FOR BETTER OROMIA

Artist Saalihaa Saamii – Gootittii Lafa ‘KUUNNOO’ Jedhamaa Tureen ‘KUNOO’ Jette !

(Boruu Barraaqaatiin)

SaaliyaaNan yaadadha. Waggaa 6 dura ture. Bara 2009 keessa. Waa’ee Oromoo Raayyaa laalchisee documentary tokkotu akka malee jallifamee seenaa haalee televizyiina Ethiopia (ETV gaafasii) irratti dhihaate. Sagantaa seenaa Oromummaa ummata keenya Raayyaa haalu san eegan daaw’adhee booda irriba rafuu hin dandeenye. Maaliif haalama jedheen of gaafadhe. Maaliif akka ummanni kun hidda Oromoo irraa tahe ragaan kumaatamni osoo agarsiisuu haalama ? Maaliif akka Raayya Oromoo tahe lafaa mukti isaa osoo afaan baasee dubbatuu fudhachuu didama ? Maaliif akka waan gosti kun saboota Tigraay, Afaar, Amaara, Argoobbaa fi Oromoo makaa irraa dagaagetti ibsuuf yaalama ? Gaaffiilee kana hundatu boqonnaa na dhoorkan.

Carraa qabutti fayyadamee dubbii kana irratti documentary humni koo naa eeyyame hojjechuu fi televiziyoona Eertiraa (EriTiv) irratti dhiheessuufan waahillan waliin hojjechaa turreef yaada dhiheesse. Hunduu ni gammadani. Warra televizyiina Eertiraa hogganus taanaan narkatti hin kuffifne. Haa tahu malee wanti kun garii isaaniif akka gaaffii yaaddoo fakkaatu itti uume fuula irraa dubbisuu dandeenyee turre. Akka tahettuu sagantaan sun ni hojjetame. Kutaa lamaan torbaan lamaaf qilleensa irra oole. Ummata Eertiraa keessaa warri sagantaa kana daaw’ate gariin akka Raayya Oromoo tahe yeroo duraaf dhagahuuf carraa argatan. ‘Eedaa ‘Raayya’ yoo jedhamu kan dhagahaa turre gosa Oromoo irraa tii ?’ gaaffii jedhu wal gaafatan. Baay’een isaanii waa’ee Raayyaa kan dhagahan, wandaboo (huccuu dubartii) Raayyaa kan biyya irraa Dubaayitti ergame achi irraa gatii qaaliidhaan gara Asmaraa dhufee warri dureessaa bitatee uffatu qofa ture. Kidaan Raayyaa jedhama. Wandaboo Raayyaa jechuu dha. Eeyyee ! Raayya Oromoo dha. Firris diinnis beekuun dirqama ! Kun ergaa dokmantarii keenya sanii ture.

Sagantaan dhiheessine sun baay’ee jaalatamuu isaa irraa kan ka’e daaw’attoonni Oromoo biyya keessaa fi alaa akka irra deebi’amu nu gaafachaa turani. Garuu warra miidiyaa san hogganu amansiifnee irra deebisiisuuf hanga tokko yeroo yoo fudhateyyuu, waggaa tokko wahii booda al lammaffaaf dhihaatuu isaa nan yaadadha. Kana dhugoomsuu irratti waahillan koo keessaa tokko kan ture Andu’aalam Gammadaa dirqama irratti ramadameen wal qabatee qooda hin dagatamne akka gumaache hiree kanaan maqaa dhawuun barbaada.

Waa’ee Oromoo Raayyaa irratti dokmantarii itti-deebisaa (counter documentary) san hojjechuun hawwii biraa na keessatti ichime. Seenaa, haala qubsumaa fi jireenya qaama ummata keenya kanaa caalaatti iyyaafachuuf hawwii natti dabale. Silas ammatti qaamaan keessatti argamee qorachuu hin danda’u. Kana jechuun hangam akka keessa namaa laalessee dhiigsu isa galuuftu galaaf. Carraan an qabu, namoota gosa san irraa dhalatan, yookiis lafa san daaw’atanii beekan yoon argadhe dubbisuu qofa ture.

Gosa Oromoo Raayyaa keessaa kan dhalate namni an yeroo duraaf argee beeku Mohammad ture. Mohammad Raayyaa jedhaan, namni baay’een. Gariin ammoo inumaa maqaa warri moggaaseef irraa dhiisanii Raayyaa qofa jedhuun. Umriin isaa wayta san afurtamoota keessatti tilmaamama. Mohammad gaafa biyya ture shofeera konkolaataa gurguddaa ture waan taheef Itoophiyaa keessaa lafa hin beeyne hin qabu. Afaan Oromoo, Tigriffaa fi Amaariffa gufannoo tokko malee dubbata. Yeroo Tigiriffa dubbatu nama Amaariffaa fi Afaan Oromoo beeku hin fakkaatu. Yeroo Afaan Oromoo dubbatus Amaariffa yookiin Tigiriffa waan jedhamu gurraanuu dhagahee hin beeku nama jechisiisa. Hoggaa Amaariffa dubbatus afaanuma san qofaan dhangi’amee kan guddate fakkaata.
Kaartaa naannoo sanaa bal’aa minjaala irratti diriirsinee maqaa gandootaa, laggeenii fi tulluulee Raayyaa fi walii gala Walloo waliin dubbifna. Hundi isaanii jechuutu danda’ama, maqaa Oromoo ti. Yeroo akkasii Mohammad yaadaan na dhiisee deemee ganda dhaloota isaa Ashangeetti gala ture. Akkoo fi akaakaan isaa Afaan Oromoo tolchanii akka dubbatan natti himee ture, Mohammad. Garuu dhaloonni isaa har’a afaan kana dagachiifamanii Tigiriffa Raayyaa dubbatu. Loqodni Tigiriffa Raayyaa addatti beekama. Sagalee Tigiriffa wallisaa Kiiroos Alamaayyoo kan beeku yaadachuu danda’a. Hangafa wallistoota Tigiraay kan tahe Kiiroos Alamaayyoo illee ilma Raayyaa akka ture Mohammad irraan yeroo duraaf dhagahe.

Gara dhimma kaaneefitti qajeelaa jirra. Gaafan sagantaa san irratti hojjedhe irraa qabee hawwiin koo inni guddaan maal akka ture ifaa dha. Karaa danda’ame hundaan haala seenaa, jiruu fi jireenya ummata keenya Raayyaa fi walii gala Walloo, akkasumas gosoota Oromoo alagaadhaan liqimfaman biroo irratti xiyyeeffatanii hojjechuu dha. Keessumattuu gosa keenya seena qabeessa kana kan saba isaa guddaa irraa bardhibbeelee hedduuf qoodamee addatti liqimfamee jiraate Oromummaa isaa ganamaa itti yaadachiisuu dha. Kana keessatti gufuun baay’een akka jiraachuu danda’u garuu haalamuu hin qabu. Gufuulee kana mara irra tarkaanfatanii hojii seena qabeessa hojjechuun gootummaa fi murannoo nama gaafata.

Walleelee Oromoo Walloon faarsan irra hedduu yeroon caqasu waan yaaddoo natti tahe tokkotu ture. Qalbifannee beekna yoo taheef wallistoonni keenya baay’een (hunda jechuu koo miti) waa’ee Walloo yeroo wallisan Kamisee qofa irratti murtaahuutu mul’ata. Kun sodaa polotikaa irraa akka tahe naaf gala. Qaamni Walloo kan har’a akka Oromootti of hubatuu fi afaan abbaa isaa dhabama irraa baraaree yoona gahuu isaatiif jecha mootummaa amma jiruun maqaan Oromummaa ‘eeyyamameef’ warra Kamisee fi naannoo isii qofa waan taheef. ‘Be Amaaraa killil ye Oromiyaa zoon’ (pocket zone) godhamee labsame malee qaama Oromiyaadhaan wal qabatee mul’atu hin taane. Oromoon Walloo inni afaan abbaa isaa dagachiifamee Amaariffa fi Tigiriffa dubbatu garuu ciruma isaayyuu akka firooma Oromiyaa hin qabaannetti murteeffame. Kana irraa ka’uun natti fakkaata, artiistonni keenya waa’ee Walloo sirban baay’een isaanii Raayya, Ejju, Qobboo, Baabboo, Warra Iluu, Warra Qaalluu, Boorana… jedhanii wallisuun bal’inaan hin aadeffatamne. Haa tahu malee jechoota Walloon walumaa galatti ibsanu kan akka Kaaroyyee, Sandalee, Irriikum, Magaallaa jedhan fayyadamuu isaaniif galata qabu.

Oromummaa Walloo dagatamaa fi haalamaa jiru sirreessuuf dirqamatti eeboo luqqifachuu yookiin kilaashii nyaachifachuu nun barbaachisu. Aartiin mataan isii meeshaa qabsoo isa guddaa taatee saba keenya gargar bahe kana walitti deebisuu dandeessi. Garuu aartii akkasii hojjechuun artiistii goota, hunda biratti jaalatamu, qaroo fi dammaqaa qabaachuu gaafata. Artist Saalihaa Saamii goota artistotaa kan bara kanaa ti yoon jedhe gurra guddisuu natti hin fakkaatu. Jalqabuma irraayyuu kaatee dhimma Walloo irratti Kamisee bira dabarsitee achi hiixattee waa jechuudhaan ture kan arraata wallistummaa isii siileffatte. Karrayyuu fi Sooddoos dubbifteetti. Kana malees dandeettii Saalihaan qabdu keessaa inni guddaan tokko warra wal dide gidduutti ogummaa aartiitiin riqicha dippilomaasii ijaaruu dha. Riqicha sanitti immoo dhimma bahanii waan silaa gamatti nu jalaa hafe tokko tokko gahanii harkaan qabachuu dha.

Hojiin Saalihaan dhihoo kana dhimma Oromoo Raayyaa irratti hojjette kanaaf ragaa guddaa dha. Eenyumti keenyayyuu taanaan haala siyaasaa har’a jiru keessatti, intalti Oromoo takka kaatee hojii seenaa hangana gahu hojjetti jedhee kan eege jira natti hin fakkaatu. Garuu Saalihaan raajii namuu amanuuf rakkate hojjettee agarsiifte. Waa’ee Oromoo Raayyaa kan nuti halaala teenyee iyyaafannoo qofaan dhagahaa fi katabaa turre isiin gara boqonnaa itti aanutti guddifte. Lafa ‘kuunnoo’ jedhamaa ture saniin ‘kunoo’ jette. Oromoo Raayyaa kan nuti bifa isaanii arguu fi sagalee isaanii dhagahuu dheebonne kaameeraa dura qabdee eskiriinatti fiduun dheebuu nu baafte. Qaamaan keessatti argamtee, buna qalaa qorii isaanii keessaa waliin nyaachaa, qabee isaanii keessaa waliin unatte. Ayyaana Dubartii isaanii irratti hirmaattee Marabbaa jettee Waaqa kadhatte. Dhadhaa muudamtee Siinqee fi caaccuu baattee Ateetee irratti hirmaatte. Gaaddisa isaanii jala waliin teessee waa’ee Oromummaa isaanii sodaa tokko malee qoratte. Daandii gootummaa ajaa’ibsiisaa kana diriirsitee warra boru dhufuuf illee fakkeenya taate.

Walleen Saalihaan mata-duree ‘Sangawwee’ jedhuun dhihoo kana gadhiiftes bahii ifaajii yookiin laffaatii isii kan wareegama guddaa gaafatee ti. Wallee kana wanni adda godhu seenaa aartii muuziqaa Oromoo keessatti yeroo duraaf Oromoo Raayyaa dubbisanii firaan wal yaadachiisuu dha.

Yaadadhu! Yaadadhu! Yaadadhu!….
Yaadadhu hin dagatin, irbuu abbootii teenyaa
Bor gaafa yaadatte, walibooyuuf teenyaa
Sin yaamaa na dhagay, shaggaa Ilma Raayyaa
An yoomuu teetumaa, atis yoomuu kiyyaa!

Jechuun ture, fira wal irraanfachiifame kan wal yaadachiifte. Waadaa tokkummaa Oromoo kan dheerinni yeroodhaa diiguu hin dandeenyes yeroo yaadachiiftu akkas jette :

Abbaan kee fi abbaan koo, eeboo takka qaruu
Na dagatte je’ee, ambaan sin jijjiiruu
Abbaan kiyya dur dur, sumaaf na kennatee
Abbaan kees gaafa san, siif na kaadhimatee
Kanaafin siif dhufee, Jamaa qaxxaamuree
Ashangee irra marsee, si arguuf jarjaree!

Saalihaan ‘kanaafan siif dhufe’ yeroo jettu, akkuma wallisaa kamiittuu wallisuma isii miidhagfachuu qofaaf jette osoo hin taane, dhugumaan bakkuma jette sanitti argamtee waan afaaniin jechaa jirtu dhugoomsitee agarsiifte.

Gosti Raayyaa dhiiga isaa Oromoo isa haadhoo waliin hiree takkittii kan qabu tahuu isaa yeroo yaadachiiftus akkas jettee hunda keenya garaa nyaatte :

Onneen teenya lameen, dhiiga tokko raabsuu
Sombi keenya lachuu, hargansuun wal tumsuu
Ani yoon qufa’e, atiis ni haxxiffattee
Diyfafa (utaalloo) tokkichaatu, waliin nu qabatee
Kanaaf wal fakkaannaa, kanaaf wal dharraanaa
Yeroof wal dagannuus, hiree takka qabnaa!

Raayya qofas osoo hin taane gosoota Oromoo Walloo saddeettanuu gidduu firooma Oromummaa jiru yaadachiisuunis kaayyoo wallee kanaa ture :

Natti hin callisin kaa, Gooticha Azaboo
Sabboonticha Raayyaa, tiruu Warra Baabboo
Dhiiga Warra Ejjuu, lammii Warra Qaalluu
Shanyii Warra Himanoo, qomoo Warra Iluu
Fira Warra Buukkoo, cinaa qaama Waayyuu
An sirraa fagaadhee, fayyaa hin qabu guyyuu!

Wal iyyaafannoo Oromummaa kana keessatti afaan ittiin walii galamu yoo rakkises furmaata lafa keesse qabdi Saalihaan :
Boonaa koo na dhagay, ammaas suman yaamaa
Afaan yoo si dhibes, hin dhiphatin humaa
Afaan warra keenyaa, har’a yoo dagattee
Anaatu siif jiraa, ‘ajjookaa meqqurtee’

Ajjookaa meqqurteey’ kan jedhu kun jecha Tigiriffaa yoo tahu, hiikkaan isaa ‘abshir yaa mi’ooftuu, abshir yaa mi’aawaa namaa’ akka jechuu ti. Wallee kana keessatti afaan gosa keenya saniif galu kan biraas itti makuun isii haalaan barbaachisaa ture. Kaayyoon wallee kanaa inni guddaan ummata keenya Raayyaa fi Walloo walii galaa dhaqqabuu dha. Ummata keenya kan har’a afaan abbaa isaa dhagahuu hin dandeenye dhaqqabuuf ammoo afaan isaa galu itti makuun dirqama ture.

Eeyyee ! Hawwiin koo waggaa 6 duraa sun kunoo Saalihaa Saamiitiin tokko jedhe dhugoome. Gara fuulduraattis daandiin Saalihaan ogummaa aartiitiin baqaqsite kun artiistota keenya birootiinis akka hordofamu shakkii hin qabu. Saalihaan yeroo hojii kana hojjettu artiistii muuziqaa qofa hin turre. Qorattuu hidda sabummaa fi aadaa (ethnographer) turte. Gaazexessituu fiilmii dokumentarii hojjettu turte. Falmattuu tokkummaa Oromoo bara dheeraa dura cabe deebisuuf murannoodhaan bobbaate turtes. Qabsooftuu mirga hawaasummaa (socila activist) kan mirga dubartootaaf lallabdu tahuu isiis Shaggar keessatti ummata kumoota dammaqsitee ‘Ni dandeenya’ mata duree jedhuun seenaa of danda’e hojjette. Seenaan Saalihaan gootummaa kana fakkaatuun galmeessite kun artiistotaa fi qaroowwan keenya Oromoo biroofis fakkeenya akka tahu hawwama. Hiree kanaanis ummanni Oromoo gootittii sabaa kana karaa danda’ame hundaan akka hamilchuu fi cinaa dhaabbatu waamicha gochuun barbaada.

%d bloggers like this: