FOR BETTER OROMIA

Seenaa Gaaddisaa Hirphasaa (1980-2006)

Gaaddisaa HirphasaaBarataa Gaddisaa Hirphasaa abba isaa Obbo Hirphasaa Qanaaa fi haadha isaa Aaddee Jaalannee Diroo irraa Eebla bara 1980 (A.L.O.) Godina Shawaa Lixaa Aanaa Xuqur Incinnii ganda Qorroo Haarritti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffaa achuma Xuqur Incinnii mana barumsaa Boorat sadarkaa 1ffaatti xumure. Barnoota sadarkaa lammaffaa kutaa 9 M.B. sadarkaa lammaaffaa Gudaritti kan hordofe yoo tau 10-12 ammoo M.B.sadarkaa lammaafaa Jimmaatti barate. Qormaata Biyyoolessaa qabxii olaanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti ramadame. Barnoota sadarkaa olaanaas qabxii guddaa fiduun muummee Teeknooloojii seenuun barataa civil engineering waggaa 4ffaa ture.

Barataan Gaaddiisaa dhaloota haaraa ejjannoo jbaa qaban keessaa tokko ture. Barataan kun sinbo-qabeessa, hiriyoota isaafi hawaasa keessatti jaallatamaa ture. Jaalalaa fi kabajaa guddaa ummata isaaf qaba ture; yaadni fi amalli isaa kan namatti tolu mucaa jaalatamaa fi eebbifamaa ture.Barataan Gaddisaan waaee eenyummaa Oromoo kan xinxaluu eegale yeroo sadarkaa 1ffaa baratu yoo tahu, wayta sadarkaa lammaffaa baratu ammoo barattoota Amboo waliin gaffii mirgaa gaafachuu tattaaffiin inni godhaa ture cimaadha. Cunqursaan Oromoo irraa gahaa tureef gahaa jirtu darab isa quuquu kan jalqabes yeruma kana ture. Wayta Yuunivarsiitii Finfinnee seenettis gootota barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee biroo waliin gaffii mirgaa gaafachuurraa nama guyyaa tokkollee hin boqonne, nama murataa ture.

Barataa Gaaddisaan gaafa mooraa yunivarsiitii Finfinnee seenee eegalee gaafii mirgaa fi kan abbaa biyyuummaa Oromoo barattoonni Oromoo kaasaa turan keessatti gaheen inni taphataa ture himamee hin dhumu. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti kan yoomuu hin dagatamne mormii barattoota Oromoo 2004 keessatti nama gaffii abbaa biyyuumma Oromoo Finfinneerratti qabu barattoota biroo waliin falmii geggeessaa turan keessaa isa tokko. Yeroo Wayyaaneen magaala guddittii Oromiyaa gara Adaamaatti godaansiftee ergamtuu ishee OPDO Finfinneedhaa buqqiftetti gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee gaafannaan barattoota 350 ol kan tahan barnoota irraa wayta ariamanii kaasee mootummaan faashistii Wayyaanee mana hidhaa adda addaa keessatti dararama hiriyaa hin qabne irraan gahaa turte.

Mana hidhaa Maakalaawwii, mana hidhaa Karchalee Finfinnee booddee ammoo mana hidhaa Qaallittii keessatti hooggantoota Waldaa Maccaa Tuulamaa fi barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee waliin miidhan irra gahaa ture. Dararama poolisa federaalaa harkatti irra gahaa ture caalatti ammoo kan mana hidhaa Qaallittii keessatti jalaqaba Jia Gurraandhala keessa irra gahaa ture akka malee hammaataa ture. Shira Wayyaanonni xaxaniin bilbila mobaayla lafa inni ciisu kaauun ABOf bilbila jedhanii yakkuun mana hidhaa dukkanaa fi kan lafa jalaatti achuma Qaallitti qofaa isaatti hidhuun turban lamaafosoo walirraa hin kutiin reebaa turan.

Yeroo achitti reebaa turetti kale isaa akka malee miidhamuu himatee ture. Dhimma kana mana murtiitti illee iyyatee ture. Haataúutii manni murtii Wayyaanees furmaata tokko illee hin kennineef; manni hidhaas wal’ aansa dhoowwcchuun akka inni dhabamu godhan. GAruu, erga lubbuun keessaa bahuu geessee fakkeessuuf jecha mana yaalaa geessan; yeroo sanitti immoo Gaaddisaan hedduu miidhamee ture; mana yaalaa gahus, irraa hafuu hin dandeenye. Akkanaan Bitootessa 28-2006 ganama keessaa saaa 9:00 irratti Hospitaala Minilikitti osoo wallaansa tokko illee hin argatiin hiriyyoota isaa harkatti biyya lafaa irraa boqote.

Haataúutii, gootichi Oromoo Gaaddisaan wayta lubbuun keessaa bahuuf jirtutti akkas jedhee barattoota Oromoo fi Ummata Oromoo maraaf dhaamsa dabarsee.

Yaa Ummata Oromoo!, Yaa hiriyyoottan koo fi yaa firoottan qabsoo bilisummaaOromoo!Duutin ani due dua gootoota Oromoo kan eenyummaa Oromoo yeroo jalqabaaf kaasan dua obboo H/Maariyaam Gammadaa, kan Jeneraal Taaddasaa Birruu, dua Dhibbaalaa MaammooMazamirii fi kan gootota Oromoo biroo waliin walfakkaata.

Ani kanan hidhameef, kanan ajjeefameefis waanan gaaffii mirgaa Oromoo gaafadheef, waanan cunqursaan Oromoo irra jirtu haa kaatu jedhee gaafadheef akkasumas Oromummaa kootti waanan boonuf malee yakka hojjedheen miti. Mootummaan gabroonfataan ammoo nama ofitti amanu hin jaallatu, mootummoonni Abashaa kan fedhan Oromoo doofaa kan waan isaan ajajan ishoo jedhee fudhatu malee kanneen sabboonoo taan kaan biyyaa ariuun kan qabate mana hidhaatti hiraarsuun achumaan ajjeesuun aadaa isaa tahee jira.

Duuti Oromoo dhaa hamma dua sareellee dhageettii dhabdee jirti. Waan taheefis ani bilisummaa Oromootiifan wareegame irra deddeebitanii hidhii xuuxuun waahuu akka hin fidne beektanii kaayyoon ani itti wareegameef akka galmaan geessan imaanaa/adaraan tokkoon tokkoo Oromootiif dhaammadha.

Kanaaf yaa uummata Kuttaayee, yaa uummata Amboo, yaa uummata Sulee , yaa uummata Giincii, yaa uummata Guduruu,Yaa Ummata Sikkoof Mandoo, Yaa Ummata Ittuuf Humbanaa ,Horteen Booranaa fi Barreentumaa walumatti qabaatti Uumatni Oromoo marti gumaa koo goodatti hin hambisinaa! Karaan irra jirru karaa sirriifii kan Jaallan Oromoo itti wareegamaa jiran waan taheef waan nu itti ajjeefamne kana murannoon galmaan gahuun hoji-manee keessan waan taheef mirga keessan kabachiifachuuf sochoaa!

Duuti siree irrattuu kan hin hafne waan taheef ani ammoo bilisummaa saba guddaa gabrummaa jala jiru kanaaf osoon lubbuu lama qabaadhee kenneefii waan na gabbisiisu miti. Wanti guddaan dagatamuu hin qabne garuu Oromoon inni hafe gumaa koo baasuuf irbuu naa seenuu qaba!

Barataa Gaaddisaa Hirphasaa har’a qaamaan Oromoo waliin hin jiru; garuu seenaan isaa bara baraan boonee jiraata; dhalooti bilisummaa saba isaaniif ifaajanis kaayyoo fi faajjii isaa qabatanii deeman; oggayyuu diddaa fi fincila mirga ummataa kabachiisuuf godhamu keessatti adda durummaan dhahama ajiraata; Kun immoo haga hireen murteeffannaa ummata Oromoo dhugoomutti akn hin dhaabbannee dha!!

Qabsaayaan ni kufa!, Qabsoon itti fufa!!