FOR BETTER OROMIA

Tapha Aadaa Oromoo

Taphni aadaa hangafa tapha ammayyaati. Umurii dheeraas qaba. Taphoonni aadaa Oromoo keessaa baay’een isaanii yoo xinnaate namoota lama kan hirmaachisanidha. Gareedhaan kan taphatamus nijira. Kaayyoon tapha aadaa inni guddaan nama yookiin garee waliin taphachaa jiran injifachuudha. Injifannoo argameenis cimina yookiin caalama agarsiisuudha malee nama yookiin garee injifatame dallansiisuu miti. Akka inni irra deddeebiin taphichatti hirmaatu xiiqii itti uumuudha. Kan injifatames dadhabina isaa fooyyessuun irra deddeebi’ee taphata.  Haaluma kanaan taphni aadaa akaakuu garaagaraa kan qabuufi faayidaa mataasaa danda’e kan qabudha. 

Taphoonni aadaa kanneen akka fiigichoo, wallaansoo, saddeeqaa, qillee, korboo, utaalchoo, facceefi kan kana fakkaatani. Taphoonni kunniin kan adeemsifaman namoota lama yookiin lamaa ol  gidduutti. Fakkeenyaaf, korboo tapachuuf namni kololchu yookiin darbatu tokkoofi kan waraanu tokko yookiin tokko ol jiraachuun dirqama. Gulufni yookiin gugsiin fardaas kan tapahatamu yoo xiqqaate nama lama ta’uun. Gareedhaanis nitaphatama. Akkasumas, tapha qilee keessatti namoonni qillee garee lamatti qoodamuun taphatu. Baayyinni miseensota gareewwan isaaniitis walqixa.  Iddoon itti taphatamu dirreedha. Yoo miseensonni garee baayyatan dirree bal’aatu filatama. Yoo muraasa ta’an garuu, dirree dhiphaa ta’errattii taphatama.Tapha aada keessaa daakaan bishaaniimmoo kan dandeettiin  dhuunfaa ittiin  agarsiifamuudha. 

Tapha aadaatti dhimma ba’uuf, gatii guddaan hinbarbaachisu. Tapha aadaa keessatti meeshaalen ammayyaas hagas mara hinbarbaachisu. Irra caalaan isaanii waan uumamaan jiruun raawwatamu. Uffata  addaatis hinbarbaadan; kanuma qabanitti dhimma ba’u. Bishaan, dirreen, mukniifi fardeen jiraannan hunduu guute jechuun nidanda’ama. Kanneen akka saddeeqaa tapahchuuf ammoo hidhannoo wayituu hinbarbaachisu. kanaafidha taphni aadaa namoota garee kamiiyyuu kan hirmaachisuudha. 

Taphni aadaa faayidaalee garaagaraa qaba. Akka madda bashannanaafi oonnachiftuuttis kan itti gargaaramuu dandeenyudha. Fakkeenyaaf, miseensonni hawaasaa yommuu tapha kanaaf walitti dhufan walbaru; walitti dhihaatu. Kun immoo akka waljaalalli isaan gidduutti uumamu taasisa. Kana malees, qaamni isaanii akka cimaa deemu godha. Taphni aadaa kun gammachuu namaaf laachuurra darbee sammuun namaa akka qaramaa deemu taasisa. Akkasumas dirree namoonni amala gaarii, obsa, beekumsaafi dandeettii qaban itti muldhisan ta’uu danda’a. Kanumaan walqabatee tooftaawwan akka miliqqee, injifachuu, utaaluu, dhokachuufi kkf keessatti horataniidha.

Walumaagalatti, taphni aadaa hangafa tapha ammayyaa ta’ee kan akaakuu garaagaraa of keessatti qabatudha.  Tapha aadaa raawwachuudhaafis gatii guddaa nama hinbarbaachisu.  Faayidaa taphni aadaa dhala namaatiif kennus daran olaanaadha. Kanaafuu taphni aadaa hundee tapha ammayyaa kanaa waan ta’eef haala gaariin kunuunfamuutu irra jiraata. 

Leave a comment