FOR BETTER OROMIA

JECHOOTA MOGGOYYAALEE AFAAN OROMOO: Kutaa 6ffaa

Taammanaa Bitimaa irraa

Kutaalee shanan dabran akka dubbiftan nan abdaddha. Kunoo, harra immoo kutaa isa jahaffaa isinii dhiyeesseen jiraa, yoo yeroon isiniif hayyame mee duukaa-bu’aa!

SEENSA

Barreeffata kana kutaa dabre keessatti dubbiin kanaa gadii kaafame ture:

Hayyoonni Oromoo shoora (qooda) Afaan Oromoo qabsoo bilisummaa Oromiyaa keessatti qabu, sirriitti xiinxaluun uummata ofii barsiisuutu isaan irraa eegama. Uummata barsiisuuf immoo dursanii uummaticha irraa barachuutu qajeelaa dha. Yoo akkana tahe qofa, kan barsiisa tujuba-qabeessa deemsisuun dandayamu. Haatahu malee, hayyoota Oromoo warra biyyambaa (“diaspora”) jiran keessaa warri waayee Afaan Oromoo irratti hojjatan, kanneen qubaan lakkaawamani. Dabaleesoo, warra afaan kana irratti hojjataniif gargaarsa addaddaa kan akka: gargaarsa hamilee, gargaarsa horoo, gargaarsa gorsaa, gargaarsa maxxansiisaa fi gargaarsa raabsaa faa gochuun sonaan barbaachisaa dha! Kanatti ida’amee qoonni dureeyyii fi qabeeyyii Oromoo akkaan cimaa dha. Isaan kanas shoora isaan bilisummaa Oromiyaa keessatti qaban ibsaniitoo barsiisuun, hayyoota Oromoo irraayyi eegama. Hayyuun uummata cunqurfamee fi saba dagabaafatame keessaa baye, dirqamnii fi itti-gaafatamni isaa dachaa-dachaa dha! Mee waan hundaafuu, cufti keenya dirqama ijaa-baasee nu ilaallatu kana beekuun, hammuma dandeenye haa sochoonu! Dolooldhoon garagaraan walitti yaateetu laga taati. Laggeen sunis fuula-fuulaan walitti yaa’aniitu laga-laga caalu, Abbaya guddicha san tahu!”

Kana keesssatti waayeen hayyoota fi waayeen dureeyyii Oromoo ka’ee ture. Isa kana irratti dabalamuu kan qabu waayee hunda keenyaa, waayee Oromoota maraati. Gargaarsi fi dabalanni hayyoota fi dureeyyii Oromoo akka barbasachisaa tahe ibsameeti jira. Dureeyyii fi qabeeyyiin Oromoo afaan ofii dagaagsuuf, shoora daran jabaa tahe qabu. Manneen maxxansiisaa, dhaabbata gaazexaa faa karaa horootiin deegaruun isaan irraayyi eegama. Isaan kana kan hojjatan dirqamni bilisummaa waan irra jiruuf qofaa miti. Isaan kana irratti inbastimeentii yoo godhan, waan baasan san deebifachuun isaan hin dhibu. Uummata hacuucamee fi saba koloneeffatame keessatti qoonni dureeyyii fi qabeeyyii daran cimaa tahuu isaa, sirriitti hubachuun karaa kanas itti-yaaduun barbaachisaa dha.

Kana irratti ida’ameetoo, shoorri nuti Oromoonni cufti qabnu hedduu, hedduu jabaa dha. Faayessitoonni (artistoonni) Oromoo deddeebisanii nu qeeqachaa jiru. Hajalaan (Kaasenni) fi siidiin (“CD“) isaan baasan akka hin gurguramne nu hubachiisu. Jarri dhugaa qabu! Oromoonni keessumaa warri biyyambaa jiran, hajalaa fi siidiin yoo baye hedduun isaanii hin bitatani. Walirraa garagalfachuu dha duudhaa taasifatanii jiru. Barroolee, kitaabeewwan, barruuleewwan fi gaazexoota bayan faas bitatanii hin dubbisani. Egaa, kun kan ilaalu Oromoota hundaa miti. Ammoo, garri irra caalaan duudhaa badaa kana hordofaa jiru. Wanneen kun mee kan bayan Oromootafii! Uummata biraa barbaacha deemu-moo, faayessitoonni fi barreessitoonni Oromoo? Kana bakka jirru maratti haasaa walirraa hin cinne adeemsisuun, walqeeqannee, walgorfannee kana sirreeffachuutu karaa qajeelaa taha. “Sa’a abbaan gaafa cabse, ollaan ija buruqsa“, jedha mammaaksi Oromoo tokko! Mee adaraa kana qalbiin itti-yaaduun haa sirreeffannu! 

Erga waa hamma jedhamee, mee amma jechoota kutaa kanaaf qoppheeffaman 25-nan ilaallee, kutaa isa kana haa xumurru!

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) gamsiisaa*  –  dira’aa, ijibbaachisaa, ajaabamaa, ijanfuunee
2) daddii                  –       inaajjii, faara
3) harteessa  – hundasaa, walitti-qabaasaa, cufasaa, marasaa
4) shindhaa             –  siiccoo, asarii, atalaa
5) yaboo     –        adaraa
6) dhoddhoobboo    –   qorii
7) ushaa       –     saagaa
8) shaanaa               –         raafuu
9) mastii                   –          budduuqsaa
10) morgaya            –                            ribuu, maceera
11) aayyoo               –                            harmee, deessee, dayee
12) dargayyee         –                            qamadii
13) qammana**      –                             areera
14) baadanaa***    –                             qarmii
15) mirgoo              –                             reeffana
16) lukkuu              –                             indaanqoo
17) balaliyaa          –                             baaburbaallee, roopphilaa, xayyaara
18) tuujjii               –                             gujjii, tuca, ruubana
19) qiirsaa****     –                              iccitii, dhoksaa
20) keeruu*****    –                             odeessuu
21) moodii             –                              waldaa, afooshaa, iddirii
22) wargama****** –     nafa-nafa, hatattama, ariitii, daddaffii, sardama, saatana
23) kabeebsuu******* –                       wayyeessuu, fooyyessuu
24) keellee                                             addaggee, meellee, baalagee
25) kaafaneessa******** –   beekaa, hubataa, bilchoo, gamna, qaroo, afshaala

HUBACHIISA MIILJALEE

* Gamsiisuu = dira’uu, ijibbaachisuu — faa!
** Qammanuu = areeruu, qammansiisuu, qammanamuu — faa!
*** Baadanuu = qarmii guuruu; baadanamuu, baadansiisuu —.
Baadantuu = qarmii-guurtuu — faa!
**** Qiirsuu = iccitii dhoksuu.
Qiirsituu = iccitii dhoksituu — faa!
****** Keertii = odeessa, oduu.
Keertuu = odeessituu.
Keerachuu = odeeffachuu;
keersisuu = odeessisuu — faa!
Wargamuu = ariifachuu, sardamuu, daddafuu, saatanuu.
Wargamaa = ariifataa, daddafaa, sardamaa, saatanaa.
Wargamtuu = ariifattuu, daddaftuu, sardamtuu, saatantuu — faa!

***** ** Kabeebsa = wayyeessa, fooyyessa.
Kabeebsaa = wayyeessaa, fooyyessaa.
Kabeebsituu = wayyeessituu, fooyyessituu — faa!

******** Kaafaneettii = beektuu, hubattuu, bilchoo, gamna, qaroo, afshaala.
Kaafanuu = beekuu, hubachuu, gamnoomuu, qaroomuu, afshaalomuu —!

Itti-fufa —!

Taammanaa Bitimaa gurree@web.de

Leave a comment