FOR BETTER OROMIA

Kana maal jetta, yaa daachee?

 Maal yaa daachee, maal barri isaa?
Kan qabu ni waakkachiisaa,
Quufee otoo jiruu, amuummachiisaa
Dhiiroo maal kun barri isaa?
 Abbaan ilama ajjeessee, mirga dibachuuf
Ilmi du’a diddaaf, abbaa galaafachuuf,
Intalli haadha, miixuu barsiisuuf,
Safuu! namatti hin tolu, hunda dubbachuuf
 Suubboon qeerromee
Qeerroon suubboomee,
Rifeensi harriin gurracha’ee
Rifeensi gurraachi addaatee
kana maal jettaa, yaa daachee?
Dorobaan maseenee
Mucaan dhalate, ganama dulloomee,
Kan dulloome daa’imee
Daachee! Kana numamoo situ uumee?
Maaloo yaa daachee, qabanna buusi
Kan ballesseefis dhiisi,
Kan hojjateef eebbisi
Mortuu fi dhortuu nurraa deegsi
 
Camadaa Hundee

Leave a comment