitti gootummaa Fayyisaa Leellisaa sadarkaa addunyaatti dalage akka haaromsan ABOn dhaame.

13689789_10208785624269663_410561488_nABOn tarkaanfii boonsaa Gootichi ilma Oromoo atileet Fayyisaa Leellisaa kaleessa Hagayya 21 2016 maaraatoonii olompikii Riotti gaggeeffame
irratti fudhate ilaalchisee ibsa baaseen  “Fayyisaa Leellisaa: Ilma Ummatni Oromoo Itti Boonuu Qabu,” jedhe.

Itti dabaluunis, seenaa qabsoo Oromoo keessatti injifannoo olaanaa galmeessame kana dinqisiifatee, ummati Oromoo, keessayyuu atileetoti Oromoo marti qabsoo Oromootti xumura gochuuf bakka jiranitti tarkaanfii boonsaa walfakkaataa akka fudhatan waamicha godheera.

Kana malees, sabboonticha ilma Oromoo kana lammiileen Oromoo hiree itti qaban hundi isa cinaa hiriiruun gargaarsa barbaachisu hundaan akka bira dhaabbatan waamicha isaa dabarseera.

Guutummaa waamicha kanaaf: Ilma Ummatni Oromoo Itti Boonuu Qabu