FOR BETTER OROMIA

Seenaa Artiist Taaddasaa Cuuqqee (1957-2014)

Waggootaan 32 oliif guddina artii Oromoof hojeechaa ture. Har’a garuu  dirree artii kana dhiisee godaaneera; hojiin isaa fi muuxannoon garuu dhaloota dhalootatti kan waaru: Artiist Taaddasaa Cuuqqee.
10271573_295552100628931_1700052723904742361_n
Taaddasaa Cuuqqee (1957-1914)

Artisti Taaddasaa Cuqqeee waggoota 4 oliif sabaaba dhibeetiin oguummaa jaallatu irraa adda ba’ee ture. Yeroo kana keessattis dhibeedhaan erga dararama turee booda Mudde 14 bara 2014 dhalate. Umurii wagga 57tti adduunya kana irraa du’aan boqote.

Artist Taaddasaa Cuuqqee Abbaa isaa Obbo Cuuqqee Roobaalee fi Haadhasaa Aadde Jaamanesh Baalchaa irraa Caamsa 11, 1957 Finfinne bakka Boolee Bulbulaa jedhamutti dhalate. Barnoota isaa sadarkaa 1ffa Meriid asmach seebiste negaasiti barate ,2ffaa ammo M/B wesensege fi Addis ketemaa mana barumsa jedhamutti baratera.

Barnootasas ergaa xumuree booda bara sana dirqaama itti kennameen gara wallagaa Gatamaa fi sibuu siree bakka jedhamutti hojeecha tureera ,dirqama itti kenname xumuree gara finfinnetti yeroo deebi’uu feedhii artii ganamuuma isaa keessatti guddate dhugoomsuuf beeherawii tiiyaatiriti kaadhimaama taatoo ta’ee leenji’uun bara 1971 qacaaramee hojechaa tureera achiitis tiyaatira afaan amaraa maqaadhaan “Ye Alem Tsahayi Wedajoch Tigil”, ” Meftihewu”, “Deemachin” tiyaatiroota jedhaman hojetera ,beheerawii tiyaatiri dha erga ba’ees Raas tiyaatiriti Tiyaatiroota ‘Ber’,”Teyaki” “yebekel Seyf”, “yemehan Tirufat”, “Makbez”,Zer “Adang” “Markato”, ‘Late Fi tiyaatiroota heddu hojetee jira, yeroo itti Afaan Oromoo hin dubbatamne sanatti Hiriyoota isaa kan waliin Tiyaatiroota Afaan Oromoo hojechaa akka ture seenan jireenya isaa ni ibsa.

Artiist Taddasaa Cuuqqee Televiiziyoona Ithiyoophiyaa sagantaa Afaan Oromoo,keessayyuu Dhangaa irraatti diraamawwan hedduu hojechaa ture, Yeroo sanattis Ummata irraa Jaallala fi Kabaja guddaa nama horachuu danda’edha. Taddasa Cuuqqee Abba maatii fi abba ijoollee lama: Dhiira tokko fi Abba Dubara tokko ture.