FOR BETTER OROMIA

Irreechaa

Ummatni Oromoo ummata aadaa, safuu, sirna, seera, heera fi kanneen biroo kan ummaticha bira darbee addunyaa kana boonsu hedduu qaba. Fakkeenyaaf, sirnoota Oromoon kabaju keessa yoo fudhanne, sirni kabaja Irreecha isa tokkodha.

Irreecha jechuun Marga yookan Coqorsa Jiidhaa yoo kaan ammo Ilillii Waaqa ittiin kadhatan jechuu dha.Galchaan warra waa namatti himuuf kennamus Irrecha jedhamee waamama.Karaa biraatiin Irreecha jechuun mallattoo nageenyaa fi araaraati.

Gama biraatiin yoo ilaalle Irreechi ayyaana.Sirna kadhaafi galata Waaqaaf godhamuu dha.Kan Oromoon bahee itti Waaqa galateeffatuu fi imaanaa Waaqa irra bulfatuu dha.Irreechi ayyaana Waaqa kadhannaa fi Waaqa galateeffannaati.

Oromoon birra birraa kan malkaatti bahuuf bashannanaaf yookaan waan biraaf miti. Waaqa dukkana gannaa nagaan isaan baase galateeffachuu fi kan gara fuulduraaf immoo imaanaa Waaqa irra bulfachuufi. Akkasumas ayyaantummaa ofii gabbifachuu fi Waaqa kadhachuufi. Kaayyoon ayyaana Irreechaas kanuma.

Waggoota dhihoo kana Oromoon gara Irreechaa deemu laakkofsaan baruma baraan dabalaa jira. Oromoonni godinaalee adda addaatii dhufani iddoo aadaa isaanii itti calaqqisiisan keessa ayyaanni Irreechaa issa tokko fi guddicha dha. Oromoonni miiliyoonaan laakkawaman bakka tokkotti ayyaana itti argamanii dha.

Gaafa ayyaana Irreechaa; eebba, jeekkarsaa (Geerrarsa), araaraa, hammachiisaa, moggaasa, labsii sabaa, Waaqa galateeffannaa, akkasumas sirboota adda addaa fi faaruu adda addaatu jira.Oromoonni gaafa ayyaana Irreechaa uuffata aadaa, callee, siiqee, horooroo, ciicoo fi waan aadaan of-faayanii(bareechanii) gara malkaa deemu. Irreechas harkatti qabatu.

Irreechi guyyaa Oromoonni gamaa gamanaa walitti bahanii Waaqa galateeffatanii, sirbanii, taphatanii, dhiichisanii, Geerraranii, aadaa isaanii calaqqisiisanii guyyaa gammachuu guddaan oolanii dha. Kana qofa miti, gaafa ayyaana irreechaa waan baay’eetu jira!

Irreechi Birraa yookan Malkaa, kan kabajamu birraa keessa malkaa irratti. Kan irreeffatamus ayyaana Ifaanoo (Gubaa) booda.Oromoon osoo Ibsaa Birraa hin ibsine Irreecha birraa hin irreeffatu.Dura ibsaa ibsee qe’ee isaatti kabaja.Ayyaanni Masqalaa fi ayyaanni Gubaa yookan Ifaanoo, yeroo fi ibsaa ibsuun wal haafakkaatu male garaa garumma guddaa qabu.Kayyoo fi galii adda addaas qabu.Masqalli yaadannoo Fannoo Goftaa keenya Iyyasuus Kiristoos barbaachaaf Kabjna jedhu, hordoftoonni amantaa Kiristiyaanaa.Gubaan ykn Ifaanoon ammo Ibsaa Birraa ibsuun dukkana gannaa keessaa ifa yookan booqaa birraatti bahuu agarsiisuuf Ibsama.

Erga Ibsaa Birraa qe’eetti ibsanii booda, Irreechi diinqaa achuma qe’eetti bahama.Sana booda Irreechis sabaa Magaala Bishooftuu Hora Harsadiitti kabajama.

Yeroo amma kana wanti akka irrechaa bakka tookkotti walitti nu qabu hin jiru.Ayyaana guddaa Oromooti.Guyyaa ayyaana kanaa, hawasni Oromoo walitti yaa’ee, waa’ee dhimma gamtaa fi biyyaa irratti dhaamsa walii dabarsu.Waayee hawaasummaa, nageenyaa, diinagdeefi kkf irratti dhaamsa walii dabarsu.Yeroo dhihoo as ammo madda galii daawwata Turiizimii ta’aa jira.

Ayyaana guddaa Oromoo kanaaf hagam takka beekkamtiin kennameefii kunuunsi godhamaa jiraaf yoo jeenne, deebiin keenya duwwaa ta’a. Ayyaana kana ummata adunyaatiif beeksisuufi madda galii gochuu irrattis haala quubsaa ta’een dalagaan hojjatame hinjiru. Kana qofaa miti, ayyaana kanaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e Mootummaan Feedaraalaa beekamtii kenneefi akka ayyaana birootitti haala itti kabajamaa hin jirretu jira.Kanaaf! guyyaan ayyaanni kun itti kabajamu akka seeraaf duudhaa Oromootti, Oromiyaatti akka Ayyaana Biyyoolessaatti beekkamtiin kennamuufi qaba.

OROMOO, IRREECHI IRREEDHA!!!

Leave a comment