FOR BETTER OROMIA

JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: Kutaa Lammaffaa

                                      Taammanaa Bitimaa irraa

Barreeffata kana kutaa isa tokkoffaa akka ilaaltanii waa irraa qalbeeffattan abdachuun, kunoo harra immoo itti-fufaa isaa isiniif dhiyeesseen jira.

SEENSA

Afaan tokko heddummina jechoota isaa keessayyuu jechoota moggoyyaalee-tiin duwwaa miti, kan isa afaan sooressaa fi gabbataa isa taasisu. Waan tokkos gargar-baafatee yoo lafa kaawwate, daran afaan sooressa isa jechisiisa. Afaan keenya, Afaan Oromoo kana lachuunuu jifaarameetoo argama. Afaan kana keessatti jecha tokkoof moggoyyaaleen shan yookaan sanii ol heddumminaan muldhatu.

Kana irratti dabalameesoo, waan tokko sirriitti addaan-baasuun lafa kaawwata. Barachiisaan (pirofeesarri) ogeessa afaanii kan Biyya Ostiriyaa, Philipp Paulitschke, bara 1886 keessa Oromiyaa Bahaa keessatti qorannoo Afaan Oromoo irrati adeemsisee ture. Inni Afaan Oromoo karaa lamaan raajeffata. Tokkoffaa karaa bareedumina isaa daran malaaleffata. Lammaffaa afaan kun daran sooressa jedheetu dinqeeffata. Kanas fakkeenyota kennuun agarsiisa. Yeroo sa’aa 24 keessatti argamu tarreessuun sagaleewwan 17 keenna. Jechuun:

iyya-lukkuu, barraaqa, barii barraaqaa, obboroo, barii,
subii, ganama, waaree, saafaa/ saafaya, cabssaa — faa.

Kana irratti dabaluun, qaama namaa isa karaa alaa callaa keessaa jechoota 51 keennuun raajeffata. Kun lamaanuu otoo Biyya Oromoo mara irraa walitti qabamanii, akkaan sanii ol tahu. Ani mataan kiyya gaafan barroo (kitaaba) isaa dubbise, “nami kun dubbii hoo’isee-laa?” jechuun, kanan ofii beeku sagaleewwan qaama namaa isa karaa alaa:

mataa, konkon, fuula, adda, hidhii, gurra, areeda, morma,
gateettii, saggoo, qoorara, nyaara, dugda, ija, qoma, maddii, dirra —  faa.

Faa jedheen jechoota 115 ennasuma barreesse. Anuu yoon sirriitti itti-yaade sanii olin lakkaawa jechaa dha. Dabalees yoon namoota biroo irraa qoraddhe hedduu, hedduun lafa kaawuu dandayaayyu.* Oromoon maqaa baasuu jaalata. Mana isaa, lafa isaa, nafa isaa, qeyee isaa, horii isaa faa sirriitti gargar-baasuun maqaalee kenneefii moggaasa. Furaa “Kuusaa Sagalee Oromoo” jedhamu, kan bara 1980 (A. L. Habashaatti) keessa Qees Dafaa Jammootiin barreeffame keessatti, barreessaan kun jecha “billaacha” jedhamau jalatti, billaachi gosa addaddaa akka qabu sagaleewwan 22 kennuun agarsiisa. Mee isaan keessaa hamma tokko duwwaa haa ilaallu:

billaacha qicuu   –    billaacha burree akka qicuu
billaacha qeerransaa  –      billaacha burree bifa qeerransaa (qabu)
billaacha qoccoo    –       —
billaacha balaqqii  –        —
billaacha burree    –        —
billaacha xirinyii  –        —
billaacha diimtuu   –        —
billaacha mardaafoo –        —
billaacha fuutuu    –        —
billaacha gorbaa    –        —

Jedheeti itti-fufun hiikkolee jechoota 22 keenna. Barachiisaan Jarmanii kan waayee Oromoo irratti qorannoo baldhaa adeemsiseeyyu, E. Haberland, Oromoo Gujii biraa maqaalee bifa loonitii kennaman 40 walitti qabeeti, kan Oromoo Booranaa sanaa ol akka tahe addeessa**. Namni Oromiyaa Waltajjii keessumaa naannolee Jiddaa, Abbichuu fi baddaa Walisoo keessaa: Maaruu Kormee, Daawo, Qaqaldhii fi Dandi faa; Kutaaye keessaa: Xuqur, Maatii fi Warqa faa dhaqee waayee bifa fardeenii qorate, jechoota sonaan danuu walitti qabuu dandaya. Namni Bachoo fi Ada’a Liiban (naannoo Bishooftuu) deeme, gosa xaafii meeqaa-meeqa walitti guuruu dandaya. Akkanuma yaa Jimma yaa buna, yaa Arsii yaa garbuu, yaa Boorana yaa loon, yaa Harargee yaa jimaa fi yaa mishingaa, yaa Wallagga yaa boqqoolloo fi yaa hancootee — jenneetoo dubbii gabaabsuuf bira kutuu dandeenya. Akkuma qabeenyi Oromiyaa bashbashaa fi bacaqa tahe, jechoonni Afaan Oromoos bashbashaa fi bacaqa.

Kunoo, kun hundumtuu badhaadhina afaan keenyaa muldhisa. Irra caala afaan kun misoomaa, saayinsii fi teeknolojii ammayyaa wajjin tarkaanfachaa akka deemuuf, Ormoonni baratan afaan kana irratti qorannooo garagaraa adeemsisuu dha qabu. Kun immoo kan borutti dabarfamuu otoo hin taane, kan ammuma jalqabamuun irra jiru. Badhaadhina Afaan Oromoo isa abbootii fi haadholiin teenya durii-durii irraa kaasanii bashbashaa fi bacaqa godhaniitoo nutti dabarsanii dabran, nutis bashbash, bacaq goonee dhaloota boruutti akka dabarsuu qabnu, seenaa fi ayyaana afaan keenyatu nu dirqisiisa!

Egaa, ergan hammana waa jedhee amma armaa gadittan jechoota moggoyyaalee 25-nan tokko isiniif tarreessee, kutaa isa kana xumura.

JECHOOTA MOGGOYYAALEE

1) jargee –       laana, kasoo, garraamii, damboobaa (“innocent“)
2) kichuu –     xobbee, qacalee, corqaa, taltallee, laccee
3) Shaalii  –    rikaa, xooqee
4) kortoo  –     yaabbannoo, riqaa
5) bakka    –     iddoo, darguu, fulaa, irgee
6) golollee  –    geengoo, kololoo
7) faaraa   –         suphee
8) balashee   –    baaqqee, balee
9) kurfeessuu –       qoppheessuu
10) abaargittuu–        raagduu, raajjuu, waa-himtuu
11) labata     –             dhaloota (“generation“)
12) leetoo  –        jireenya***
13) maandhaa   –        eegoo, qixisuu
14) madaruu    –       gochuu****
15) baaxiyyaa  –       handaqii, gashaa, qooddiroo
17) eegaluu    –    jalqabuu
18) sabaroo    –     qorxii
19) uffata     –      wayaa, huccuu, daara, kafana
20) hindheessa –       gaattiraa
21) xirribbaa – bagara, shikaala*****
22) massaa     –      qabata, sababa
23) guratee   –     suqqaa, guulii, quuqaa
24) wiixaa     –    migira
25) waree – oduu gammachiisaa, aaga******

Tajaajilamtoota mandhee Ayyaantuu Oromiyaa jaalatamoo fi kabajamoo, barreeffata kana kutaa isa tokkoffaa irraa wanni wayii irraa citee otoo hin baafamin waan hafeef, kunoo kanatti aanseen isiniif dhiyeessaa mee ilaalaa! Kunis jechoota 25 – nan ni kennamu jedhame keessaayyi, lakkoofsi 19 irraa hamma 25-tti irraa citeeyyu. Egaayyis mee kunoo:

19) wasiila   –          abbeeraa, adeera
20) halkoo     –          meeta/ meetii
21) totommoo   –          buunyaa, aboottee, dummuca
22) indootiyyaa  –          haboo, areeroo
23) harqoota     –          waanjoo, qambara/ qambarrii
24) abbuyaa      –          eessuma
25) waangoo      –          sardiidaa, jeedalloo/ jeedala

HUBACHIISA MIILJALEE

* Pirofeesarrichis, anis kanneen lakkoofne, otoo sagaleewwan moggoyyaalee itti hin ida’ini. Waan akkanaa oggaa lakkaawan jechoota moggayyaalee malee, tahuu akka qaban seera fi mala xinlugaatu agarsiisa.

** Barrooleen barachiisota lamaanuu jechuun, kan Paulitschke fi kan Haberland dhuma-dhumaa barreeffata kanaa irratti kennamu.

*** lee’uu = jiraachuu; lee’aa = jiraataa; leetuu = jiraattuu  — jenneetoo akka seera Afaan Oromootti itti-fufuu dandeenya.

**** madaarsisuu, madaarsifamuu; madaara, madaarrii, madaarsisa, madaarsisaa, madaarsifama, madaarsifamaa  — jenneetoo akkuma seera afaan kanaatti itti-fufuun waan haaraa miti.

***** xirribuu = xirribbaa rukuchuu, xirribbaa siinsisuu; xirribbee; xirribduu — faa irraa baasuun seeruma. Bagaruu, bagaramuu, bagartuu — faas qalbeeffachuun mishaa dha.

****** Jechi Waree jedhamu kun jecha Afaan Amaaraa miti. Jechi kun kan Afaanonni Kuushii wajjin qabani. Afaan Amaaraatu Afaanota Kuushii irraa ergifate. Sumaalonni faa hanga ammaattuu sagalee kana “oduu” jechuuf, dhiimma ittiin-bawu. Ammoo, Afaan Oromoo keessatti jechi kun oduu nagaa, oduu gaarii fi gammachiisaaf dhimmi ittiin-bayama. Faakkeenyaaf: “Obboleettiin tee nagumaan deesse! Jaarmoleen Oromoo cufti tokko tahanii bilisummaadhaa qabsaawuuf wal-tahni!”

Itti-fifa —!

Taammanaa Bitimaa gurree@web.de

One thought on “JECHOOTA MOGGOYYAALEE KAN AFAAN OROMOO: Kutaa Lammaffaa

Leave a comment