FOR BETTER OROMIA

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA

                                                                   Taammanaa Bitimaa irraa
                                                                            Kutaa Duraa   (04. 10. 15)
DURADUBBII
Dubbiftoota barruu tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo harra irraa kaaseen mataduree kanaa olitti kaayame jalatti waa isiniif dhiyeessaa, mee na hoofkalchaa! Kanas hamma naaf dandayametti guutuu taasisuunan guutee, irra bash-bash gochuun isiniif dhiyeessa. Garuu, yaa Oromoo koo akkana gochuuf laalleewwan (infoormeshina) guutuu qabaachuutu nama irra jira. Haala uummanni keenya Oromoon keessa jiruu fi dukkana wallaalummaa koloneeffattoonni Habashaa nu aguuggachiisan irraa kan ka’een, laalleewwan barbaadaman guutumatti argachuun rakkisaa dha. Haatahu malee, hammuma jiru irraa ka’anii waliif ibsuutu irra bu’aa qaba. Guutuu eeggachuuf, guutumatti harka maratanii taa’uun kana nama baasuu miti.
Ani oggaan waraqaa tana kurfeessuuf saganteeffaddhe, wanneen kanatti aananii tarreeffaman mara isiniif dhiyeessuufan ture. Kunis: a) maqaa magaalaa tokko akka Afaan Oromootiin barreeffamuu fi akka Afaan Ingiliziitiin barreeffamutti b) bakka magaalaan sun itti-argamu c) bara magaalaan sun itti-bu’ureeffame d) lakkoofsa jiraattota magaalaa sanii fi e) fakkoolee addaddaa kanneen magaaalaa san agarsiisanii. Ammoo, qabxiiwwan kanneen keessaa kan magaalaawwan daran hedduu argachuu hin dandeenye. Tahus kun bara Waaqni jedhe guutamaatii, kunoo kanan harkaa qabu isiniif dhiyeeseen jiraa mee na eebbisaa dhamdhamaddhaa! Toleekaa, akkuma na eebbiftan WAAQNI guddichi waan hundumaa harkaa qabuu fi dandayu sun isin haa eebbisu! Silaa akkan xiyyeeffaddheetti magaalaawwan kun qubee “A” irraa hamma qubee “Z“-tti tartiibaan dhiyeeffamuuyyu. Haatahu malee, laalleewwan magaalaawwan hundumaa ammaaf waanan harkaa hin qabneefan akkuman argaddhetti, hammuman argaddheen jalqaba.
Ani waayeen xindachee (joogiraafii) kun akka isin hin nuffisiifneefan beekatuma waayee: Afaan, barreessumsa (ogubarruu), seenaa fi aadaa Oromoo garii itti-dabaluun isiniif dhiyeessa. Maali, kana argattaniitii-ree? Dabaleesoo, kutaa isa xumuraa keessatti tartiibni magaalaawwanii, fakkoolee fi lakkoofsi jiraattotaa faa kennamaa hangasitti mee obsa Oromoo san natti hin qusatinaa! Laalleewwan qabdan yoo karaadhuma imeela kiyyaa naaf ergitan harka-baneetan simmaddha!
SEENSA
Jechi “mandara” jedhamu kun jechoota Oromoo isa “mana“-a fi “daramuu” (man + dara = mandara) jedhamu irraa kan baafame. “Manneen walitti daramanii” jechuun “walitti raramanii” jiran jechaa dha. Mandara jechuuf “magaalattii” jechuunis ni dandayama. Maaltu dhabame, afaan keenya Afaan Oromoo, afaan nadhii dammaa kun sonaan dureessawoo! Amma mallin ani itti-dhiyeessu godina Oromiyaa tokko fudhachuun mandaroota fi magaalaawwan godina san keessatti argaman cufa tarreessuu dha. Kanas akka barumsaaf Dhaloota Qubee kiyyatti toluufan magaalmataa godina sanii irraa, karaa konkolaataa isaa hedduu guddaa tahe qabachuun kanneen karaa san irratti argaman hunda tarreessa. Fakkeenyaaf: Assallaa irraa ka’uun: Saaguree, Boqojjii, Asaasa, Dodoola, Adaabba faa. Isaan karaa guddicha san irratti hin argamnes achumaan dhiyeeffamu.
Ammaaf mee Shaggar shaggaa keenya, Finfinnee finna keenya irraa ka’uunan gara Ambootti qajeela. Yaa Oromoo kiyya, Amboon yoon jalqabe isin marti Amboof harka-rukuttu jedheen yaada. Ambo keessanitti kanatu guddatee-ree? Ani dur Ambo Shaggar keenya irraa wantee (kiilomeetira) 125 fagaachuu isaan beeka. Ani karaa asfaaltii warri Habashaa wagaalee 70 keessatti ijaaruu dhaddhabee, warri Xaaliyaanii waggaa shan keessatti ijaare tokko tokkoonan beeka. Biyya Torban Kuttaayee kana balaa-muka isaallee nan beeka. Garuu, amma warri Wayyaanee “keenya” Ambo gara Shaggaritti waan siiqisaniif kiiloomeetira 105 tahee jira jechaan dhagaye. Wayyaaneen Ambo mararfatteetii mitii, silaa Amboo fi ishiin ibiddaa fi citaa dhaa, amma waan biraa dhiifnee qalbiin karaa keenya qabannee gara Ambootti haa xuruurru!
QAAMADUBBII
Egaa mee amma walqabannee, konkolaatadhaan yookaan farda Oromoo isa “farda Jiddaa” jedhamuun Shaggar irraa kaanee gara Ambootti haa qajeellu! Ambo keessan kun jagna qofa otoo hin taane, arjaa dhasiwoo “ni beelofna, ni dheebonna” jetteenii waa tokkollee hin yaadayinaa!
Buraayyuu (1) – magaalaan kun dur oggaan ani ijoollee daangaa Finfinnee irratti argama ture. Amma Finfinnee-dhaan liqimfameeti jira. Gosni Buraayyuu fi naannoo isaa keessa ture Kurnan Gullallee-ti. Dur qeyeen goota Oromoo Gullallee, kan Tufaa Munaa naannoo kanatti argamaayyu. Amma Buraayyuu irraa kaatanii Gafarsa Tufaa Munaa bira kuttanii wantee 30 irratti magaalattii Koloboo (2) – tan warri qawween biyya keenya qabate kiristinnaa kaasuun, “Mannaagashaa” jedheenii seentu. Kuunnoo, gaarri guddichi garaa waaqaatti (samiitti) ijaajjee karaa harka bitaatiin isintti muldhatu sun “Hococa” jedhama. Tulluun dheeraan qaramee ol-dheeratu sun immoo “Tulluu Koloboo“-ti. Yommuu Koloboo irraa baatan gaarri dheeraan karaa lixaatiin isinitti muldhatu sun “Gooroo Dandii” jedhama. Kun isinitti dhiyoo wayii hin seyinaa, bakka amma jirtan kana irraa kiilomeetira 100 fagaatee, naannoo Afran Walisoo keessatti kan argamu. Goodaan gooroo dheeraa kanaa fi bakka jirtaan jidduu jiruu kun, “Goodaa Bachoo” biyya xaafii fi biyya jagnootaa-ti. Amma kunoo “Marfata” keessa marfattanii gara magaalaa Hoolotaatti deemaa jirtu. Bakka kanatti leenci Oromoo Kabbadaa Buzunash, marfateetoo Xaaliyaanii Biyya Gadaa qabatte san kan kashakkashaa ture. Walaloo uummata Oromoo kan bara sanii yoon amma tokkoo isaa qofa harka isin buuse, na eebbisuun keessan hin oolu!
                                      Kabbadaa Buzunashii
                                      Yaa Kabbuu Buzunashii
                                      Xaaliyaan Shaggar lixxee
                                      Buupphaa fi indaanqoo fixxee
                                      Koo qabi qixxumashii!
                                      Kabbadaa Buzunashii
                                      Goorootti dachaase hundumashii!
Kunoo, gooroon sun bakka amma keessa deemaa jirtani. Silaa Meettaa, Meettaa keessaa Meettaa Hoolotaa keessa akka deemaa jirtani beektuu laata? Ee, Meettaa biyya qeerransootaa, biyya Ordofaa Cangaree, biyya Cangaree Sookilee! Kunoo, wantee 45 irratti magaalaa Hoolotaa (3) – seentanii jirtu. Biyyi, biyya hoolotaa-tii egaa foon hoolaa kashakkasaa! Daadhiis irratti basshabbashaa! Karaan inni as irraa ka’ee gara kaabaatti, gara fuula Salaaleetti qajeelu karaa isa magaalaa simintoo, magaaalaa Mogor (4) – nama geessu. Naannoo Meettaa Hoolotaa irraayyi gara naannooMeettaa Roobii-tti ceetu jechaa dha. Maarree Meettaa biyya jagna durii, biyya Birraatuu Goolee! Waraana Adowaa isa warri Amaaraa ittiin-dhaadatan sana irratti kanneen Xaaliyaanii haleelaa turan jagnoota Oromoo: Gabayyoo Gurmuu, mootii Oromoo Walloo abbaa Iyyaasuu, jechuun Mahaammad Alii, Baalcha Abbaa Nafsoo fi Birraatuu Goolee fayi. Haatahu malee, Mogor gaafa biraa dhaqxuu amma bakkuma kaataniif gara Ambootti xuruuraa!
Amma kiilomeetira 55 irratti magaalaa dur masaraan Cangaree Sookilee ture irratti tan ijaaramte, magaalaa Ejeree (5) – seentu. Ejereen teenya tunis akkuma Caalaa fi Fayyisaa, akkuma Lalisee fi Kumee faa nafxanyoota Amaaratiin kiristinaa kaafamtee: “Addis Alam” jedhamte. Magaalaan Hoolotaas mee maqaa kiristinnaa “Gannat” kan jedhamu qaba ture.
                                “Ejeree waraabbattee, Ejeree warrabbatte Kuulinii
Guyyaa wajjin oolanii, halkan qobaa buluudha xuurinii!
Jedhe mitiree, jaalatamaan keenya Muktaar yoo sirbu! Mee amma otoon kana keessaa hin bayinan seenaa Oromoota faarfamoo keessaa waa isinitti qicee, kutaa isa kana asuma irratti dhaaba. Ni beektu mitii, ginni-bittee Amaaraa of-tulummaa fi of-guurummaa-dhaan akka geeba addunyaa argate. Bara warri Mosolonii biyya keenya weeraran, mootiin isaaniis, raasonni isaaniis raroo isaanii haratanii gara Biyya Ingilizii fi Biyya Falastiinaa kan ennaa san kolonii Biritaaniyaa Guddoo tureetti baqatani. Biyya ofis, impaayerittii ofiis qarriffoo diinaa keessatti dhiisuun baqatani. Jagnoonni Oromoo garuu, kanneen akka Garasuu Dhukii, Baqqalaa Wayyaa, Jimaa Sambatee, Abbabaa Aaragaay, Mokonniin Wasanuu, Hayila-Maaram Maammoo, Oliiqaa Dingil, Badhaatuu Magarsaa, Leelloo Keelloo faa biyya ofii irraa hin baqannee bosona Oromiyaa manneen ofii taasifatanii warra Mosolonii ofirraa hariyani. Warri baqachuu irra hafee, bantiiwwan baandotaa tures nafxanyootuma; Raas Hayiluu fi Raas maaloo maaloo faayi. Silaa gurraan isaanii fi of-tuulummaan isaanii daangaa hin qabu, “farda yaabbidhaan” jechuun gugsii-dhaan “nutu caala” jechuun Xaaliyaanota wajjin qotee (jirraa) qabatani. Booda Xaaliyaanii irraa nama kanaan caalu, Habashoota irraas nama caalu finna jedhame. Kan ittiin darbatanii wal-waraanan ofaadhaan (uleedhaan) otoo hin taane eeboo-dhaan akkatahus waliif galame.
Isaan nama sonaan gugsiin beekamu biyya ofii Gondor, Manjee fi Goojjam keessaa dhabnaan: “silaa fardaan Gaallaa namni hin dandayuu; silaa Gaallaan gugsii malee wanni inni beeku hin jiruu“, Biyya Oromoo irraa barbaaduu jalqabani. Garuu, Biyya Oromoo keessaa warri kanaan beekaman baay’ee dhaa, eenyu filanii eenyu dhiisuutu rakkisaa ture. Otoo Xaaliyaaniin hin dhufin namoota Oromoo kanneen akka malee gugsiin beekaman keessaa, namoonni lama hunda caalu jedhamaayyu: Macca keessaa Garasuu Dhukii fi Tuulama keessaa Ordofaa Cangaree! Booda warri Amaaraa kun Oromoota waamanii “nama beekamu nuu fidaa” jennaan, silaa waayeen Garusuu Dhukii inni waan bosona jiruuf hin tuqamu: “maal Ordofaa Cangaree jiraa mitii?” jechuun isa Meettaa Hoolataa dhaquun itti-himani. Inni kanatu isa dhibee-ree gammachuun fudhate. Ammoo, eeboon waraanamanii du’uun waan jiruuf, inni dhaamsa du’aa katabsiifatee morkii saniif dhiyaate. Ixaan baafamee, nama dura hari’amu jennaan “Ordoofaatti” baye. Faranjichi dursee Oromticha ajjeesuuf carraa qaba jechaa dha. Haatahu malee, ennaa Xaaliyaaanichi Oromticha keenya hariyee eebboo isaa humna guddaan gadi itti-dhiisu, Orodafaan kooraa irraa hin jiruu, inni waan garaa fardaa jalatti milqeef eeboon sun kooraa fardaatti dirame.
Booda leenci sanyii leencaa “beenu naa gali!“, jechuun Xaaliyaanicha hariye. Ordofaa Cangaree bira gayee: “ih si galaafaddhe!” jechuun eeboo darbachuuf sirriitti aggaamee, ammoo otoo hin darbatin dhiise. Miliquu san Xaaliyaanonnis xiqqooshii ni beekuu, Xaaliyaanichi milqee booda kooraatti deebiye. Yoona jagnichi keessan humna qabu hundaan Faranjicha kooraatti hoddhe. Achumatti du’e. Silaa Habashoonni yoo Abbabaa Biqilaa moyes, yoo Faaxumaa Roobaa mootes isaantu moyee, amma nutu moye jechuun jirraa sanaan caalani. Gaafasuma egaa Oromoo maaltuu walaloon dandayaa mitii:
 Ordofaa Cangaree
Diimaa akka barbaree
Xaaliyaanii qabee
Ganyaatti danqaree!
Jedhamee walaleeffame!
                                                                                Itti-fufa —!
                        ==============    //    ==============

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: