FOR BETTER OROMIA

“Oromoo sabboonaan gumaacha kunuunsa duudhaalee keessatti raawwateef galata qaba,” Obbo Amiin Abdulqaadir

Charinnat Hundeessaatiin

Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan ummata Oromoo kallattiilee biyyattii gara garaafi alatti argamu bal’inaan hirmaachisuun Bishooftuu, Hora Harsadeetti kabajamaa jiru ija hawaasa biyyattiis ta’ee addunyaa hawachuu eddii eegalee bubbuleera.

Misiroota Ayyaana Horaa Harsadiitti gaa’eelasaanii raawwatan @Bariisaa

Ayyaanicharratti uffannaan, faayeffannaan, shubbisniifi ragadni aadaa Oromoo ilaalameefi dhaggeeffatamee hinquufamne bal’inaan ni mul’ata. Haala naamusaafi tasgabbii, walii yaaduufi quuqamuu naannawa sanatti mul’atus gabbina, gadifageenyaafi bilchina aadaafi duudhaa ummata Oromoo kan ibsuudha.

Bakki Irreechaa kun akka iddoo araaraattis ni tajaajila. Abbootiin Gadaa Oromoos kanumarratti hundaa’uun namni kamuu otoo gara irreeffannaan malkaa hinbu’iin kan akka tasaa walmufate ykn wallole yoo jiraate harka walqabatee akka araaramu taasisaniiru.

Ayyaana Irreechaa bara Fulbaana 23 kabajamerratti maallaqni hedduufi meeshaaleen gara garaa badanii turan dhoksaa tokko malee ifatti abbaaf deebi’uun aadaan ummata kanaa hangam kabajamaafi gadi fagoo akka ta’e kan agasriisuudha. Fakkeenyaaf, barreessaan barreeffama kanaa biblibila mobaayilii gatii jabaa baasu tokko kaafteeriyaa namoonni baay’een seenanii bahanitti ganama gatee eddii sirni kabaja ayyaanichaa xumuramee deebi’ee argachuusaafi doolaarri kuma 10 badee ture abbaaf deebi’uunsaa ni eerama.

Irreechaan baranaa taateewwan kanneen malees dhimmoota guguddoo aadaa ummata Oromoo calaqqisiisan heddhuun raawwatamaniiru. Kanneen keessaa sirni gaa’elaafi hammachiisaa adda durummaan eeramu.

Guyyaa Irreechaa kana dargaggoonni Oromoo 25 sirna gaa’elaasaanii raawwatataniiru. Dargaggoo gaa’eelasaanii Horaa Harsadiitti raawwatan keessaa Magaalaa Ambootii kan dhufte Siifan Baqqaanaafi Aanaa Dandiirraa kan dhufe Daadhii Gurmeessaa ni argamu. Misiroowwan kunneen ayyaana Irreechaarratti sirna gaa’elaasaanii raawwatachuu irratti yaada Daadhiidhaan dhiyaate; Siifanis gammaddee fudhachuushiiti kan eeran.

“Waa’ee aadaa Waaqeffannaa durumaa qabee waanin beekuuf cidha koo bakka kanatti raawwaachuuf hawwiifi fedhii guddaan yeroo dheeraaf na keessa tureera. Kanas akka aadaa Orromootti bakka aadaan Oromoo ummata baay’ee hirmaachisuun kabajamutti sirna gaa’elaa koo raawwachuu kootti daran gammadeera” jedha Dhaadhiin.

Siifanis gamashiitiin, “Bakka ummanni Oromoo heddumminaan bahee itti irreeffatuttiifi fuuldura ummata kootti sirna chidhaa koo geggeeffachuu kootti guddoo gammadeera” jetti. Ani kanaan dura haala kanaanin sirna gaa’elaa koo raawwadha jedhee abjoodheeyyuu hinbeeku kan jettu Siifan, kana kan hojjete Waaqayyo waan ta’eef isaaf galata akka qabdu eerti.

Dargaggoonni biroonis aadaa Oromoo dirreetti baasanii ibsuuf akkumasaanii tattaafachuu akka qaban goristee, isheenis ijoolleeshii haaluma kanaan aadaa ummatashii barsiisaa guddisuuf qophii ta’uushii ibsiti.

Sirna gaa’elaa haala kanaan raawwachuun dagaagina, eenyummaa, safuu, duudhaafi aadaa Oromoo ibsuu keessatti shoora olaanaa akka qabu kan eertu Siifan, bakka kanatti haala kanaan cidha koo geggeeffachuun anaaf seenaa guddhaadha jechuun ibsiteetti.

Kana booda abbootiin Gadaa misiroota kanneen warri dhiiraa harka walqabatanii “Har’aa kaasee isheen haadha warraa kooti; itti hinboonu; ittihinmalchiisu; maseente jedhee hinjibbu; hiyyoomte jedhee irraa hinfagaadhu; waan qabnuun bulla; Waaqa Caffee Tumaati, Odaa Nabeeti, Oromtichaa/Oromtittiiti” jechuun waadaa seensissaniiru.

Dubartoonnis, “Har’aa kaasee inni abbaa warraa kooti. Maseena jedhee irraa hinbaqadhu; hiyyoomeera jedhee gatee irraa hinbadu; ittin hinmalchiisu; itti hinmalu; yoo rakkoon jiraate Gadaatiin himadha”.Abbootiin Gadaas “Waaqa Caffee Tumaati, Waaqa Odaa Nabeeti. Horaa bulaa. Ilmoo argadhaa; diroo argadhaa; bakka bu’oota maanguddootaa ta’aa; Oromoo cimsaa” jedhanii eebbisaniiru..

Ittifufuunis, “Horaa; isin haa horsiisu; guddadhaa; Imloo horaa, bultii horaa; Barumsaan guddadhaa; Waggaa 40 har’aa ijoolleen keenya ijoollee keessan haa eebbiftu; Nagaa ta’aa!” jechuun abbootiin Gadaa marti sagalee tokkoon misirroota kanneen eebbisaniiru.

Abbaan qabeenyaa Yunivarsitii Riifti Vaaliifi Riizoortii Sodaree, Obbo Dinquu Dayyaas ammoo aruuzonni kunniin iddoo bashannanaa saaniitti akka aara galfataniif hayyamaniiru.

Duudhaaleen Oromoo ibsituuwwan sirna Gadaa ta’an eegamanii labatatti akka ce’aniif hojiileen waggoota 20n darbanitti raawwataman cimanii akka ittifufaniif mootummaan hayyoonniifi abbaa sirnichaa kan ta’e ummanni Oromoo qidoominaan hojjechuu akka qabanis ergaan darbeera.

Ogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa, Obbo Geetuu Wayyeessaa gamasaaniin, mootummaan aadaafi duudhaalee ummata Oromoo misoomsuuf yeroo kamuu caalaa xiyyeeffannaa kennee hojjetaa akka jiruudha kan ibsan.

Ayyaanichi yeroo kamuu caalaa barana haala ho’ina qabuun kabajamuunsaa xiyyeeffannaa mootummaan misooma aadaafi seenaa ummatichaatiif kenne kan agarsiisuudha jedhaniiru. Duudhaalee ummatichaa misoomeefi eegamee dhalootatti akka ce’u gochuuf ammaan tana mootummaa naannichaa bal’inaan hojjetaa akka jirus ibsaniiru.

Guyyaa ayyaanichaa, “Hojiin ummanni Oromoo duudhaalee aadaasaa eegee labatatti ceessisuu keessatti taasise sabootaafi sablammoota biyyattii warra kaaniif fakkeenyummaan eerama” kan jedhan ammoo Ministira Aadaafi Turizimii Federalaa kan turan Obbo Amiin Abdulqaadiri.

“Gumaacha ummanni Oromoo sabboobaan kun kunuunsaafi eegumsa aadaa keenyaa keessatti raawwateef galanni guddaan ta’uufi qaba” jedhanii, ummatichi har’a tattaaffiisaa kana misooma turizimiifi aadaa, industiriifi dameelee hawaasummaa birootiin mootummaa wajjin ta’ee raawwachaa jiru haaromsa biyyattii dhugoomsu keessatti shoora olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Ummatichi imalasaa injifannoodhaan waa’elchame kana cimsee akka ittifufus dhaamaniiru.

Ayyaanni Irreechaa ummata baay’ee kan walitti qabuufi hirmaachisu waan ta’eef kunuunsiifi eegumsi addaa taasifamuu qaba jedhanii, ayyaanicha ummanni Oromoo Sirna Gadaatiin walqabsiisee “Baga bacaqii gannaa baatanii gara booqaa biraatti ceetan” jechuun uumataaf galata ittidhiyeessuufi isa ittaanuuf hawwii gaarii itti waliif dabarsu ta’uusaatiin ayyaanichi ayyaana guddaafi kabajamaa guddaa qabu ta’uu ibsu. Tattaaffiin sirna Gadaa Oromoo hambummaa addunyaatiin galmeessisuu taasifamaa jiru akka milkaa’uufis mootummaan ciminaan hojjetaa jira jedhu.

Ayyaanni miidhagaan akkuma duudhaasaa eeggatee as gahe dhaloonni ammaas eegichaafi kunuunsa irraa eegamu taasisee dabareesaa dhufe labata ittaanutti dabarsuu akka qabus gorsaniiru. Irreechi ayyaana namoonni baay’eenbakka tokkotti walittui qabamuun tokkummaan, nagaafi jaalalaan kabajan ta’uunis miidhagina addaa kan kenneef ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan naannichaa seenaa, aadaa, afaaniifi hambaalee seena qabeeyyiirratti bal’inaan hojjetaa akka tureefi jiru kan ibsan ammoo Pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Muktaar Kadiri. Isaanis, aadaan hawaasichaa akka dagaaguufi duudhaansaa eegamee dhalootatti ce’ee qalbii daaw’attootaa hawachuun madda galii ta’aa akka jiran himaniiru.

Sirna dimokraatawaa, Gadaa, Jaarmiyaa Dhimma Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Walta’aniitti (Yuneeskootti) galmeessisuuf yeroo tattaaffii cimaan taasifamaa jira. Yeroo kanatti dargaggoonni sabboonoon akka Siifanii fi Daadhiifaa haala kanaan aadaa Oromoo beeksisuuf soch’oonsaanii gumaacha olaanaa akka qabu hin mamsiisu. Hirmaattoti akka Obbo Amiin Abdulqaadir fa’aas kanuma waan dhugoomsu dubbatan. “Oromoo sabboonaan gumaacha kunuunsa duudhaalee keessatti raawwateef galata qaba!”

Source: http://www.ethpress.gov.et/bariisaa/index.php/art-culture/item/727-oromoo-sabboobaan-gumaacha-kunuunsa-duudhaalee-keessatti-raawwateef-galata-qaba