FOR BETTER OROMIA

Seerlugaan maali?

Seera lugaa: jechi kun, jechoota lama. Seeraafii luga walitti guduufuudhaan uumame. Seera lugaa ykn seera afaanii jechuudha. Lugaan, mala ilmaan namaa jiruu hawaasa keessatti yaada, fedhii fii hamilee isaa ittiin waliif ibsu waan taheef meeshaa walqunnamtiiti.

Malli kuniis, karaalee lamaan hojiirra oolfa. Karaan lameeniis, dubbiifii katabbiidha. Dubbiin sagaleelee garagaraa sirnaan walitti qindeessuudhaan yaada fii fedhii ifii ibsachuudha. Kattabbiin ammoo, dhaamsuma sagaleedhaan himamu ykn ibsamu sun mallattoolee sagaleelee bakka bu’uaniin gargaaramanii dabarfachuudha. Meeshaa walqunnamtii tahuu saatiin katabduufii dubbistuu walqunnamsiisa. Seeraafii sirna ittiin waliif galuu nama dandeessisus ni qaba.

Lugaaleen wairra adda, seeraafii sirna walirraa addaati qaban. Kuni, garaa garummaa lugaaleen uumama isaaniitiin qaban waan taheef, jijjiiruun hin dandayamu. Seera afaan tokkoo afaan biraatiif moggaasuuniis hin malu. Beekkoomsa garanaan jiru sirritti hubatanii ittiin gargaaramuudhaaf, hawaasa afaan suniin dubbatu keessatti dhalachuu ykn bara dheera hawaasa sun keessa jiraachuudhaan barachuudha feesisa. Saayinsiin seeraafii sirna lugaadhaa qu’atuus ni jira. Saayinsiin kuniis seera lugaa jedhama. Uunkaalee jechootaatiifii tartiiba jechoonni ittin walfaana bu’anii dhaamsa hiikkaa qabu uumuu itti dandayan qu’ata. Barnootni as keessatti dhihaatuus seera afaan Oromooti. Seeraafii sirna afaan Oromoo bifa gabaabaadhaan dhiheessa. Barnoota waa’ee jechootaa ibsu kana, maalummaa jechootaatiifii akkaata jechoonni itti uumaman ibsuudhaan jalqabna.

Jechi maali?

Gurmuun sagaleelee akkaata hiikkaa qabaachuu dandayanitti walfaana bu’anirra ijaaramu “jecha” jedhmti. Jechi, sagaleelee lama ykn lamaa olirraa ijaarama. Jechoonni afaan Oromoo sagaleelee soddomii tokkorraa ijaaraman. Sagaleeleen kanneeniis, dubbachiiftoota shanifii dubbifamtoota digdamii-jahatti adda qoodaman.

Dubbachiiftoonni (vowels) shanan mallattolee shanan kantti aananiin bakka buufaman.

A E I O U (a e i o u)

Dubbifamtoonni (consonants) digdamii- jahaniis mallattoolee kanatti aananiin bakka buufaman.

B c ch d dh f g h j k l m n ny p ph q r s sh t v w x y z Mallattooleen kanneen Qubee Afaan Oromooti jedhaman.

Afaan Oromoo dubbachiiftoota kudhan qaba jechuu ni dandayama. Dubbachiiftoonni shanan sagalee gabaaduufii dheertuu uumuu ni dandayan.

Sagaleelee gaggabaabduun mallattoo leexaatiin hugguu uumaman, dhadheertuun ammoo mallattoo dachaa tahaniin uumaman.

Gaggabaabduu Dheertuu

A E I O U AA EE II OO UU

Dubbifamtoonni digdamii-jahan ammoo, sagalee ifii if dandayan uumuu hin dandayan. Sagalee uumuudhaaf, dubbachiiftutti irkachuu qaban. Dubbachiiftutti irkachuu jechuun, dubbachiiftuu dura ykn faana bu’uu jechuudha.

Fk

A + la = ala

Ma + la = mala

Ma + na = mana

a jechuun maali?

Leave a comment