FOR BETTER OROMIA

Sadaasa 3: Guyyaa Seenaan Yaadatu

Hundasaa Waaqwayyaatiin

Sadaasa guyyaa 3, bara 1992 guyyaa dhaabonni Oromoo ( ABO, OPDO, IFLO fi ABUO ) yeroo jalqabaa fi isa dhumaaf, galma tokko keessatti walgahuun, Qubeen har’a itti fayyadamnu afaan hojii Oromiyaa akka ta’u kan murteessan guyyaa Seenaa guddaa qabudha. Haa ta’u malee guyyaan kun akka qoosaatti dagatame. Torban darbe garuu marsaaleen Gadaa.com fi Ayyaantuu.com waan nu yaadachiisaniif galata guddaa qaban. Seenaa kana mee xiqqoo duubatti deebinee yaadachuun haala har’a keessa jirru haa xiinxallu.

Saba tokko saba biraa irraa kan adda baasan keessaa tokko afaanii fi aadaa isaati. Afaan meeshaa sabni tokko aadaa, duudhaa, safuu fi seeda isaa ittiin ibsatu, mallattoo eenyummaa isaati. Afaan yoo ittiin hin baramnee fi hin hojjetamne suuta suuta laafee gara du’aa fi dhabamuutti deemuu danda’a jedhu warri dhimma afaanii irratti qoratanii fi hojjetan.

Afaan Oromoo afaan uummata miliyoonota hedduun dubbatamu ta’ee osoo jiruu hacuuccaa fi cunqursaa waggoota danuu oliif humna koloneeffatootaan irra gaheen, akka ittiin hin baratamnee fi hin hojjetamne godhamee akka baduu fi afaan amaaraan akka liqimfamu gochuuf warra yaalamaa ture keessaa isa tokkodha. Haata’u malee qabsoo ummati oromoo fi ilmaan cunqurfamoo kan biroo waloon godhanii fi injifannoo bara 1991 argameen afaan oromoo, Oromiyaa keessatti afaan barumsaa fi hojii akka ta’uuf carraa ykn hiree argate.

Bara 1991 yeroo ABOn handhuura Oromiyaa, Finfinnee seene irraa kaasee Qubee Afaan oromoo barachuu fi barsiisuun duula guddaatu godhamee ture. Qubee laatiniin hojjechuuf dhaaboliin Oromoo yeroo sana mootummaa cehumsaa keessa turan akka fudhataniif Sadaasa guyyaa 3, bara 1992 walgahii guddaa tokko qopheessuun, Qubeen kun afaan keenya ittiin barreessuuf fidala gi’iizii fi kan Arabaa caala filatamaa ta’uu hayyoonni afaanii amansiisuun dhaaboliin Oromoo hundi sagalee tokkoon fudhachuu murteessan. Kun seenaa yeroo kamuu dagatamuu hin qabnee fi bara baraan kan yaadatamuu fi kabajamuu qabu dha.

Yeroo sana irraa eegalee, afaan oromoo barachuuf oromoo qofa osoo hin taane warri afaan oromoo hin beeknellee qooda guddaa fudhatan. Erga ABOn Chaartera keessaa bahee boodallee manneetii barumsa magaalaa Finfinnee keessatti argaman hedduu keessatti dhuunfaan galgala barsiifamaa ture. Fedhii fi hirmaannaan yeroo sana namooti baruu fi barsiisuuf duula godhan hedduu guddaa ture. Kitaabonni barumsaa kuma hedduun maxxanfamee manneetii barumsaa Oromiyaa keessa jiraniif raabsaman. Barruulee fi gaaxexoonni danuun bahuu jalqaban. Barruulee yeroo sana dhalatanii fi maxxanfamuun ummata bira gahaa turan keessaa hanga tokko yaadachuuf Qabee, Innikka, Madda Walaabuu, Gadaa, Ichima fi Biiftuun kan yaadataman yoo ta’u, gaazexoota yeroo sana turan keessaa ammoo kan akka Bakkalcha Oromiyaa, Madda Walaabuu, Urjii, Coqorsa, Seyfe nebelbaal, Risaa fi Irreecha kan jedhaman ni yaadatamu.

Kaasetoonnii fi kitaaboti bahaa turanis hedduu turan. Fiilmiin afaan oromoon soneeffamanii fi ummata oromoo biratti seenaa guddaan yaadataman, kan akka Dukkanaan Duuba, Fuula dhokatee fi Jilbeebbii kan jedhaman yoo ta’u boodarra kan bahan Qaanqee, Hadhaa, Qoraattii Gadameessaa, Eelaa fi kan kana fakkaatanii fi maqaa isaanii kan hin yaadanne hanga baroota dhiheenyaatti hedduutu burqan. Keessattuu Fiilmiin Dukkanaan Duuba jedhamu, kan obbo Dhaabaa Wayyeessaan qophaa’ee, dararaa fi hacuuccaa ummata keenya irra gahaa ture kan ibsu yoo tahu, seenaan isaa kan hin dagatamne hojii guddaa ture. Haa ta’u malee barruulee, fiilmii fi gaazexoonni kunniin akka jalqabanitti itti fufanii guddachuu fi babl’achuu hin dandeenye. Hidhaa fi dararama mootummaan wayyaanee namoota waan kana hojjetan irraan gaheen qopheessitoonni barruulee fi gaazexoota kanaa hojii isaanii itti fufuu hin dandeenye. Artisoonni hedduun kan yeroo sana burqanii fi mul’atan , gariin ni ajjeefaman, hedduun ammoo biyyaa bahan. Kanneen booda kana mumul’anii fi ummata biratti jaalatama argataa dhufan, akka eegamanitti guddachuu hin dandeenye. Barruulee fi gaazexooti biyya keessatti bahaa turan guutummaatti gabaa irraa kan dhabaman yoo ta’u, biyya alaatti Barruuleen Burqaa jedhamtu kan obbo Daraaraa Maatiin qophaawaa turte hanga tokko deemtee har’a isheenuu lubbuu dheerachuu hin dandeenye. Gaazexaan Urjiis akkasuma biyya Canadaatti maxxanfamuu eegaltee turte, garuu fagoo hin deemne. Gargaarsa ykn hirmaannaa ummata keenyaa dhabuun duute. Yeroo ammaa barruuleen ykn gaazexaan walabaa kan Afaan Oromoon dhimma Oromoo fi Oromiyaa irraa dubbatu, biyya keessattis ta’e, biyya alaatti kan barreeffamaa fi maxxanfamaa jiru hin mul’atu. Haa ta’u malee kan reefu bahuu jalqaban barruulee Gadaa fi SIIF SIIN kan jedhaman akka jiran dhageenya. Isaan kunis yoo nuti itti hin dirmannee fi hin gargaarre carraan isaanii akkuma warra kanaan duraa ta’uu hin oolu.

Barruulee fi gaazexooti kunniin gabaa irraa dhabamuun ykn xiqqaachuun dhiibbaa mootummaa wayyaanee qofaan miti. Namooti keenya aadaa dubbisuu fi muuxannoo Qubee Afaan Oromoo dubbisuu dhabuunis ni jira. Barruulee fi gaazexaan dhabamullee , Dhaloota Qubeetiin kitaabota hedduutu yeroo yeroon bahaa jiran. Isaan kunis nama bituu fi dubbisu dhabuun kisaaraarra akka bu’anii fi iyyataa akka jiran dhageenya. Kaaseti, CD fi VCDn artistoota keenyaan bahanis akkasuma.

Rakkoon kun akkasiin itti fufee afaan keenya Ogbarruu fi Aartiin du’a, moo furmaata barbaaduu qabna?. Gaaffii kana Oromoon hundi kan walgaafachuu qabuu fi afaan keenya guddisuuf ani maalan gumaacha jennee ofi gaafachuu qabna.

Gaaffii kana deebisuuf malli tokko dhahamuu qaba. Malli kunis iyyanii, iyya dabarsuudha. Iyya kanaaf ammoo namni ani Oromoodha ofiin jedhu hundi dirmachuu qaba. Afaan keenya karaa Ogbarruu fi Aartiin guddisuuf duula bahuudha. Duula kana irratti hirmaachuun dirqama Oromummaa fi Eenyummaa ta’uu qaba. Warri Seera Qubee kana afaan oromoof tolchan lubbuu isaanii itti wareeganii seenaa hojjetanii darbanii jiru. Nuti ammoo seenaa isaanii kana dhaloonni har’a lubbuun jiru kunuunfachuu fi guddifachuu yoo dadhabne Ekeraan isaanii nu gaafata.

Gaaffii Seenaa kana jalaa bahuu fi duula guddina Ogbarruu kana hojiirra oolchuuf, warri barreessan akka jabaatanii hojjetan, warri qabeenya qaban akka maxxansiisan, hawaasni bal’aan ammoo akka irraa bitu Tumee-Seera labsuudha. Hawaasni keenya kanneen Waldaa Hawaasaa, Waldaa amantii fi Afoosha ykn Golobeen ijaaramanii jiran marti dirqama kana bahuuf haala itti maxxansaaleen Oromoo hundi nama Oromoo jedhamu mara bira gahuu qabu irratti koree dhimma kana hordofu ijaaruu fi hordofuu qabu.

Duula kana qindeessuu fi bobbaasuuf adda durummaan kan irraa eegamu midiyaalee Oromoo kanneen akka TV, Radio fi Marsaalee ( webiste) ti. Isaan maxxansaalee bahan kana duukaa bu’anii yoo beeksisan, abbootii maxxansan yoo dubbisan, hayyoota oguma kana qaban yoo mariisisan hawaasni hubannoo irraa argata. Yoo hubate ammoo duula kana keessatti fedhiin hirmaata. Rakkoon Ogbarruu fi Aartii keenya mudate haala kanaan furmaata argatee guddata jedheen yaada. Dhamma kanaaf deebiin keessan murteessaadha.

 

 

One thought on “Sadaasa 3: Guyyaa Seenaan Yaadatu

  1. yaada jajjabeeffamuu qabuudha.keessattuu abbootin qabeenya hedduun hubannoo dhaburraan kan ka’e hojii kana keessa galaa hin jiran kanaaf abbooti qabeenya gara kanatti fiduuf tooftaa adda addaatin fayyadamuu qabna.
    dhumarrati gumaata aartii oromootif kan ooltu kitaaba asoosama tokko barrreesse xumure harka kiyyarra jira kanaaf kitaaba kana maxxansiise qaamni ummataan gahu fedhu yoo jiraate karaa teessoo kiyya kanaan na qunnamu danda’a.
    bil. +251921939763
    email: kiyyaakorbu@gmail.con

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: