FOR BETTER OROMIA

Nyaata Aadaa Oromoo

Sabni tokko aadaasaa karaa garagaraatiin ibsachuu danda’a. Sabni Oromoos aadaa hedduu kan qabu yoo ta’u sirbaan, uffannaadhaan, fuudhaafi heerumaan, nyaataafi kkfdhaan aadaasaa ibsata; eenyuummaasaas beeksifata. Kanneen keessaas aadaa nyaataa fudhannee yoo ilaalle Oromoon nyaatawwan aadaa godinaalee addaatti beekaman baay’inaan qaba.

Nyaanni akka aadaatti nyaatamu nyaata yeroo baay’ee hinqophofneefi kan akka addaatti yeroo muraasa qofa qophaa’a. Kana jechuun yommuu sagantaawwan gurguddaa, ayyaana waggaa akkasumas, wayita keessummaa kabajaa qabaatan kan qophaa’uudha. Akka fakkeenyaatti, Ancooteen (naannawaa Oromiyaa Lixaatti) nyaata ayyaanarratti nyaatamudha. Nyaanni akka Cuukkoo, Qorii, Gorsoddomaafi kkf ammoo yeroo fira dubbisuuf deeman kan fira ykn nama jaalataniif fuudhanii dhaqanidha.

Cuukkoo
Cuukkoo

Barreeffama kanaanis nyaatawwan aadaa Oromoo biratti beekaman keessaa muraasa (kanin ofii beekuufi namootarraa gaggaafadhe, akkasuma toora intarneetiirraa argadhe) kan dhiheessinu ta’a. Dubbistoonnis nyaatawwan aadaa biroo kanneen naannawaa keessanitti beekaman haala qophiisaanii waliin barreessitanii yoo nuuf ergitan kan dhiheessinu ta’a.

Asirratti wanti dagatamuu hinqabne tokko nyaanni aadaa Oromoo godinaalee addaddaa keessatti qophaa’u maqaa garagaraafi haala qophii addaddaa kan qabu ta’uus harki caalaansaa kan qophaa’uu dhadhaarraa ta’uusaati. Kun immoo Oromoon loon hedduu qabuufi dhadhaa baay’inaan argatuuf ta’uu hinoolu.

Nyaata aadaa Oromoo beekamaan keessaa:

Waaddii: Foon jeeji’ameefi ashaboon itti firfirsamee mukarra naquudhaan ibiddarratti waadama. Kunis keessumaa yeroo ayyaana waggaa holaan qalamu kan qophaa’uudha.

Ancootee: Nyaanni kun baay’inaan gara Oromiyaa Lixaa, naannawaatti kan beekamuudha. Ancooteen akka dinnichaa lafa keessaa qotamee kan ba’u yoo ta’u, erga affeelameen booda muummuramee qocqocaa waliin nyaatama yookiin dafaqamee dhadhaafi mi’eessituudhaan makamee nyaatama. Kunis wayiti Birraan galu kan ga’u ta’uusaatiin Ayyaana Masqalaarratti dhihaata. Sagantaalee addaddarrattis akkasuma.

Marqaa: Ummata Oromoo biratti Marqaan baay’ee jaalatamaa dha. Keessumaa gara Arsittimmoo bakka guddaa kan qabudha. Marqaan baay’inaan kan qophaa’u daakuu garbuurraa yoo ta’u boqqolloorraas ni qopha’a. Daakuun garbuu /boqolloo qophaa’e bishaan xuwwee/ oteetti danfen naqamee sirritti waliin makama. Bishaan itti cobsaa erga bilchaateen booda qodaatti naqama. Dhadhaafi itittuun itti naqamees nyaatama. Marqaan baay’inaan nyaata keessummaaf qophaa’uudha.

Caccabsaa: Daakuu xaafii dimaarraa maxinoon erga tolchameen booda dhadhaadhaan makamee qophaa’a. Caccabsaan yeroo hedduu mana keessatti cireerratti kan qophaa’udha.

Buddeena Boqqolloo: Buddeen boqqolloo boqqoloon isheetni falfalamee tumama. Boqqolloon tumame sunis qolasaatiin adda baafamee dhuubamee lanqaxama. Guyyaaf bukkeeffamee buluudhaan ganamasaa bulluqaan qallifamee tolfama. Kun haala qophii aadaasaa ta’uus, wayita ammaa boqoolloo gogaa daaksiisuudhaanis qopheessuun barameera.

Cororsaa: Baay’inaan kan beekamu naannawa Wallaggaatti yoo ta’u, daakuu xaafii dimaarraa qophaa’a. Daakuun xaafii osoo baay’ee hinbukaa’iin furdisanii tolchu. Kanaa booda Ancootee, Qocqocaafi itittuun itti naqamee dhihaata. Qodaa xiqqoo biraatiin ammoo dhadhaan yaa’e waliin dhihaata. Dhadhichis irratti naqamee nyaatama. Kunsi yeroo baay’e yeroo cidhaafi sagantaawwan gurguddoo jiraatu kan qophaa’uudha.

Qorii: Baay’inaan akaayii garbuurraa qophaa’a. Garbuun qolli irraa baafamee dimatee arga akaa’ameen booda dhadhaa waliin walitti makama. Qoriinis akkuma nyaatawwan biroo yeroo sagantaawwan addaddaa kan qophaa’uudha. Akka galaattis kan hidhamuudha.

Cuukkoo: Cuukkoon daakuu garbuufi dhadhaa walitti makuun kan qophaa’u yoo ta’u sagantaawan gurguddoorratti dhihaata. Akkuma qorii galaa ta’ees ni galaafama.

Leave a comment