FOR BETTER OROMIA

Seenaa Jaarraa Abbaa Gadaa (1936-2013)

Jaarraa Abbaa Gadaa (1936-2013), maqaan dhalootaa Abdulkariim Ibraahim Hamiid jedhama. Namni kun qabsaawaa mirga Oromootif falmaa turee fi falmata mirga dhala namaa ture. Jaarraan umuriisaa guutuu ummata Oromootif qabsaawun dabarse.

14233180_1772937429614551_1115886951851495154_n

Seenaa Duubaa

Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga’us mana barumsaa galanii barachuu eegalan.

Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture. Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti geggeeffamurraa kan ka’e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu ture. Kun itti dhaga’ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti gurmeessun dhaaba “Waldaa Barattoota Oromoo” jedhamu hundeesse. Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran, hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba kana keessa turan keessa pirofeesar Mahammad Hasan, Xahaa Alii Abdii, Jamaal Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti, agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse.

Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen, Akkaadaamii Barumsa Waraanaa Harar galee barachuu jalqabe. Yeroo gabaabaa booda, bulchiinsi akkaadaamichaa, amantiisaa akka hinshaakalle waan dhorkeef, bakka bilisaan jiraachuu ta’usaa waan hubateef, barumsa addaan kutee ba’e.

Qabsoo Hidhanoo

Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera.

Akkuma mootummaan Fincila Baalee too’annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta’uu Isaa waan hubateef achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa’an malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan.

Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa’ee qabsoo Oromoo mari’atan; dhaaba Oromoof qabsaa’us hundeessuf murteessan. Mootummaa Yaman waliin marii kan godhe yoo ta’u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa waliin marii godheera.

Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee booda, loltoonni 36 biyyatti deebi’anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee moggaafame.

Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee achii ba’ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishootti Ziyaad Baarre ofumasaatii Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale Liberation Front – WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe.

Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu, kan Elemoo Qilxuufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta’u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda’mneef gara biyyaatti deebi’e. Qawwee muraasaa fi rasaasaa Elemoon faa awwaalan fudhachuun Waraana Bilisummaa uumee qabsoo itti fufe. Goolii Diimaa Dargii namoonni hedduun baqatanis waraana kanatti makaman.

Yeroo muraasa booda waldiddaan sababnii isaa ifa hinta’in waraana Jarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Finfinneerraa dhufan gidduutti waan ummameef addaan ba’an. Waraanni lamaan addaan ba’us lamaanuu maqaa “Adda Bilisummaa Oromoo” jechuun waammama. Bara 1985, Jaaraa Abbaa Gadaa fi hiriyoonni isaanii waraana kan saanii Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jechuun moggaasan.

AIBOn mootummaa ce’umsaa Itoophiyaa kan bara 1991 ijaarame keessatti hirmaatee ture. Bara 1992, mootummaa ce’umsaa keessaa ba’uun gara gaarren Harargeetti deebi’ee qabsoo itti fufe. Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani.

Du’uusaa

Jaarraa Abbaa Gadaa biyya Yaman magaalaa sana’aatti dhukkubsatee yaallamaa ture gaafa Bitootessa 4, 2013 du’aan darbe. Reeffi Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa Bitootessa 7, 2013 gara biyyaa deebi’e. Gaafa Bitootessa 8, 2013, reefisaa magaalaa Wataritti awwallame. Jaarraan qabsoo Oromoo keessatti gumaacha godheen yoomiyyuu yaaddatamaa jiraata. Artistoonni hedduunis kabaja Jaarraaf sirboota hedduu baasaniiru.

Advertisements
%d bloggers like this: