FOR BETTER OROMIA

Seenaan of-deebisa: YOO GABROOMAN, AKKASITTI MALEE!!

MILKII BAHAA
Amma ganama kana ka’ee otuun social media keessa ilaaluu ijji kiyya waan tokko irra buute. Waan gidduu darbe ija kiyyaan argee, an bira darbetu, akka haaraatti iaj kiyya hawwate. Yeroon waan san argetti hedduu natti hin beekamne ture. Amma garuu, bulee, hedduu natti dhagayame. Dhimmichi akkasi!

Pirezidaantii sadaffaa mootummaa federaalaa kan ta’e, warri kaan ‘masaraa eegduu’ kan ittiin jedhan, an garuu maquma isaatiin kabajaa tokko malee kanan waamu, dhimma Mulaatuu Tashoomee  ti. Yeroo darbe Mulaatuu Tashoomee gara Ormiyaa Bahaa, aanaa Dadar dhufee afaan Amaaraan ummata Oromoo naannoo isaanii kunuunsaa jiranitti dubbatee deebi’e.

Akkuman dura kaase, yeroo sanatti hedduu na hin yaaddessine. Garuu,yeroo sanatti waantoti hedduutu natti dhagayamuun hin oolle. Yeroo sanatti keessa kootti, waan san hunda, “yeroo garbummaan balbalaan seentu, bilisummaan foddaan baati,” jedheen bira dabre.

Kana malees, “Maaliif wanti kun akkas ta’e?” jedheen of gaafadhe. Deebiin isaa bal’aa ta’uu mala. Garuu, ammaatti waanti beeknu, Mulaatuun Oromoo ta’uu, Najjootti dhalatee guddatuu, akaakayyuun isaa Wiirtuu ta’uu, Afaan Amaaraan dubbachuu dha. Namichi kun Afaan Oromoo akka gaariitti akka dubbatu illee nin hubadha. Qubee Afaan Oromoo beekuu isaa garuu mooji. Amma silaa masaraa eeguu fi keessummaa simachuun hojii isaa ta’uu heera mootummaa irratti tarreeffamee jira. Amman beekutti, Afaan hojii federaalaa Amaariffa ta’us, ummata Afaan Amaaraa hin beeknetti, Afaan isaatiin akka hin dubbanne waanti uggurame ifatti jiraachuu isaa hin yaadadhu.

Kun immoo waan hedduu keessa deebinee akka yaadannu nu godha. Kan hin barreeffamne dhiisaatii, kan barreeffame iyyuu hojii irra oolee hin jiru. Oromoon naannoo Finfinnee jiraatu, Finfinnee irraa faayidaa addaa argata jedhamee keeyyata 49 jalatti erga barreeffamee waggaan 15 darbee jira. Finfneen akkuma Amaaroftetti, Oromoota dhiibbachaa jirti malee faayidaa Oromoof kennaa hin jirtu.

Amma immoo falli biraa bahee jira. Akkuma bara Haile Sillaseetti, namooti Oromoo Qondaaltota Itoophiyaa ta’anii Afaan Amaaraan Oromootti dubbachuutti deebi’anii jiru. “Seenaan of-deebisa,” kan jedhan dhugaa dha. Waggaa afurtama dura, bakka bu’aa mootummaa Haile Sillasee kan turan Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir naannoo Jimmaatti argamanii Afaan Oromoon waan dubbataniif waamamanii ‘gorfaman’ jedhama. Eehee bara jijjiirame malee, waaroon sirnichaa kanuma durii ti. Sirni ammaas waardiyyaan geeddarame malee, uunkaan isaa kanuma kaleessaa ti.

Nagoomaa,

Milkii Bahaa

Leave a comment